Bakka miidiyaaleen dhugaa hinjirretti tuullaan dharaa biyya diiga

Finfinnee: Rakkoolee walxaxoo waggoota shanan darban mudatan keessatti namoota hedduuf har’i Itoophiyaa biyya diigamtutti raagamaa ture. Ulfaatinni rakkinichaa anga’oota siyaasaa qofa osoo hintaane miidiyaalee ummataa hedduu abdii kutannaa keessatti darbateera.

Miidiyaaleefi hoggansi muraasni rakkoo yeroo osoo hinta’in dhugaafi mul’ata egereetti cichuun biyya diigumsarraa baraaruu qofa osoo hintaane guddina rogawwan maraa galmeessuun warra burjaajii keessatti kufan dammaqsuu danda’aniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad tibba darbe miidiyaalee muraasa dhugaatti cichuun jijjiirama eegalame tarkaanfachiisaniif beekamtii kennaniiru.

Dhimma kana ilaalchisee Gaazexaan Bariisaa Roobii darbe Ministir De’eetaa Tajaajilaa Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Obbo Kabbadaa Deessisaafi Hayyuu Miidiyaafi Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) waliin turtii taasiseera.

Akka Obbo Kabbadaan jedhanitti, biyya jijjiirama keessa jirtu diigumsaafis ta’e ce’umsatti dhiyoo waan jirtuuf miidiyaaleen ergama diigumsaa fudhachuun rakkoolee jijjiiramaan walqabatan akka malee dhaadhessuun ummata keessatti abdii kutannaa facaasaa turan lakkoofsa hin qaban.

Inumaayyuu miidiyaaleefi ogeessotni miidiyaa seeraafi naamusa gaazexeessummaa moggaatti dhiisuun olola dharaan walitti ummattoota gidduutti bu’iinsaafi walshakkii uumamee biyyattiin akka diigamtuuf mudhii hidhatanii hojjetaa turanis jiru.

Haa ta’u malee, miidiyaaleen muraasni garuu osuma ololli jibbaafi dharaa isaanirratti iyyuu oofamuu rakkoo mudateefi imala jijjiirama olbaasuufi gad buusuu tokko malee madaalliisaa eeguun dhugaa lafa jiru gabaasaa turuu yaadachiisanii; haaluma kanaan miidiyaaleen 11 kanneen seeraafi naamusa gaazexeessummaa eeguun walitti dhufeenya sabaafi sablammootaa cimsuu, misooma biyyaa mul’isuu, nageenya buusuufi dantaa biyyaa kabachiisuurratti, keessattuu waggoota lamaan darban hojjetaa turan Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin beekamtiin kennamuufii ibsaniiru.

Miidiyaan walitti dhufeenya cimsuu, nageenya waaressuu, maqaa gaarii biyyi qabdu addunyaatti mul’isuun hawwata turiizimii babal’isuu keessatti shoora guddaa qabaachuu himanii; faallaa kanaa olola jibbaafi shakkii facaasuun biyya diiguufis meeshaa humna qabu ta’uu dubbataniiru.

Akka isaan jedhanitti, miidiyaalee beekamtiin kennameef kunneen dhiibbaa keessatti hojii haqa qabeessa isaan hojjetan bira qabiinsaan ilaalameeti malee hanqinaalee hin qaban jechuu miti. Itoophiyaa keessatti gaazexeessaan dirqama ogummaasaaf hidhame hinjiru. Beekamtiin eegalames afdaneessummaa bu’uureffatee kan ittifufu ta’a.

Obbo Mahaammed Ahmad gamasaaniin akka jedhanitti, jijjiiramni dhufe dagaagina miidiyaaf carraa bal’aa uumus, miidiyaaleen qooda nageenya, tokkummaafi obbolummaa jajjabeessuu, jibbaafi diigumsa walaleessuun rakkoo hamaa uumaa turaniiru. Kaayyoon miidiyaa odeeffannoo haqaafi madaalawaan barsiisuu, hubachiisuufi bashannansiisuu osoo ta’ee jiruu gochoota diigumsaa bal’inaan calaqqisiisaa turaniiru.

Hojii ogummaa hojjetaniif beekamtiin miidiyaalee muraasaaf kenname, miidiyaalee dirqama ogummaafi lammummaa ba’ataa jiran caalaatti onnachiisa, warra daandii gadi lakkisan ammoo gara daandiitti deebisa jedhanii; Itoophiyaa biyya qormaataaf hinjilbeeffanneefi daandii jijjiiramaarra saffisaan imalaa jirtu ta’uunshee beekanii hubachiisuun dirqama ogummaasaanii ta’uu dhaamaniiru.

Beekamtiin miidiyaaf haala kanaan kennamuunsaa seenaa biyyattii keessatti isa jalqabaa tu’uu himanii; miidiyaaleen dhugaa lafa jiru riqicha godhachuun dantaa biyyaafi ummataaf waardiyyaa ta’uurratti miira dorgommiin hojjechuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

 

Recommended For You