“Itoophiyaatti qaroo dhabeeyyiin carraa barnootaa argatan dhibbantaa shan hincaalan” – Obbo Wandimmuu Asaffaa

Qaroo dhabeessa yeroo namni qaroo guutuu qabuyyuu carraa barnootaa argatee hinbarannetti baratee rakkoolee qaroo dhabeeyyii biyyattii mudataa turan beekumsaan dura dhaabate, rakkoo hawaas dinagdee namoota qaroo dhabeeyyiitiif falmatee dhaabbilee hojiin gargaarsaa miidhamtoota qaamaa ittiin hojjataman uummate, darbee immoo yeroo ammaatti daa’imman qaroo dhabeeyyii carraa barnootaa akka argataniif mana barnootaa ijaaree barattoota itti simate, qaroo dhabeessa, sammuu qabeessa Obbo Wandimmuu Asaffaa keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati.

Bariisaa: Mee dura dubbistootaan walbaraa?

Obbo Wandimmuu: Tole, Wandimmuu Asaffaan jedhama. Namoota muraasa yeroo barnootni namoota akka koo qaroo dhabeessa ta’an dhiisii kanneen qaroo qabaniifi sirnaan waliin gahuun hindanda’amnetti namoota carraa barnootaa bara mootii Hayilasillaaseetti argatan keessaa ani nama tokko jechuun ni danda’ama.

Qaroo dhabeessa ta’ee dhaladhee carraa barnootaa argameen warroota qaroo qaban tokko tokkoon ol barnoota argachuu kootiin immoo jiruufi jireenya kiyya akka warra qaroo qabaniitti gammachuufi milkiidhaan akkan gaggeeffadhuuf kan nagargaare qofa osoo hintaane, namoota qaroo dhabeeyyii ta’anii carraan barnootaa hinkennamneef hedduu walitti qabuudhaan carraa barnootaa akka argatan taasisaan ture.Ammas ittuman jira.

Kanaan alas namootni qaroo dhabeeyyiin carraa barnootaa akka argatan qofa osoo hintaane, rakkoolee siyaasaafi hawaasummaa akkasumas gama dinagdeetiin isaan mudachaa ture akka dandamataniifis dhaabbilee deeggarsaa garagaraa qindeessuudhaan akka gargaaraman taasisaan ture.

Bariisaa: Bara Mootii Hayilasillaasee sanatti carraan nama ija qabuufuu hinjirre akkamitti isin argachuu dandeessan?

Obbo Wandimmuu: Dhugaadha. Yeroo sanatti babal’inni bu’uraalee barnootaas naannawa magaalota guguddaa qofarratti kan xiyyeeffateefi manneen barnootaa naannawa magaalotaatti argamanittis taanaan baay’inni barattoota achitti baratanii daran muraasa ture. Haata’uu malee yeroo sanatti keessattuu naannawa magaalota guguddoo akka Finfinneetti barnootni namoota qaroo dhabeeyyii akka kennamuuf yeroo mootummaan itti duula gaggeessaa ture waan ta’eef, haalli kun akkan baradhuuf carraa guddaa naa uume.

Sababni inni biraa yeroo sanatti akkan carraa barnootaa argame sanatti fayyadamee baradhuuf kan na taasise fedhiifi hawwii maatii kootiiti jechuun ni danda’ama. Maatiinkoo qaroo dhabeessa ta’ee dhaladhus akkan namaa gadi hintaane, akkan akkuma nama kamiittuu baradhee biyya gargaaruu danda’uuf hamilee guddaa natti horanii na jajjabeessaas turan.

Carraan barnoota ittiin barachuu danda’amu argamnaan immoo waan barbaachisu hunda naa guutanii akka barnootakoo hordofu na taasisan jechuudha. Akkuman duratti siin jedhe ani barnoota koo bara mootii Hayilasillaasee haa eegalu malee gidduudhaan yeroo muraasaaf addaan kuteen ture.

Boodarra garuu haalota mijachuu qaban mijeeffachuudhaan barnootatti deebi’ee barnootakoo xumuruudhaan namoota qaroo dhabeeyyii akka biyyaatti carraa barnootaa yeroo duraatiif argatan keessaa nama tokko ta’uu danda’eera.

