“Baatuun gama hundaan imala badhaadhinaarratti argamti” Obbo Ahmaddiin Ismaa’il (Kantiibaa Magaalaa Baatuu)

Magaalaan Baatuu bara 1953 akka hundoofte kan himamuuf yoo ta’u, magaalota Itoophiyaa riiformii keessa galan keessaa ishee tokko. Finfinneerraa kiiloo meetira 160 fagaattee kan argamtu Baatuun, magaalota qabeenya uumamaatiin badhaadhan keessatti eeramti. Magaalattiin qarqara hara Dambalitti argamuunshii wiirtuu turizimii akka taatuuf carraa baneeraaf.

Hojii misoomaa cimaa keessa kan jirtu Baatuun sagantaa Itoophiyaa qulqulluu Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin labsame dursitee eegaluun manneen fincaanii sadarkaasaanii eeggatan ijaaruun tajaajilaaf qopheessaa jirti.

Hojiilee magariisummaas xiyyeeffannaan raawwachaa kan jirtu yoo ta’u, qarqara hara Dambalis haala daran miidhagaa ta’een misoomsuuf lammiilee carraa hojii, jiraattotaafi turistootaaf bakka aaragalfii, magaalattiif ammoo madda galii ta’eera.

Magaalaan kukkuullattee miidhagaa jirtu kun mallattoo baga nagaan dhuftanii seensarratti qabeenya uumamaashii kanneen akka simbira Abbaa Mokee jedhamuufi qurxummiin fayyadamuun miidhagfamee hojjetameen anaa dhufu jettee keessummootashii simachaa jirti.

Gaazexaan Bariisaas sochiilee gama siyaasaa, hawaasummaafi dinagdeetiin taasifamaa jirurratti akka nuuf ibsaniif Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu Obbo Ahmaddiin Ismaa’il keessumaa maxxansa kanaa taasifateeraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Sochiin misoomaafi haalli nageenyaa Magaalaa Baatuu maal fakkaata, akkamittis ibsama?

Obbo Ahmaddiin: Sochiin gama nageenyaafi misoomaatiin taasifamaa jiru olaanaadha. Magaalaan keenya badhaadhina maatii mirkaneessuufis sochii bal’aa taasisaa jirti. Kun waanuma qabatamaan lafarrattis mul’ataa jiruudha. Hojiileen gaggaariin jireenya hawaasaa jijjiruu danda’an hedduun hojjetamaa jiru.

Kana keessatti roga misoomaarraa kaanee yoo ilaalle: Baatuun magaalaa hawwata turizimii, jireenya dhala namaatiif mijooftuudha. Roga kanaan hojiilee guguddoon hojjetamaniiru, hojjetamaas jiru. Baatuun akkuma teessumashiitiin ilaallee hubachuu dandeenyu magaalaa bareedduufi mijooftuu, Rabbi qabeenya uumamaatiin ishii badhaaseedha.

Kanneen keessaa kan daran ittiin beekamtuufi adda ishee taasisu, akkasumas hawwattuu turizimii ishee taasisu jennee qoqqoodnee yoo ilaalle, tokkoffaan hara Dambali. Baatuun hara Dambaliin beekamti. Bal’inni hara Dambal hektaara kuma 50. Bal’inni magaalaa ammoo hektaara kuma 21. Hara dachaa oliin magaalaarra bal’atu jechuudha.

Hara lafa hektaara kuma 50 irratti qubate qofa otoo hintaane hara kana keessatti waantonni hawwattummaa turizimiitiif oolanis hedduun jiru. Harichi odoloota guguddoo shan kan namni irra jiraatuufi irra hinjiraanne qaba. Odolli namni irra hinjiraanne kan odola simbirrootaa jedhamu jira.

Simbirroonni adda addaa iddoo biraatti hinargamnellee asitti qofa argaman jiru. Akkuma beekamu hara kana keessatti qurxummiiwwan daran hedduutu jiru. Namni guyyaa guyyaadhaan qurxummii soorrachaa jiraata. Eegaa Baatuun uumamumaan qabeenya qabdu kanatti yoo sonawwan muraasni akka bulchiinsa magaalaatti ittidabalame magaalattii dinagdeedhaan gara fuulduraatti tarkaanfachiisuun akka danda’amu waan amannuuf rogawwan hundaan tarsiimoo jireenya hawaasaa jijjiiru bocnee ittideemaa jirra.

