“Inisheetiivootni carraa hojii bal’aa uumaafi gatii gabaa tasgabbeessaa jiru” – Obbo Isheetuu Mitikkuu

Magaalaa Shaggaritti, Ittigaafatamaa Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Kutaa Magaalaa Galaan Obbo Isheetuu Mitikkuu akka jedhanitti, barana akka magaalattiitti carraa hojii uumuun xiyyeeffannaa addaatiin hojjetamaa ture. Keessumaa inisheetiivota mootummaan qabatee hojjechaa jiruun carraan hojii bal’aan uumameera.

Hojii misooma beelladaa, qonnaafi industirii godootiin carraan hojii bal’aan uumameera. Dargaggoonni baay’een waldaadhaan gurmaa’anii dameelee hojii eeramanirratti hirmaachuun hojjechaa jiru.

Barana akka kutaa magaalattiitti gurmiifi mindeeffamuun namoota kuma 14fi 640f carraa hojii uumuuf karoorfachuun hanga ammaatti namoota kuma 15 oliif carraa hojii dhaabbii uumameera.

Dargaggoota waldaadhaan gurmaa’anii dameelee hojii gara garaarratti hirmaataniif paakeejiiwwan deggersaa kennamaa turaniiru. Paakeejiiwwan kanneen keessaa tokko leenjiidha. Leenjiin kun sadarkaa kutaa magaalaatti haalota lamaan kennamaa ture. Leenjiiwwan gaggabaaboofi leenjii intarpirinarshiipii kennuudhaan qorqalbiin bizinasii dargaggootaa akka dabaluuf hojii bal’aan raawwatamaa tureera.

Gama iddoo hojii ykn sheedii mijeessuufi tajaajila qarshii liqii kennuutiinis hojii bal’aan raawwatameera. Hanga Waxabajjiitti qarshiin miliyoona 44 ol waldaalee gurmaa’anii dameelee hojii gara garaa irratti hirmaataniif liqeeffameera. Qarshii liqeeffame keessaa harki guddaan baankii Siinqee waliin waliigaltee taasifameen waan ta’eef waldaalee baay’een baankichatti qusachaa jiru.

Omishaalee waldaaleen dhiyeessan gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himanii, buuphaan kanaan dura hanga qarshii 15tti gurguramaa ture yeroo ammaa hanga qarshii torbaatti gadibu’uu himu.

Kutaan Magaalaa Galaan industirii godootiin muuxannoo gaarii qaba. Waldaaleen industirii godoo, manifaakchariingiifi misooma beelladaarratti hirmaatan baazaarii Magaalota Shaggar, Adaamaafi Finfinneetti qophaa’anirratti hirmaachuun omishaaleesaanii akka beeksifataniifi walitti hidhamiinsa gabaa akka ummataniif hojii bal’aan raawwatameera.

Dargaggoonni magaalattii gara hojiitti hingalle hedduun warra gurmaa’anii damee hojii gara garaatti hirmaatanirraa muuxannoo qooddachaa jiru. Leenjiin intarpirinarshiippii dargaggootaaf kenname miira hojjetanii jijjiiramuu sammuu dargaggootaa keessatti uumeera.

Dargaggoo Dabbabaa Dabalee Kutaa Magaalaa Galaanitti Waldaa Dabbabaa Baahiluufi Maatiisaa jedhuun gurmaa’ee hojii horsiisa loon aannaniirratti bobba’ee jira. Waldichi lafa bulchiinsi magaalaa kenneefirratti loowwan aannanii horsiisaa jira. Waldichi yeroo ammaa jabbilee dabalatee loowwan 56 horsiisaa jiraachuufi guyyaatti aannan liitirii 320 gabaaf dhiyeessaa jiraachuufi namoota 23f ammoo carraa hojii uumuu dubbata.

Sa’i tokko guyyaatti gadaanaan aannan liitirii 18 olaanaan ammoo aannan liitirii 32 kennaa jiraachuu kan himu dargaggoon kun, waldichi hanqina aannanii Kutaa Magaalaa Galaan furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Waldichi aannan qulqulluu maashiiniidhaan elmame liitirii tokko qarshii 80n warra aannan raabsan, mana aannaniifi urgoo qabaniifi qinxaaboon gurguraniif dhiyeessaa jira. Gabaarratti garuu aannan liitiriin tokko hanga qarshii 95tti gurguramaa jira.

