Irreecha Tulluu

Kutaa 2ffaa

Tulluun maaliif filatame?

Akka amantaafi falaasama Oromootti, tulluun bakka samiifi lafti itti Walquunnamu jedhamee amanama. Tulluun madda bishaaniiti, bishaan ammoo lubbuudha, tulluu golgaadha, dhukkuba kallattii masaanuun nurra dabarsa, dahoo bineensotaati, qabbanaafi rooba qaba, magariisa kanaaf ulfoodha. Tulluun akka daangaa lafaattis ni ilaalama. Tulluu saddeettan Waaqaa Erer, Foyataa, Furii, Cuqqaalaa, Tulluu Baraaq tumaa gadaa qabu.

Akka afoola Oromootti, tulluun bakka jireenya Waaqaati jedhamee amanama. Waaqni heeraafi seera kan namatti kenne tulluurratti jedhamee amanama. Waanti tulluun akka kabajamu taasise keessaa kan biraan seera Waaqeffannaa kan qaalluun hogganamu Waaqni kan itti asaase tulluurratti jedhama. Tulluun ulfoodha. Tulluun Cuqqaalaa ulfoo ta’ee tulluun ilmoo hinsalphattu jedhu. Dhaqxee irra hinqottu namni illee badii dalagee yoo achi deeme hintuqxu.

Tulluu Cuqqaalaa irra Nabiitu jira jedhamee amanama. Maqaan Odaa Nabee jedhu maqaa Nabii jedhu irraa moggaafame jedhama. Tulluu Cuqqaalaa kana keessa burqaa Nadhii jedhamutu ture. Bakki burqaan kun keessaa maddu saala dubartii kan fakkaatutu ture. Ummannis afoola keessatti akkas jedha ture “Cuqqaalaa nadhiin burqitee hawaasii birbirsi late.” Akka amantiitti bakka Nabiin jiru qabbana jedhanii dubbatu. Ciminaafi barbaachisummaa Nabii yemmuu ibsan “Nabii yaa nagahee isin barbaacha bishaan gaara bahe” jedhu.

Erer sammuu sariitii bakka ulfina guddaa qabuudha. Sariitiin muka. Tulluun kun muka sariitii baay’ee of irraa qaba. Muka duwwaa miti allaattiin sanyii addaa maqaan ishee jorroo jedhamtullee achirra jiraatti. Erer kormi Baalerraa kahee achitti gale kanaaf akkas jedhamee moggaafame jedhama.

Tulluuwwan qulqulluu akka Oromiyaafi Addunyaatti jiran

Amantii Oromoo keessatti qofa osoo hintaane amantaaleen addunyaa keessa jiran hunda biratti tulluun akka bakka qulqulluutti ilaalama. Amantiiwwan maqaa “Judeo-Christian/Abraham Religionwarra jedhaman birattis bakki tulluun qabu olaanaadha.

Tulluun qulqulluudha (holy place) jedhee kan amanu Oromoo qofa miti. Yaadi Tulluun bakka Waaqni jiraatu jedhu Oromoo biratti akkuma amanamu, kitaabota kakuu moofaa keessatti bakka olaanaa qaba. Dhimmi tulluuwwan qulqulluu ‘Kitaaba Qulqulluufi Quraana Qulqulluu’ keessattillee bakka olaanaa qaba, Oromoo birattis akkasuma. Ummattoonni addunyaa kanarra jiran tulluuwwan ulfoofi qulqulluu jedhaman kumaatama qabu.

Amantoonni guguddoon addunyaa kanaa: Kiristaanaa, Islaamaa, ‘Budisim, Shintoismii’fi kanneen biroon tulluwaan qulqulluu jedhanii kabajan qabu. Fakkeenyaaf, tulluuwwan amantii Kiristaanaa biratti iddoo guddaa qaban keessaa muraasni, Tulluu Taabor, Tulluu Golgotaa, Tulluu Siinaa, Tulluu Zi’on caqasuun ni danda’ama.

Tulluun Araaraat bishaan badiin booda bidiruun Noh achi irra ture jedhama (Seera umamaa 8: 1-5). Tulluu Siinaa, bakka itti Museen abboommii kurnan Waaqaa irraa fudhateedha jedhama (Seera Ba’uu 19-20, 24). ‘Mount Olives’ fannifamuu isaan dura bakka yeroo dhumaaf Yesuus itti kadhateefi gara abbaatti deemeedha jedhama. Tulluun Zi’on bakka jireenya Waaqaati jedhamee amanama.

Bifuma walfakkaatuun Oromoo birattis keessumaa Oromoo Tuulamaa biratti Tulluun Saddeettan Waaqayyoo teessoo Waaqaati jedhamanii amanamu. Warri Kiristaanaa Tulluun Golgotaa bakka Yesuus Kiristoos itti fannifameedha, qulqulluudha jedhanii kabaju. Tuulama biratti ammoo Tulluun Cuqqaalaa bakka jireenyaafi awwaala Nabiiti jedhamee kabajama.

Akka amantii warra Islaamaattis, tulluun qulqulluun hedduutu jira. Isaan keessaa, Tulluun Arafaat baay’ee beekamaadha. Walumaagalatti tulluwwan Waaqatti dhiyaatanii waan jiraniif iddoo qulqulluufi teessoo Waaqaa akka ta’anitti amanamu.

Gahee Tulluun jiruufi jireenya amantii dhala namaa keessatti qabu bara durii irraa kaasee baay’ee olaanaadha. Tulluun bakka biqiloonni gosa addaa addaa itti argaman yoo ta’u, akka dahoo lubbu qabeeyyii xixiqqaafi guguddaa ta’e tajaajila. Tajaajila inni dhala namaaf kennu hedduu yoo ta’u, isaan keessaa muraasni, bakka Waaqeffannaa, madda bishaanii, nyaataafi bashannanaa caqasuun nidanda’ama. Hundaa ol seenaa amantii addunyaa keessatti akkuma caqasamee arginu tulluun bakka qulqulluu Waaqni dhala namaa waliin itti wal argeefi waadaa seene jedhamee amanama. Yeroo mitooloojii warra ‘Girik/ Greek mythology’ irraa eegalee hanga harraatti iddoo tulluun seenaafi amantii Waaqeffannaa keessatti qabu daran olaanaadha.

Akkuma Oromoon Tulluu Saddeettan Waaqaa jedhee ulfina guddaan kabaju, warri Isiraa’eelis gaara qulqulluu torba ‘The Seven Hills of Israel’ qabu. Tulluun 7 warra Israa’eel kun seenaan isaanii Kitaaba Qulqulluu keessatti haalaan barreeffamee jira. Walfakkii Tulluu Saddeettan Waaqayyoo kan Oromoofi kan warra Israa’eel gabatee armaan gadii kana keessatti ilaalaa.

Lakk. Tulluu Saddeettan Waaqayyoo Gaara Torban Yerusaalem
1 Tulluu Cuqqaalaa 1.Mount of Olives
2 Tulluu Eegduu 2.Mount Scopus,
3 Tulluu Erer 3.Mount of Corruption,
4 Tulluu Foyataa 4.Mount Ophel,
5 Tulluu Boosat 5.The Original Mount Zion,
6 Tulluu Galaan 6.The New Mount Zion
7 Tulluu Furii 7.Anotonia Fortress Hill
8 Tulluu Waatoo Daalachaa

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016

Recommended For You