Baay’inni ummata biyya keenyaa miliyoona 100 caaleera. Ummata kana haala imalaa kanaan dura baranneen deemnee jijjiiruu hindandeenyu. Kanaaf imala qocaatiin deemuu osoo hintaane yaadamaafi inisheetivii haaraa jireenya ummataa jijjiiruu danda’an mootummaan bocee gadi buuseera.

Bariisaa: Baatuutti sochiin qonna magaalaa maal fakkaata?

Obbo Ahmaddiin: Qonna magaalaatii akaakuuwwan inisheetivii 28 qabannee milkeessaa jirra. Akaakuuwwan inisheetivii kanneen keessaa hawaasni magaalaa kamuu qotatee, omishee, jiraachuu nidanda’a. Waan hojjetuun ammoo jireenyasaa jijjiiruu nidanda’a.

Kanneen keessaa tokkoffaan qonna magaalaati. Qonna magaalaatiin walaqabatee Magaalaan Baatuu kuduraa kanneen akka paappaayyaa, avokaadoo, muuzii fa’iin akkasumas omisha qamadiitiin daran waan beekamtuuf naannawa kanatti hojii guddaa hojjechaa jirra. Hojiin kun ammoo waan namni lafa bal’aa qabaateef hojjetu miti. Namni hundinuu oyiruudhuma xiqqoo qaburratti hojii kuduraafi muduraa yoo hojjete jireenyasaa jijjiiruu waan danda’uuf haala kanaan hojjechaa jirra.

Inni biraa sagantaa, “Nyaata koo boroo kootti” kan jedhamuudha. Sagantaa kana akka tarsiimootti qabannee hojjechaa kan jirru namni waan oyiruun keenya omishuu hindandeenyeen ala gabaarraa bituun irra hinjiraatu. Lafuma qe’eedhaa qabnurratti pilaastikii bishaanii murree biyyoo itti naquun qaaraafi raafuufaa irraan oleefi dalgees ta’u haallitti qabatamee hojjetamaa jiru daran gaariidha.

Bariisaa: Qonna magaalaarratti haala kanaan hojjechuun bu’aa akkamii argamsiisaa jira?

Obbo Ahmaddiin: Hojiin kun jiruufi jireenya hawaasa keenyaa jijjiireera. Akkaataa kanaan qonna magaalaa oggaa sadarkaan hojjennu bu’aa maalii nuu buuse jennee yoo ilaalle tokkoffaa tasgabbii gabaati. Magaalaa keenyatti qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu dandeenyeerra.

Namuu hanguma humnasaa waanuma qabuun bitatee jiraachuufi maatiisaas jiraachisuu akka danda’u gochuun danda’ameera. Kunis kan ta’eef hojii qonna magaalaarratti bal’inaan waan hojjenneefi. Omisha timaatimiirratti hojjetaa akka jirru isinis agartaniittu. Omishni timaatimii gandoota qabnu 10 keessatti haaluma walfakkaatuun bal’inaafi xiyyeeffannaa olaadhaan hojjetamaa jira. Kilaastarri kuduraafi muduraas haala adda ta’een hojjetaa jira.

Bariisaa: Baatuutti hojiin horsiisa lukkuu sadarkaa akkamiirra jira? Eennyutu irraa fayyadamaa jira?

Obbo Ahmaddiin: Hojii nuti qonna magaalaarratti xiyyeeffannoon irratti hojjetaa jirru keessaa tokko horsiisa lukkuuti. Lukkuuwwan miliyoonotaan lakkaa’amantu haala ammayyaatiin magaalaa keenyatti horsiifamaa jira. Lukkuu sanyii addaa guyyaa guyyaadhaan lukkuu buustu (hanqaaqxu) omishaa jirra. Kana keessatti eenyufaatu irraa fayyadamaa jira jennee yoo ilaalle tokkoffaa hawaasatu irraa fayyadamaa jira.