Bariisaa: Yeroo ammaa hojii akkamiirra jirtu?

Obbo Wandimmuu: Yeroo ammaa mana barnootaa daa’imman qaroo dhabeeyyiin keessa bulanii baratan tokko dhihoo kana ijaarsisaa xumuramee yeroo ammaa barattootni itti simatamanii barachaa jiru.

Hojiin baruu barsiisuu kun kan hojjatamaa jiru gama Waldaa Deeggarsaafi Kunuunsa Qaroo Dhabeeyyii jedhamuun yemmuu ta’u, waldichas kan hundeesseefi hoji gaggeessummaadhaan hoogganaa jiru anuma.

Waldaan kun erga hundaa’ee gara waggoota kudhanii kan laakkofsiise yemmuu ta’u, rakkoowwan hawaasummaafi dinagdee namoota qaroo dhabeeyyiirra gahaa jiru hamma humnasaatiin fooyyessuuf waggoota kurnan darbanitti hojiiwwan garagaraa raawwachaan ture.

Gara mana barnootaa qaroo dhabeeyyii dhiyeenya Magaalaa Bishooftuutti ijaarsisaa xumuramee yeroo ammaa daa’imman qaroo dhabeeyyiin itti barachaa jiraniittii yemmuun sii deebi’u, manni barnootaa kun kan ijaarame deeggarsa dhaabbilee invastimantii biyya Neezarlaandi kanneen naannawa kanatti hojii invastimantii gara garaarratti bobba’aniifi namoota dhuunfaa garagaraarraa maallaqa argame qarshii miiliyoona 10 ta’uuni.

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaafi hoggansi Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuus hojiin dhaloota qaruu kun akka milkaa’uuf deeggarsa guddaa kan nuu taasisan yoo ta’u, kunis magaalaa gidduutti lafa kaareemeetira 1800 ta’u baasii tokko malee tolaan nuu arjoomuudhaan manni barnootaa daa’imman qaroo dhabeeyyii kun akka ijaaramuuf shoora olaanaa waan taphataniif isaan galateeffachuun barbaada.

Manni barnootaa kun kan daa’imman qaroo dhabeeyyiin itti baratan qofa osoo hintaane, iddoowwan bultii, bashannanaa, jabeenyi qaamaa itti dalagamuufi wantoota mana barnootaa bultii tokkoof barbaachisu hunda kan guuttateedha.

Bariisaa: Manni barnootaa kun kutaa meeqaa hanga meeqaatti barsiisa?

Obbo Wandimmuu: Barattootni daa’immanii nuti asitti barsiifnu kanneen umriinsaanii waggaa jaha ta’aniifi barnoota idileen duraa tokkoofi lama erga asitti baratanii booda gara manneen barnootaa idileetti barattoota idilee waliin akka baratan taasifna. Barattootni barnoota idileen duraa tokkoofi lama asitti baratanii gara manneen barnootaa mootummaa idileetti dabalaman kunniin garuu yemmuu nu biraa gaggeeffamanittis deeggarsa taasifnuf ittuma fufna.

Barnootasaanii ittaanus haala kamiin barachaa akka jiran to’annoofi hordoffii addaan hincitne ni taasifnaaf. Manni barnootaa kun barsiisota barnoota qaroo dhabeeyyiirratti muuxannoo guddaa qabaniin kan barnootni kennamu waan ta’eef hojii baruufi barsiisuu qulqullinnisaa eegame barattootaaf kan kennuudha.

Wanti guddaan barattootni sadarkaa kanatti barachuu qaban hundi barattoota kaneeniif kan kennamu yemmuu ta’u, keessumaa barreeffamaafi dubbisa bireelii, sosochii qaamaa, haala nama waliin itti dubbatan/ kominikeeshiinii/fi sagantaawwan bashannanaa itti gaggeessan nikennamaaf.

Daa’imman qaroo dhabeeyyii kunniin umrii waggaa jaharraa eegallee asitti fudhachuudhaan barnoota idileen duraa tokkoofi lama erga barsiifneen booda gaafa gara manneen barnootaa idileetti makamanitti kallattiidhaan kutaa afuraffaa galu jechuudha. Kana jechuun hanga waggaa sadi nu bira turu.

