Inisheetivoota alergii: Bunaafi muduraa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo laafaa damee qonnaatiif kennamaa ture hundeerraa haaromsuun inisheetivoota walduraa duubaan jalqabeen milkaa’inoota hedduu argamsiisaa jira.

Bu’uuruma kanaan, inisheetivoota baay’ina, akaakuufi qulqullina omishaalee alergii dabalan labsuun erga hojiitti galee as, gama tokkoon fayyadamummaan qonnaan bulaa, gama biraatiin sharafni alaa argamu dabalaa jira.

Inisheetivoota kanneen keessaa misoomni bunaa, avokaadoo, baala shaayiifi muuzii imala milkaa’inaarratti argamu. Barana biqiltuu avokaadoo sanyii filatamaa miliyoona 17 dhaabbiif qophaa’e keessaa hanga har’aatti biqiltuu miliyoona torbaa ol dhaabuun danda’ameera.

Hojiilee waggoota shanan darban “Dikilaareeshinii Ada’aa”tii as raawwanneen, akaakuu avokaadoo sanyii filatamaa gabaa idiladdunyaatti daran barbaadamu lafa hektaara kuma 16 irratti misoomsineerra. Karoora ganna kanaaf qabanneen, lafa hektaara kuma 25 irratti misoomsuun, uwwisa waliigalaa avokaadoo sanyii filatamaa alergiif ooluu gara hektaara kuma 41 olitti kan guddisnu ta’a.

Gama biraatiin erga inisheetivii misooma bunaa bara 2011 labsinee as, baay’inaafi qulqullina omisha buna argamurratti jijjiiramni guddaan dhufeera. Bara 2015 biqiltuu bunaa biliyoona 1.33 kan dhaabnee yoo ta’u, bara kana ammoo biqiltuu bunaa biliyoona 2.5 qopheessineerra. Kana keessaa hanga ammaatti biqiltuu biliyoona 2.1 dhaabneerra. Akkasumas, bara omisha 2016 keessa bunni kuntaalli miliyoona 11.8 sassaabbameera.

Galii sharafa doolaara biliyoona 1.43 akka biyyaatti buna gabaa alaatiif dhiyeessuun argame keessatti, hojiileen waggoota shanan darban naannoo keenyaan raawwataman gahee olaanaa qabu. Haaluma walfakkatuun, labsii inisheetivii baala shaayii Alleetiin, baay’inaafi qulqullina omishaarratti guddina mul’atu galmeessisneerra.

Baranas, dachaa hedduun dabaluuf hojjechaa jirra. Barichatti, biqiltuu miliyoona 413 qopheessuun lafa hektaara kuma 30 irratti misoomsuu jalqabneerra. Sharafa doolaara miliyoona 2.1 alergii omisha bala shaayii irraa akka biyyaatti argame keessattis, hojiin labsii Allee booda raawwatame shoora guddaa taphate.

Dabalataan, inisheetiviin biroo bu’aa argamsiisaa jiru, misooma muuzii (Dikilaareeshinii Iluu Galan, 2011) ti. Inisheetivii kanaan, hunda dura, biqiltuu sanyii filatamaa muuzii sharafa mi’aadhaan alaa galaa ture dhaabbilee qorannoo qonnaa keenya keessatti misoomsuun hambisuu dandeenyeerra. Kanaanis, hanga bara 2015tti sanyii muuzii tiishuu kaalchariin qophaa’e, lafa hektaara 3,000 irratti kilaastaraan misoomsuu dandeenyeerra.

Barana ammoo dachaa sadii oliin dabaluun, lafa hektaara kuma 10 irratti biqiltuu miliyoona 17 ol dhaabneerra. Raawwii kanaan uwwisa muuzii sanyii filatamaa hektaara kuma 13, akkasumas uwwisa waliigalaa muuzii hektaara kuma 37 irra qaqqabneerra. Kana malees, omisha muuzii gabaa biyya keessatiif qofa dhiyeessaa turres, bara 2015 irraa eegallee, gabaa alaatiif qaqqabsiisuu jalqabneerra.

Inisheetivoonni kunneen, gabaa biyya keessaa tasgabbeessuu qofa osoo hintaane, qonnaan bultoota gabaa idiladdunyaatiif dhiyeessaniifi dinagdee biyyaarratti dadammaqiinsa gaarii uumuurratti argamu. Walumaagalatti, omishni qonnaa keenya gabaa idiladdunyaa giddugaleessa taasisuun kan misoomu ta’a.

Milkaa’ina hanga yoonaa, ifaajjii qonnaan bultoonni keenya halkanii guyyaa taasisaniin argameef kabaja olaanaan qabu ibsaa, badhaadhinni maatiifi biyyaa guutummaatti hanga mirkanaa’utti, mootummaan gama hundaan qonnaan bulaa keenya waliin kan dhaabatu ta’uu carraa kanaan mirkaneessuun barbaada.

Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii BMNO

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

 

Recommended For You