Lammaffaa dargaggeessi gama carraa hojiitiin irraa fayyadamaa jira. Hojii kanaan fayyadamummaa dargaggoota keenyaa mirkaneessaa jirra jechuudha. Horsiisa lukkuu kana oggaa haala kanaan hojjennu, qaala’ina jireenyaa hoo akkamiin tasgabbeessine jennee gaafa ilaallu bara darbe magaalaa keenyatti killeen tokko qarshiii 17 ture. Barana ammoo qarshii saddeet ykn sagalatti gadi bu’eera.

Kaayyoon keenya gatii killee qarshii saddeet ykn sagalitti gadi buusuu miti. Akeekni keenya gatii killee kana gara gatiisaa duriitti deebisuudha. Kanneen waldaadhaan gurmeessinee horsiisa lukkuurratti hirmaachisne qofa otoo hintaane namni kamuu akka tarsiimootti lukkuu 10 hanga 25tti qabaachuu qaba jennee xiyyeeffannoon hojjetaa jirra. Kun hojii waggaa tokko qofa keessatti hojjetameedha.

Jiraataan magaalaa kamuu lukkuuwwan 25 mana keessaa qabaachuu qaba. Yoo xiqqaate ammoo kudhan. Ijoolleen killee lukkuu nyaachaa guddachuu qabu jennee akka tarsiimootti qabannee ittideemaa jirra. Kilaastara lukkuu 200 hojjenneerra. Kilaastarri tokko lukkuuwwan kuma lama qabaata.

Bariisaa: Hojiin gama horsiisa looniifi omisha dammaa hoo sadarkaa akkamiirra jira?

Obbo Ahmaddiin: Horsiisa loonii, omisha aannaniifi dammaattis xiyyeeffannoon hojjetaa jirra. Keessumaa Baatuu galaana dammaa gochuu dandeenya jennee kilaastara dammaa gaagura ammayyaa kuma tokkoo ol galchinee damma omishaa jirra. Kan isinis qaamaan argamtanii ilaaltan kilaastara tokko. Kilaastaroota dammaa 50 ol qabna.

Kilaastara furdisa loonii 50 hojjenneerra. Kan omisha aannaniis kilaastaroota 50 hojjenneerra. Kunniin kan akka mootummaatti hojjenne qofa. Kan hawaasa gurmeessinee ofiin hojjete jira. Otoo kana hindabalatiin mootummaan gama qonna magaalaatiin hojiilee irranatti eerre hojjetamaniiru. Kunis deemee deemee magaalaa keenyatti gatii tasgabbaa’aadhaan waa argatee akka jiraatu taasisaa jirra. Roga dinagdeetiin akka waliigalaatti hojiin deemaa jiru daran gaariidha jechuu nidandeenya.

Bariisaa: Baatuun gama galiitiin maal fakkaatti?

Obbo Ahmaddiin: Magaalaan tokko guddachuu kan dandeessu yoo galiinshii cime qofa. Galii faana walqabatee barana dachaa bardheengaddaa sassaabuuf karoorfanneerra. Karoorri galii barana ni sassaabna jennee qabanne tajaajila mana qopheessaarraa qarshii miliyoona 145. Kan qabanne hunda sassaabneerra.

Kan gali idilee qarshii miliyoona 497 ni sassaabna jenneerra. Kanas guutummaatti raawwachuu dandeenyeerra. Amma ji’a kana karoora keenyaa ol sassaabuuf jenna. Karaa kanaan galii keenya dachaadhaan daballeerra. Galiin kanaan ammoo hojiilee misoomaa hojjechaa jirra. Pirojektoota fayyadamummaa dargaggootaafi ummataa mirkaneessan hojjechaa jirra.

Bara dhufu karoora keenya dachaadhaan dabaluuf yaadaa jirra. Akka tarsiimootti gubaadhaa kan kenname karoora keenya harka 30n baay’isnee akka qabannuudha. Karoora bara ittaanuus dachaan daballa. Magaalaa kana jijjiiruuf karoora qabannee ittideemaa jirra.

