Magaalli guddittiin biyyattii, teessoo Gamtaa Afriikaafi dippiloomatota idil addunyaa taate Finfinneen misoomaa maqaafi umuriishee madaalu keessa hinturre. Pilaanii ammayyawaa hordofuu dhabuusheen ijaarsi gamowwan magaalattii akka ilkaan jajjallaa waljala darbaadha. Daandiin magaalattii daran dhiphaa ta’uu bira darbee pilaanii sirrii waan hinqabneef sochii geejibaaf mijataa miti. Halluun gamowwaniis akka qajeelfama pilaanii magaalaan osoo hintaane fedhii abbaa qabeenyaan waan dibamuuf miidhagina magaalattii daran hir’isee ture. Manneen qarqara daandii jiranirraa kan hafe keessoon magaalattii manneen dulloomoo mana fincaanii illee kan hinqabnedha.
Misoomni kun kutaalee magaala ja’aafi koriidariiwwan filataman shan irratti lafa kiilomeetira 43 ol uwwisurratti hojjetamaa jira. Hojiinsaas qorannoorratti kan hundaa’eefi bu’uuraalee misoomaa bifa qindaa’een kan of keessatti hammatedha.
Misooma kanaan walqabatee jiraattonni magaalattii, keessattuu naannawaa Piyaassaa (Birbirsa Gooroo) baroota dheeraaf mana caccabaafi peestaala suphanii keessa jiraatan kanneen ganni dhufuun isaan yaaddessuufi mana fincaanii malee baroota dheera dararamaniif aduun tolaa ba’eera. Jirattonni kunneeniif mana jireenyaa sadarkaasaa eeggatee gumaachuun naannawaan sun akka misoomu ta’e yeroo ammaa simboo gonfatee jira.
Naannawaan sun jiraattotasaaf qofa osoo hintaane namoota kutaalee biyyattii garaagaraarraa dhufaniifuu yaaddoo hamaa ture. Manneen caccabuun akka funcaatti harka walkeessa naqatanii jiraniif daandiiwwan akka sabbataa qal’atan namoota hannaafi yakkoota biroorratti hirmaataniif carraa yommuu ta’u, namoota hedduuf garuu yaaddoo hamaa ture.
Moobaayila harkaa dabalatee qabeenya nama jalaa hatame deebisanii argachuun abjuudha. Naannawaan hundeeffama magaalaa Finfinnee bu’uura taate kana keessatti sagaagalummaa, wantoonni araada nama qabsiisaniifi gochootni ciiggaasisoo biroon haala danaa magaalattii balleessuun raawwatamaa turaniiru.
Ammaan tana bulchiinsi magaalattii misooma koriidariin Finfinnee magaalaa lammaffaa dhalattee taasisee jira. Daandiiwwan sadarkaasaanii eeggatanii ijaaramaanii xumuraman halluu gamoowwan walfakkaataa dibamaniin wal unatanii magaalattiif miidhagina addaa kennaa jiru.
Qarqara daandiwwanii dabalatee keessoon magaalattii dukkana uffachuun hannaaf, saamichaafi yakkoota garaagaraa keessummeessaa turan hanga halkaniifi guyyaa adda baasuun nama rakkisutti ifaan faayamanii miira gammachuu addaa namaaf kennu. Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa dabalatee ijaarsawwan misooma koriidariin walqabatanii ijaaraman Finfinnee magaalota biyyoota guddatanii tokko tokko fakkeessaniiru.
Misooma daandiiwwanii bal’isuun miidhagsuu qofa osoo hintaane manni fincaanii, bakkewwan magariisaafi fincaa’aawwan qalbii namaa hawwataniifi miidhagina magaalattii dabaluun hojjetamaniiru. Qarqarri laggeenii haala ajaa’iba ta’een misoomanii bashannanaaf fagoodhaa nama waamu. Jiraattonni magaalattii ukkaamamanii turan ifa guyyaa fakkaatu keessa galgala yeroo maraa walwaamanii bashannanu, muuxannoo hawaasummaafi dinagdees wal jijjiiru.
Hojiin misooma koriidarii kanaa “Dandeettii waa raawwachuufi raawwachiisu kan itti horatnedha” akkuma Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) jedhan, halkaniifi guyyaa hojjechuun milkaa’ina waggaa afur keessatti hin yaadamne yeroo ji’a afur hincaalle keessatti gonfachuun danda’ameera. Namoota kumaatamaan lakkaa’amaniifis carraafi muuxannoo hojii uumuu danda’eera.
Naannoleenis Finfinneerraa muuxannoo waraabbachuun hojii misooma koriidarii magaalotasaanii keessatti hojiirra oolchuu eegalaniiru. Misoomni kun bal’inaan hojiirra oollaan yeroo gabaabaatti Itoophiyaa keessatti jijjiirama dinagdee, hawaasummaa fiduun ni danda’ama.
Hojiin misooma koriidarii magaalaa Finfinnee balfa balleessee miidhagina magaalattii daran dabaluun jiraattotaaf naannawaa mijataafi qulqulluu uumeera.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016