Bariisaa: Manni Barnootaa akkanaa kun banamuun dura rakkoon namoota qaroo dhabeeyyii maal ture? Yoo bara isin barataa turtaniin walbira qabdan?

Obbo Wandimmuu: Garaagarummaa heddutu jira. Ani akka carraa ta’ee yeroo Mootii Hayilasillaaseen mana barnootaa gale. Yeroo sanatti barattoota qaroo dhabeeyyii akka biyyaatti walitti qabamanii carraa barnootaa argatan ana waliin nama 60 taanee barachaa turre.

Yeroo sanatti akka biyyaattii barnootni qaroo dhabeeyyii kun waan hinbabal’atiniif ijoollee hedduun carraa barnootaa osoo hinargatin hafaniiru. Yeroo ammaa yemmuu ilaallu garuu haalli jiru bifa quufsaa ta’eefi baay’ina ijoollee qaroo dhabeeyyii akka biyyaatti jiraniin kan walmadaalus ta’uu baatu kan duriirra dachaa hedduun babal’achaa jira.

Babal’achuun manneen barnootaa ijoollee qaroo dhabeeyyii kun carraa barnootaa kan babal’isu waan ta’eef kan yeroo nuti ijoollee turree caalaa carraa barnootaa kan qabu ijoollee qaroo dhabeeyyii ammaati.

Biyya kanatti rakkoon namoota qaroo dhabeeyyiin walqabatee jiru mana barnootaa isaan itti barachuu danda’an haala barbaachisaa ta’een iddoowwan hundatti waliin gahuu dadhabuu qofa osoo hintaane, rakkoo guddaaniifi hanga ammaatti hundeedhaa buqqisuun ulfaate tokko rakkoo ilaalchaati.

Waanti isin dhibu rakkoon ilaalchaa kun kan namootni biraa yookiin hawaasni bal’aan daa’immaniifi namoota qaroo dhabeeyyii irratti qabu qofa osoo hintaane, kan maatiwwan ijoolleen sun irraa dhalatte daa’imman sanarratti qabutu ulfaata. Bakka rakkoon ilaalchaa namoota qaroo dhabeeyyii ta’anii dhalatanirratti hawaasni bal’aan qabu hingeeddaramnetti manneen barnootaa hanga fedhes babal’atan namni itti baratu hinjiraatu.

Kanaaf hojiin manneen barnootaa qaroo dhabeeyyiin itti baratan babal’isuuf hojjatamaa jiru kun milkii guutuu ta’e akka gonfatuuf yoo barbaadame hojii hubannoo uumuufi rakkoo ilaalchaa maatii ijoollee qaroo dhabeeyyii dabalatee hawaasa keessa jiru guutummaatti akka geeddaramuuf irratti xiyyeeffatanii hojjachuun daran barbaachisaadha.

Nuti amma daa’imman qaroo dhabeeyyii mana barnootaa kanatti barsiisaa jirruuf qarshii tokkollee maatiisaanii irraa hinfudhannu. Kanfaltii isaanirraa eeguun hafee tolaanuu isaan barsiisuuf akka maatiin ijoollee mana barnootaatti erguuf hojiin isaan amansiisuuf hojjatamu salphaa miti.

Maatiin ijoollee qaroo dhabeeyyii iddoowwan hedduutti ammas mana keessatti isaan dhoksee akka waan abaarsaan argamaniitti, akka waan isaan baratanii eessallee gahuu hindandeenyeetti ilaaluudhaan manumatti dhoksanii kaa’uu barbaadu.

Kun immoo ammallee haala barbaachisuun hubannoon hawaasni daa’imman qaroo dhabeeyyiirratti qabu bifa barbaachisaa ta’een akka hinjijjiiramne kan akeekuudha. Yoo kana jennu garuu, maatiin ijoolleensaa akka jabaatanii barataniif hamilee itti horan, carraa barnootaa agametti fayyadamanii akka barataniif tattaafatan hinjiran jechuu miti.

Silaa jaarraa kana keessatti daa’imni qaroo dhabeeyyii ta’e tokkollee sababa qaroo dhabeessa ta’ee dhalate qofaan carraa barnootaatiin ala ta’uu hinqabu kan jedhu agarsiisuudhaafi.