Erga galii keenya sadarkaa kanaan jijjiiruu dandeenyee wantoonni amma hudhaa nutti ta’an maali jennee yoo ilaallu kanin irranatti kaase dhimmi qaala’iinsa jireenyaa jennu kun xiyyeeffannaa guddaa barbaada; hojii guddaan amma irratti hojjechaa jirrus isa waan ta’eef. Maaltu qaala’iinsa jireenyaa kana fide jennee yoo ilaalle tokkoffaa daldala seeraan alaati. Daldalli seeraan alaa magaalaa keenyatti akka zeeroo ta’uuf hojjechaa jirra.

Namni sochii daldalaa keessa galu marti eeyyama daldalaa baafatee akka hojjetuuf xiyyeeffannaa guddaadhaan ittideemaa jirra. Damee kanaanis hojii guddaatu hojjetamaa jira. Roga turizimiitiin hojii guddaan hojjetamaa jira. Gama dinagdeetiin kanatu jira.

Bariisaa: Waantota gama tajaajila hawaasumaatiin hojjetamaa jiran otoo nuu eertanii?

Obbo Ahmaddiin: Damee hawaasummaarratti xiyyeeffannaan hojjetaa jirra. Fakkeenyaaf akka inisheetiviitti qabannee deemaa kan jirru waa’ee qorichaati. Gama qorichaatiin dhiyeessisaa dabalatee hanqina guddaatu jira. Rakkoo hawaasa keenyaa kana furuuf mootummaan akka inisheetiviitti mana qorichaa hawaasaarratti kallattii nuu kaa’eera. Mana qoricha hawaasaa bara darbe hinqabnuuyyu.

Barana ammoo qarshii miliyoona 2.2n mana qorichaa hawaasaa kan qorichoota akaakuuwwan 149 qabu binnee hawaasaaf banuu dandeenyeerra. Gaafa mana qorichaa hawaasaa kana bannu kaayyoowwan guguddoo lama qabanneeti. Isaanis: Tokko hanqina dhiyeessii qorichaa naannawa gabaatti mul’atuufi hawaasa keenya rakkisaa jiru furuudha. Lammaffaa gatii qorchaati. Manni qorichaa dhuunfaa akka barbaadetti ummatatti gurguraa jira. Kana tarkaanfii fudhannee sirriitti tasgabbeessaa jirra.

Gaafa mana qoricha hawaasaa kana akka mootummaatti bannu hawaasni gatii madaalawaadhaan akka argatu gochuudhaafi. Kaayyoowwan guguddoo lamaan kanneenirratti xiyyeeffannee hojjechuun hanqina dhiyeessii qorichaa furreerra. Lammaffaa hawaasni gatii madaalawaadhaan qoricha akka argatu taasisneerra.

Bariisaa: Gama industirii godoo fa’iin maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Ahmaddiin: Namoonni ogummaawwan adda addaa qabu. Kan ogummaa harkaa qabu jira. Industirii godoo jennee magaalaa keenya keessatti wagguma waggaan daballee hojjechaa jirra. Kaayyoon industirii godoorratti xiyyeeffannee hojjechaa jirruuf namni ogummaa qabu, dandeettii waa bocuu qabu, waa kalaquu danda’u, sababa iddoo itti omishu dhabeen, iddoo itti ogummaasaa kana lafa buusu dhabeef ogummaasaa qabatee kan taa’aa jiru baay’eedha.

Kana keessatti ammoo iddoo namni ogummaa qabu kun ogummaasaatiin hawaasa ittitajaajilu waan tokko omishee, tolchee, gabaaf ittidhiyeessu hojjechuufii waan qabnuufi. Bara darbe industirii godoo tokko, baranas lama hojjenneerra.

Bariisaa: Hojiin gama magariisummaa magaalaatiin hojjetamaa jiru akkamittti ibsama?

Obbo Ahmaddiin: Magariisummaafi miidhagina magaalattiirrattis xiyyeeffannaadhaan hojjechaa jirra. Pirojektii Haroo Dambal jedhamuun hojiin miidhagsa qarqara harichaa, jiddugalli bashannana dargaggootaa qarqara harichaatti hojjenne, magaalaa keenyaaf bu’aa guddaa buuseera. Miidhaginni magaalaas dabaleera. Dargaggoota keenyaafis carraa hojii uumeera. Galii magaalaas nuu dabaleera.

