Fiigicha, “Nageenyi Hundaaf, Hundis Nageenyaaf” boru Magaalaa Ambootti

Finfinnee: Fiigichi mataduree Nageenyi hundaaf, Hundis Nageenyaaf jedhuun sadarkaa Naannoo Oromiyaatti boru akka gaggeeffamu Biiroon Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa ibse.

Daarektarri kominikeeshinii biirichaa Obbo Buzaayyoo Taklee ibsa dhimmicha ilaalchisuun dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, fiigichi kun sadarkaa Oromiyaatti Magaalaa Ambootti adeemsifama; qophiinis xumurameera.

Kaayyoon fiigicha kanaa hawaasni abbaa nagaa ta’uu hubatee nageenya naannoosaa ittifufiinsaan akka eeguufi hojii nageenya mirkaneessuurrattis gaheesaa akka bahu gochuuf ta’uu ibsaniiru.

Sochiin ispoortiin tokko tokkoon namaa qaama cimaa, sammuu ifaa, horataafi kkf akka qabaatu gochuu maddiitti jaalala, tokkummaa obbolummaafi walittidhufenya jabeessuufis meeshaa guddaa ta’uu Obbo Buzaayyoon eeraniiru.

Fiigicha kanarratti atileetonni beekamoon akka hirmaatanis Obbo Buzaayyoon eeranii, atileetonni Shawaa Lixaafi godinaalee ollaa, barattoonni Yunivarsitii Amboo, kutaaleen hawaasa adda addaa, gareewwan fayyaa ispoortiifaan ni hirmaatu jedhaniiru.

Fiigicha kanarratti hirmaattotni kuma shanii ol kan qooda fudhatan ta’uus himanii, fiigichi kun walta’iinsa Ministeera Nageenyaa, Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa, Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa, Bulchiinsa Godina Shawaa Lixaafi Magaalaa Ambootiin qophaa’uu beeksisaniiru.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

 

Recommended For You