Akka inni jedhutti, mootummaan waldaasaaf deggersa barbaachisu taasisaa jira. Waajjirri Carraa Hojii Uumuu Kutaa Magaalaa Galaanis deggersa, hordoffiifi to’annoo barbaachisu waldichaaf taasisaa jira. Waajjirri Qonnaas ogeessota fayyaa beelladootaa nuuf erguun haala fayyummaafi nyaata loowwan keenyaa hordofaa jiraachuufi Baankiin Siinqees tajaajila qarshii liqii dhiyeessuufiin waldicha bira dhaabbachaa jira. Waldichi gara gara industiriitti ce’uuf karoorfatee hojjechaa jira.

Gatiin nyaata horii yeroo yeroon dabalaa deemuun rakkoo hojiirratti waldicha mudatee jiru ta’uu kan himu dargaggoon kun, waldichi bakka utuu argatee warshaa nyaata beelladootaa qindeessu dhaabuuf karoora kan qabu ta’uus eereera.

Dargaggoo Issuubaalawu Kiflee ammoo Kutaa Magaalaa Galaanitti dargaggoo waldaan gurmaa’uun horsiisa lukkuurratti bobba’eedha. Waldaan kun miseensota afuriifi kaappitaala qarshii miliyoona lamaan lukkuuwwan kuma sadii bituun hojii jalqabe. Lukkuuwwan kunneen guyyaatti buuphaa kuma lamaafi 800 buusaa jiru. Kana jechuun lukkuuwwan jiran keessaa %90 buuphaa buusaa jiru. Waldichi gatiin nyaata lukkuu waan baay’ee dabaleef buuphaa tokko qarshii saddeetiifi saantima jaatamaan gabaaf dhiyeessaa jira. Waldichi Teelegiraamii fayyadamuun walitti hidhamiinsa gabaa bal’aa uummatee buuphaa hanga Maqaleetti gurguraa jira.

Waldichi rakkoo nyaata lukkuu kana furachuuf gara fuulduraatti warshaa nyaata lukkuu qindeessu dhaabbachuuf karoora kan qabu ta’uufi mootummaan lafa warshaan kun irratti dhaabatu waldichaaf akka mijeessuuf gaafateera. Deggersaafi to’annoo bulchiinsi magaalattii, Waajjiraaleen Carraa Hojii Uumuufi Ogummaafi Qonnaa magaalattii waldichaaf taasisaa jiruufis galata dhiyeesseera.

Waldichi yeroo ammaa miseensotasaa malee dargaggoota shaniif carraa hojii uumuu kan himu Dargaggoo Issuubaalawu, akkasumas daa’ima maatii hinqabne tokko barsiisaa jira. Waldichi gara fuulduraatti humnaafi kaappitaalasaa cimsachuun daa’imman haadhaafi abbaa hinqabne biroo dabalataan kan gargaaru ta’uus eereera.

Namni carraaqe hundi qarshii argachuu ni danda’a kan jedhu dargaggoon kun, hoggantoonni keenyas nu waliin dhoqqee keessa deemanii nu waliin hojjechaa jiru. Dargaggoonni hojii utuu hintuffatin carraa argame hundumaatti fayyadamuudhaan hojii dhuunfaasaanii uummachuuf carraaquu akka qaban gorseera.

Dargaggoo Teediroos Tasfaayee ammoo Waldaa Burqaa jedhamuun gurmaa’uun Kutaa Magaalaa Galaanitti hojii sangoota furdisanii gurguruurratti hirmaatee jira. Dargaggoon kun akka jedhutti, waldichi godinaalee Oromiyaarra naanna’ee sangoota bitee ji’a sadiif sooree furdisuun gabaaf dhiyeessaa jira. Waldichi miseensota afuriifi kaappitaala qarshii kuma 200n hojii kan jalqabe. Waldichi Baankii Siinqeerraa qarshii miliyoona 1.5 argachuun sangoota furdisaa jira. Waldichi sangoota 12 furdisaa ture keessaa torba gabaa Ayyaana Iid Al Adahaa torban darbe kabajamerratti gurgureera.

Ogeessonni fayyaa beelladootaa Kutaa Magaalaa Galaanis yeroo yeroon dhufanii haala fayyummaa sangoota keenyaa hordofaa jiraachuu kan himu dargaggoon kun, Waajjirri Carraa Hojii Uumuu magaalaa keenyaas deggersa barbaachisu nuuf taasisaa jira. Bakki argatan altokkotti hanga sangoota 40 bitanii furdisuuf mijataa ta’us hanqina qarshii liqiirraa kan ka’e sangoota hanga bituuf karoorfanne binnee furdisaa hinjirru jedha.

Dargaggoonni yunivarsitoota gara garaa irraa eebbifamanii bahan hojii mootummaa barbaaduutti yeroo gubuurra waldaadhaan gurmaa’anii hojii dhuufaasaanii banachuuf carraaquu akka qaban gorseera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You