Pirojektiin ‘lake side’ jennee qabanne hojjenne sun jiddugalli bashannana dargaggootaa hara Dambalirratti hojjenne guyyaadhaan yoo xiqqaate qarshii kuma 30 hanga kuma 40 nuu galcha. Bakkichi gaafa namni baay’inaan hinseenne jenne qarshii kuma 20 galcha. Karaa biraatiin pirojektii ‘rood saayid’ jennee qabanneen magariisummaa magaalaa babal’isaa jirra.

Magariisummaan daandii asfaaltii guddaa maddiitti argamu bara darbe balfa ture. Kanaaf tarsiimoon pirojektii rood saayidiifi magariisummaa kun akeekawwan afur jechuunis magaalattii gara turizimiitti ceessisuuf, miidhagina magaalaa dabaluuf, dargaggootaaf carraa hojii uumuuf, galii magaalaa dabaluu qabatee hojjetamaa ture, jiras. Kanaanis magaalaas ta’e qarqarri hara Dambal daran miidhaganiiru.

Karaa biraatiin waanti magaalota birootti hinhojjetamneefi Baatuutti hojjenne tarsiimoo Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) geejibaan walqabatee deemaa jiru, haaluma isaan geejiba gara motora aara hinqabneetti jijjiiruu qabna jedhaniin magaalaa keenyatti lafa buusuuf daandii saayikilii kiiloo meetira 2.5 qarshii miliyoona 43n hojjenneerra. Kunis addababa’ii gara Yunivarsitii Mootummaa Naannoo Oromiyaa geessuu hanga Sheeritti kan jiruudha.

Kunniin marti walittidabalamanii sadarkaa magaalaan Baatuu gama misoomaatiin irra jirtu kan agarsiisaniidha. Baatuun fayyadama saayikiliitiin beekamtuufi jalqabarratti argamtuudha. Namni geejiba motoraarraa gara geejiba motormaleessaatti dhufuu qaba. Sababiinsaas geejibni motoraa boba’aa barbaada. Boba’aan ammoo maallaqa barbaada.

Geejibni motora malee kun ammoo waan boba’aafi qarshii guddaa hinbarbaadneef gara kanatti dhufamuu qaba. Jijjiirama haala qilleensaatiifillee motoroonni aara maleeyyiin daran barbaachisoodha. Nutis kanuma yaada keessa galchuun daandii saayikilii hojjenne, hojjechaas jirra.

Gaafa waliigalasaa walitti idaatu ammoo Baatuun gama hundaan imala badhaadhinaarratti argamti. Badhaadhina maatii hundagaleessa sadarkaa nama dhuunfaatti jenne sana mirkaneessuuf daandii gaariirra jirti. Baatuun yeroo gabaabaa keessatti magaalaa abdii biyyaa taati jennee eegna. Waanti amma hojjenne kun nuuf jalqabbiidha.

Akkaataa carraa qabeenya uumamaa, humnaafi haala qilleensaa mijataa magaalaan kun qabuun hojiin hinhojjetamne jenneeti kan qabanne. Fuulduratti kana caalaa dachaadhaan qabannee nihojjenna. Jiruufi jireenya hawaasa keenyaa nijijjiirra. Magaalaa abdii biyyaa taate, namni keessaa baqatu otoo hintaane ittibaqatu uumuuf tattaafataa jirra.

Bariisaa: Hojiin biyya ceessisuuf hojjetamaa jiru maal fakkaata?

Obbo Ahmaddiin: Kaayyoon keenya biraa akka maniitti qabannee deemaa jirru biyyi Oromoodhaan (Kabajamoo Ministira Muummee Abiyyi Ahmad) hogganamaa jirti. Sabootaafi sablammiilee biyya keenyaa ammoo carraansaanii amma nu harka kan jiru.

Oromiyaan karoorfattee saffisaan hojjechaa kan jirtuuf ofiishii qofaaf miti. Oromiyaan Oromoo qofaaf miti. Sabootaafi sablammiilee Oromiyaa keessa jiraatan qofaafis miti. Oromiyaan inisheetiivota adda addaa bocee saffisa addaatiin sa’aatii 24:00 hojjechaa kan jiruuf abdiin biyya kanaa Oromiyaarra waan jiruufi. Waan abdiin biyyaa nu harka jiruufi.

