Ergaawwan Ministira Muummee keessaa

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 36ffaa bara hojii 3ffaa bara Paarlaamaa 6ffaa bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) argamanitti dheengadda adeemsifateera.

Nutis ergaawwan Ministirri Muummee Abiyyi yaa’icharratti dabarsan keessaa kanneen ijoo ta’anirratti xiyyeeffachuun haala ittaanuun gaggabaabsinee dhiyeessineerra.

Waantota Itoophiyaaf barbaachisan jahan

  • Rakkoolee jiran mariidhaan furuu.
  • Biqiltuu dhaabuutti dabalee dhaabbilee Itoophiyaa fayyadan dhaabuun biyya ceesisuu.
  • Yaadamaafi akkaataa jireenyaa keenya haala yeroo waliin haaressuu.
  • Gibira dabalatee galiiwwan faayidaa ummataaf oolan walitti qabuu.
  • Yaada hamaa, sanyummaafi gandummaarraa adda bahuufi
  • Humna ittisaa cimaa haala yeroo baraaru qopheessuu, kanaaf ammoo walutubuun biyya cimsuu.

Rakkina jiru mariifi marabbaan furuu

Ajandaawwan waldiddaa akaakayyuufi abbootiin keenya nu dhaalchisaniin waldidaa, walittibu’aa, walwaraanaa jiraachuu hindandeenyu. Nageenya waaressuuf ajandaawwan darbaniin walittibu’uufi walwaraanuu dhaabnee rakkina jiru mariifi marabbaan furuun nurraa eegama.

Karra galaanaa

Itoophiyaan sadarkaa guddina dinagdee galmeessaa jirtuun karra galaanaa argachuu qofa barbaaddi. Kanas qaama kamuu osoo hinmiine fayyadamummaa waloo bu’uureffannee mari’achuun, dhugoomsuun ni danda’ama.

Nageenya Naannoo Oromiyafi Amaaraa

Nageenya Naannoo Oromiyafi Amaaraa ilaalchisuun qaamolee hidhatanii naannolee lameen socho’an karaa nagaatti akka deebi’aniif tattaaffiiwwan olaanaan hanga jaarsummaa itti erguutti mootummaan yaalii taasiseera. Ammas mootummaan akkuma yeroo kamii mariif qophiidha

Mootummaan nageenyaaf dursa kennuun gara bal’inaan fageenya dheeraa imaleera. Itoophiyaa keessaatti walitti bu’iinsaafi waraanaan aangoo qabachuun gonkumaa hindanda’amu.

Hanni gufuufi salphina

Hanni gufuufi salphina. Akka mootummaatti hanni raawwatame hinjiru. Kana qaamni kamuu sakatta’uufi qulqulleessuu danda’a. Ummata Itoophiyaa hinhannu, waan dandeenyuun misoomsuuf hojjechaa jirra. Hanni farra guddina Itoophiyaa ta’uu qaamni kamuu sirnaan hubachuu qaba. Pirojektota misoomaa hojjetamaa jiranirratti hanga danda’ame hordoffiin taasifamaa jira. Seerri kana dura ture hattootarratti tarkaanfii fudhachuuf rakkisaa ture.

Maallaqni alatti baqachiisnu hinjiru

Warra misoomni hojjetamaa jiru maallaqa eessaa dhufeen jettaniif mootummaan maallaqa argatu hunda misoomarra oolchaa jira. Maallaqni nuti gara biyya alaatti baqachiifnu hinjiru. Waan argannu hundaan biyya keenya misoomsaa jirra. Kun hojii galateeffamuu qabudha.

Siyaasa hirmaachisaa

Dhaabbileen siyaasaa morkattootaa Itoophiyaa keessatti aadaa siyaasaa hirmaachisaa uumaa jedhanii gaafataa turan. Mootummaanis aadaa siyaasaa hirmaachisaa dhugoomsuu eegaleera. Waliinis hojjetaa jira. Kun biyyattiif haaraadha, bu’aa jijjiiramichaatisi.

Haa ta’u malee yemmuu mootummaan dhaabbilee siyaasaa morkattootaa ofitti qabee waliin hojjetu qaamoleen kaleessa aadaa siyaasaa hirmaachisaa uumaa jedhanii mootummaa gaafataa turan jalqabbii kana jajjabeessuu dhiisanii deebisanii mormu.

Bakka bu’oota dhaabbilee morkattootaa mootummaa waliin biyyasaaniif hojjetanis akka diinaatti ilaaluun, deebisanii kan ummataaf qabsaa’u, kan ummataaf quuqamu nu qofa jedhanii yaadu. Haala kanaan aadaa siyaasaa hirmaachisaa Itoophiyaa keessatti dhugoomsuu hindandeenyu. Yoo garaagartummaan siyaasaa jiraates dhimma biyyaafi ummataarratti waliin hojjechuun aadeffatamuu qaba. Waraanarraa gara mariifi marabbaatti fuulleffachuun murteessaadha.

Qormaata ilaalcha dulloomaa

Biyyi keenya Itoophiyaan dameewwan garaa garaan milkaa’ina olaanaa galmeessisaa jiraattus sababa ilaalcha dulloomaatiin imalli biyyattiin eegalte qoramaa, maqaanshees karaa hinmalleen ka’aa jira. Yaadama dulloomaa maqsuu dadhabanii qaamoleen yaadama haaraa gufachiisuuf wixxirfatanis jiru. Kanneen ajandaa sabaatiin rakkoo uuman, mootummaa himatan jiru. Haala kanaan misoomaafi nageenya ittifufsiisuu hindandeenyu. Waraana dhaabnee nageenya waaressuuf yaadama dulloomaa maqsinee yaadama haaraan bakka buusuun nurraa eegama.

Ittisa koleeraa

Sadarkaa biyyaalessaattii weeraraa dhibee koleeraa ittisuuf talaalliin miiliyoona 10 kennameera. Weerara dhibee gifiraa ittisuuf aanaalee 58tti talaalliin akka kennameefi busaa ittisuufis saaphanni siree raabsameera. Keessumaa dhiyeessii qorichaatiin walqabatee qorichoota duraan alaa galan kan biyyaa keessaatiin bakka buusuun fayyadama omishaa qorichaa biyyaa keessa %36tti guddisuun danda’ameera.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

 

Recommended For You