Finfinnee: Qabeenyi bosona Itoophiyaa %40 irraa akka tureefi seeraan ala itti fayyadamuudhaan gara %2.3tti gad bu’e hojii deebisanii bosonoomsuu hojjetamaa jiruun yeroo ammaa gara %18tti guddachuu himu, Yuninivarsitii Finfinneetti Barsiisaafi Qorataa Saayinsii Naannawaa Pirofeesar Tashoomaa Sooromsaa.
Pirofeesar Tashoomaan gaafiifi deebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, lafa bosonni irraa manca’e deebisanii bosoneessuun waggaa 10 fudhata. Tulluuwwaniifi gaareen bosonnni irraa dhume deebisnee misoomsuuf waggaa waggaan biqiltuuwwan miliyoonaan lakkaa’aman dhaabamaa jiru. Biqiltuu dhaabuu qofa utuu hintaane eeguufi kunuunsuunis barbaachisaadha. Biqiltuu dhaabanii eeguufi kunuunsuu dhiisuun mucaa dhalanii gatuutti lakkaa’ama jedhu.
Tulluuwwaniifi gaarreen irra yeroo biqiltuu dhaabnu akka horiin hinseenne dalleessinee eeguu qabna. Bossonni bishaan taliilli, qilleensi jiidhaan, bokkaa ga’aafi biyyee gabbataan akka jiraatu taasisuun dhiqama biyyee ittisuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Bosonni wabii jireenyaati. Kanaafuu qabeenya bosonaa keenya misoomsinee, eegnee, kunuunsinee dhaloota dhufutti dabarsuu qabna jedhu.
Hojiin Ashaaraa Magariisaa erga jalqabee waggaa shan ta’eera kan jedhan Pirofeesar Tashoomaan, hojiin ashaaraa magariisaa kun ogeessotaan deggeramee adeemsifamuu qaba. Hojiin Ashaaraa magariisaa jalqabbii gaariirra jiraachuufi aadaa ta’ee itti fufuu qaba jedhu.
Biyyooni addunyaa inisheetiivii ‘BonChallenge’ jedhamu ALA bara 2011 Jarmanirratti waliimallatteessanii turuu himanii, inisheetiivichaan bara 2030tti addunyaarraa lafa heektaara miliyoona 350 bosonni irraa dhume deebisanii misoomsuuf hojjetamaa jira. Itoophiyaanis biyyoota inisheetiivicha hojiirra oolchaa jiran keessaa tokko ta’uu himaniiru.
Inisheetiivii kanaan Itoophiyaan lafa bosonni irraa bade heektaara miliyoona 15 deebistee misoomsuuf hojjechaa jiraachuu himanii, biyyattiin hojii hanga ammaatti lafa heektaara miliyoona torba deebistee misoomsuufi imala kaanan yoo itti fufne karooricha guutummaatti ni milkeessina. Hojiin ashaaraa magariisaa kun karoorichi akka milkaa’u taasisuu keessattis gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Yuunivarsitiin Finfinnee barsiisotaafi barattoota yunivarsitichaa bal’inaan dhaabiinsa biqiltuu baranaarratti hirmaachisuuf hojjechaa jiraachuus himaniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisa baranaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 7.5 kan dhaabatu yoo ta’u, dhaabiinsa biqiltuu kana milkeessuuf qophiin barbaachisu xumurameera.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016