Yoo Naannoleen Amaaraa, Tigraayiifi kaan beela’an Oromiyaatu nyaachisu qaba. Naannoleefi saboonni biyya keenyaa yoo rakkatan nu qabu, harka keenyarra waan jiraniif nutu nyaachisuufi gargaaruu qaba miira jedhuuni kan onnee guutuudhaan hojjechaa jirruuf. Qabeenyi Oromiyaa qofti Itoophiyaa guutuu utubuu danda’a. Nutis miiruma kanaan xiyyeeffannee hojjechaa jirra.

Kanaaf kan amma qabanne kun akkuma jirutti ta’ee bara 2017’ttis dachaa baranaatiin karoorfannee, karooricha ammoo gubbaa kaasnee hamma nama dhuunfaatti mariisisneerra. Adoolessi yeroo karoora ittiqopheeffannu otoo hintaane yeroo itti hojii raawwannu waan ta’eef dursinee qophoofnee hojii keessa jirra. Kanaanis hawaasni keenya gara badhaadhinaatti ni ce’a. Magaalaan keenyas gara hawwatummaa turizimiitti niceeti.

Bariisaa: Hojiin gama nageenyaatiin raawwatame hoo maal fakkaata?

Obbo Ahmaddiin: Hojiileen irranatti tarreessinee milkaa’uu kan danda’u yoo nageenyi waaraa mirkanaa’e qofa. Magaalaan keenya akkuma isin keessa deemtanii argitan sa’aatii 24:00 nagaqabeettiidha. Hawaasni magaalaa keenyaa, qajeelfama “Na eegi sin eegaa” jedhamu qaba. Isaan nageenyasaa eeggachaafi mirkaneeffachaa jira. Dhimma na eegii sin eegaa kanaan walqabatee hayyuun Kaaroon jedhamu maal jedha seete? “Gaggeessaa cimaan dugda walittigalee qabsaa’a’’.

Kana jechuun maal jechuudha seete, aniifi ati dugda walittigallee yoo qabsoofne eeboon garasii darbatamtu gugda kee hinseenu; anatu sirraa faccisa. Eeboon gamanaa darbatamu dugda koo hinargatu; situ narraa faccisa jechuudha. Kanaafuu hawaasni keenya tarsiimoo na eegi sin eegaatiin nageenyasaarratti hojjechaa jirra.

Nageenyi kan ummataati. Nageenya loltuu ykn qaama nageenyaa hidhatee socho’u qofaan kan mirkanaa’u miti. Nageenya poolisiin qofti eegee hindanda’u; yoo hawaasni qaamolee nageenyaa wajjin ta’uu baate. Kanaaf tuuta akka bulchiinsa magaalaatti gubbaarraa kaasee hamma sadarkaa nama dhuunfaatti ijaarreerra. Fakkeenyaaf gaafa jalarraa kaanu hawaasni jira. Hawaasni bilookii qaba. Bilookiiwwan walittihidhamanii zoonii ta’u. Zooniin walitti hidhamee ganda ta’a. Gandoonni walitti hidhamanii magaalaa ta’u.

Tokko tokkoon bilookii qindeessaa qabu. Hunduu sadarkaa sadarkaadhaan hanga kantiibaatti ittiwaamamaa qabu. Akkaataa kanaan bilookii tokko keessatti waanti tokko uumamnaan sirna ittigaafatamummaa hordofsiisna.

Haala kanaan ijaarree dabareesaa beeksisuun hojjetaa jirra. Hawaasni waamicha tokko malee gaafa dabareesaa bahee sa’aatii 24:00f sa’aatii jaha jahaan waljijjiiraa ykn walharkaa fuudhaa nageenya magaalaasaa eega. Kunis Baatuuf bu’aa guddaa buuseera. Namoota magaalaa kana jeequuf karoora qabaatan hundarratti tarkaanfiin fudhatamaa jira.

Baatuun magaalaa sa’aatii 24:00 daldalli keessatti adeemsifamuudha. Keessumaa Waajjira kantiibaarraa kaasee hanga daandii gara Mana Sirreessaa geessuutti halkan guutuu daldala ho’aatu adeemsifama. Kunis kan ta’eef waan nageenyi amansiisaan jiruufi. Kanaaf gama nageenyaatiin haala gaariirra jirra. Kun gara fuulduraattis waan cimee ittifufuu qabuudha. Nageenya keenya eeggannee deemaa jirra. Hojiin nageenyaa kan ija irraa liibstan waan hintaaneef sa’aatii 24:00 hojjetaa jirra. Kun gara fuulduraattis cimee kan ittifuudha.

Bariisaa: Dargaggoota gurmeessitanii hojiitti bobbaasuufi humnumti kun nageenya naannawasaa mirkaneessuurratti akka hirmaatu gochuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Ahmaddiin: Mootummaan ammaan tana of kennee hojjetaa kan jiru keessumaa fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuufi. Barana qofa dargaggoota digriidhaa hanga maastarsiitti baratanii hojii malee taa’aa turan kuma jahaafi 500 ol waldaadhaan gurmeessinee hojiitti galchuu dandeenyeerra.

Qophiin dargaggoonni garanatti dhufuuf qaban daran olaanaadha. Kanaan dura keessumaa dargaggoonni baratan gurmaa’anii hojjechuurratti ilaalchi gaariin hinturre. Kunas ammaan tana hojii leenjisuufi hubannoo gabbisuun hamma tokko cabsuun danda’ameera. Ammallee hojii baay’eetu nu hafa.

Dargaggoonni keenya amma namni baratee dhufe hojii mootummaa qofan seena jedhee taa’u yoomin jiruufi jireenya koo jijjiira jedhee yaaduu qaba. Amma hojiin hojii mootummaa caalu kumaatamni jira. Hojii yeroo gabaabaa keessatti hojjennee abbaa qabeenyaa itti taanu guute; magaalaa keenya keessa. Carraa hojii baay’ee qabna.

Dameewwan hojii dargaggoota irratti gurmeessinee hojiitti galchinuun baay’ee qabna. Kanaaf dargaggoonni keenya kan baratee taa’us ilaalcha eeggattummaa, mootummaa eeguu jalaa bahee jiddugala omishaafi gurgurtaa qopheessinefaarratti gurmaa’ee galuu hojjechuu qaba. Jiddugala gurgurtaa kuduraafi muduraa waldaalee 96 qabaachuu danda’u dargaggootaaf qopheessineerra.

Gamoon G+1 qopheessine kan waldaalee baay’ee qabatus qophaa’eera. Kanaaf dargaggoonni keenya gara gurmuutti dhufuu qabu. Dargaggoonni ogummaasaaniitiin, waan hojjechuu danda’aniif hojii filatee, waldaadhaan gurmaa’ee of jijjiiruu qaba. Dargaggoota gurmaa’aniif haalli liqii mijateefi jiruufi jireenyasaa yeroo gabaabaa keessatti jijjirrachuu waan danda’uuf akka gurmaa’un dhaamaaf.

Ani gurmaa’ee hojii qabadhee jijjiirama malee hojii mootummaa eeggadhee jijjiiramuu hindanda’u ilaalcha jedhu qabatee tattaafachuu qaba. Gara gurmuutti koottaa, iddoo isinii qopheessineerraa. Kan ogummaa harkaa qabuuf industirii godoo qopheessineerra.

Kan kuduraafi muduraarratti bobba’uu barbaaduufis jiddugala qophaa’eera. Kan daldalarratti bobba’uu barbaaduufis jiddugala daldalaa isinii qopheessineerraa koottaa gurmaa’aa bakkawwan mootummaan isinii qopheesse kana fudhadhaatii hojiitti galaa ergaa jedhun qaba.

Bariisaa: Buufata konkolaataa sadarkaasaa eeggate hojjechuuf maaltu yaadame? Guddina Magaalaa Baatuu caalaatti dhugoomsuurratti waanti akka hudhaatti ka’u yoo jiraates otoo nuu kaastanii?

Obbo Ahmaddiin: Waantonni akka hanqinaatti otoo xiyyeeffannaa argatee jedhee kaasuu barbaadu, waa’ee iddoo buufata konkolaataa kana. Iddoon buufata konkolaataa kun kan Magaalaa Baatuu madaalu miti. Kan sochii geejibaa magaalattii gitus miti. Dhimma kanarratti bara darbe Abbaa Taayitaa Geejibaa Oromiyaa wajjin buufanni konkolaataa sadarkaasaa eeggate nuu hojjetamuu qaba jennee mari’anneerra.

Isaanis saayit pilaanii hojjedhaatii nuu ergaa jedhanii ergineerraaf. Bajata irratti nuu qabanii buufaticha nuu hojjechuutu hafa. Kanaaf humna magaalaatiin buufata konkolaataa sadarkaasaa eeggate ijaaruun nu rakkisa. Dhimma kanarratti Hoggantuu Biiroo Daandiifi Loojistikii Oromiyaa Injinar Helan Baqqalaa wajjinis mari’anneerra. Dhimmi kun xiyyeeffannaan kennamee nuuf otoo hojjetamee jenna.

Inni biraa Baatuun magaalaa turizimiifi jiraattota hedduu qabduudha. Garuu daandii asfaaltii keessa qaxxaamuree darbu tokko qofa qabdi. Kanarrattis deeggarsa nu barbaachisa.

Bariisaa: Daandii keessoo magaalattiirratti fooyyessuuf maaltu yaadame? Waa’ee seensa daandii saffisaarratti hoo maal jettu?

Obbo Ahmaddiin: Daandiiwwan keessoo gara asfaaltiitti jijjiiruuf ammaaf waan humni magaalaa hindandeenyeef otoo deeggarsi nuuf godhamee gaariidha. Seensa daandii saffisaatiin walqabatee diyaameetiriin magaalaa keenyaa kiiloo meetira 30; Abboosaa kaasee hanga daangaa Tulluutti jechuudha.

Daandiin saffisaa kun kiiloo meetira 30 nu cinaa deema. Balballi seensaa ykn daandiin ittiin seentuufi baatu tokkichumatu jira. Magaalaa Adaamii Tulluu, magaalaa guddootu nu jala jira. Asiin seenta, namni Adaamii Tulluu deemuu barbaadu asiin dhufee garas deema. Fakkeenyaaf namni Shaashamannee ykn Hawaasaa deemuu barbaadu Baatuutti goruu ykn Tulluu dhaqee waa fudhachuu barbaada. Asiin seenee Adaamii Tulluu dhaqee Adaamii Tulluurraa of duuba deebi’ee daandii saffisaa seena.

Adaamii Tulluufi Abboosaatiinis daandiin seensaa jiraachuu qaba jechuudha. Namni Abboosaadhaa dhimma qabus kiiloo meetira 10 deemee deebi’ee baha. Ulaawwan lamaaniinuu namni asiin seenee achumaan akka bahu taasifamuu qaba.

Bariisaa: Dhimma kanarratti qaamolee bulchiinsi keessan dubbise yoo jiraate?

Obbo Ahmaddiin: Kanarratti Ministira Magaalaafi Bu’uura Misoomaa Kabajamtuu Aadde Caaltuu Saanii wajjin mari’anneerra. Yeroo isaan as dhufanii hawaasa waliin mari’attanittis gaaffiin kun jiraattotaan bal’inaan ka’eera. Kanaaf daandiin seensa Magaalaa Baatuu tokko qofti ga’aa waan hintaaneef yoo xiqqaate tokko dabalamee lama ta’uu qaba. Dhimmichi dhimma xiyyeeffannoo guddaa barbaaduudha.

Magaalaan keenya gandoota baadiyyaa 13 ofitti fudhattee barana daran bal’atteetti. Gandoonni kunniin daandii, bishaan, ibsaa hinqaban. Waan bajata keenyaan, abbootii qabeenyaafi hawaasa hirmaachisnee hojjechuu dandeenyu otoo humna keenya hinqusanne ni hojjenna.

Gandi tokko yoo xiqqaate daandii hanga shanii jahaa barbaada. Humna ibsaa dabalatee seektaroonni dhimmi ilaallatus xiyyeeffannaa kennuu qabu. Kanaa achi humna qabnu hunda duguugnee ummata keenya gara badhaadhina hundaleessaatti ni ceessisna yaada jedhuun qaba.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuuf kennitaniif galatoomaa!

Obbo Ahmaddiin: Isinis galatoomaa!

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

 

Recommended For You