Wanti biraa kan beekamuu qabu tokko qaroo dhabuun dhalootaan qofa osoo hintaane, guyyaa keessa sababoota gara garaatiin uumamuu akka danda’u amanuun barbaachisaadha.

Ana yoo fudhatte ijji koo kan narraa badde ganaa yeroon dhaladhee guyyaa dhalootaa afuraffaa kabajadhetti. Iddoon dhaloota koos ta’ee qaroo koo itti dhabe asuma, Aanaa Ada’aa (Shawaa Bahaa) kanatti waan ta’eefi.

Har’a Waldaa Deeggarsaafi Kunuunsa Qaroo Dhabeeyyii asitti hundeessee barattoota qaroo dhabeeyyii ta’anii dhalataniifi akka koo dhalootaan booda guyyaa keessa sababoota garaa garaatiin qaroo dhabaniif carraa barnootaa uumuu kootti hedduun gammachuu qaba.

Bariisaa: Yeroo ammaa kana rakkoo ijoon qaroo dhabeeyyiirra gahaa jiru maali jettu?

Obbo Wandimmuu: Akkuma addunyaattuu qaroo dhabeessa ta’uun rakkoo kan qabu yemmuu ta’u, biyyoota gama barnootaafi teknolojiitiin daran hinguddanne, mirgaafi dirqama lammiileen qaroo dhabeeyyii qaban sirnaan hinhubanne keessatti dhalachuun ammoo rakkoo dabalataati.

Akkuma duratti sii kaasuuf yaale babal’ina manneen barnootaa qaroo dhabeeyyiin walqabatee, manneenuma barnootaa idilee mootummaa keessatti barattootni haala mijataa argatanii akka baran taasisuufi hojiiwwan hawaasummaa garagaraa keessattillee akka hirmaataniif xiyyeeffannoon yeroo ammaa kennamaa jiru fooyyee qaba.

Ilaalcha hawaasniifi maatiin namoota qaroo dhabeeyyii ijoolleesaaniirratti qabanis hamma tokko fooyya’iinsa qabaatullee har’as maatiin daa’imasaa qaroo dhabeessa ta’ee dhalate akka abaarsa waaqaatti ilaalee gola keessatti dhoksu jira, hawaasa keessas namni qaroo dhabeessa ta’ee dhalate baratee akkuma warra kaaniitti boru maatiisaafi biyyasaa ni gargaara jedhee kan hinamanne heddutu jira.

Kana qofa osoo hintaane, har’as carraan daa’imman qaroo dhabeeyyii ta’anii dhalatanii takkaa golatti dhokatanii jiraachuu, yoo hintaane immoo daandirratti bahanii kadhachuu qofa akka ta’e warreen amanan jiru. Kanaafuu rakkoo guddaan hanga har’aatti akka biyyatti keessaa bahuun dadhabame inni guddaan kan ilaalchaa ta’uu irra deddeebiin himaa turre.

Rakkoon ilaalchaa maatiinis ta’ee hawaasni bal’aan ijoollee qaroo dhabeeyyii ta’anii dhalatanirratti qabu hojii mootummaa qofaan hojjatamee milkaa’uu danda’u osoo hintaane, maatii daa’imman akkanaa irraa eegalee hawaasa bal’aa hirmaachisuudhaan imaammataafi tarsiimoo mootummaatiin yemmuu deeggarame qofa.

Akkuma biyyaattuu yemmuu ilaalamu namoota qaroo dhabeeyyii keessaa kanneen carraa barnootaa argatanii baratan, yookiin hanga ammaattis barachaa jiran dhibbantaa shan qofa ta’uu qorannoodhaan adda baheera. Kun akkuma biyyaattuu qaanii guddaadha.

Heerri biyyattiin ittiin bultu daa’imni umriinsaa barnootaaf gahe hundi carraa barnootaa argatanii akka barataniif mirga akka qaban yoo ibsellee akka biyyatti nama qaroo hinqabne ta’ee kan carraa barnootaa argatee barate dhibbantaa shan hincaalu jechuun maal akka ta’e eenyumaafuu ifaadha.

Keessattuu naannawawwan baadiyyaatti ilaalchi ummanni daa’imman qaroo dhabeeyyiirratti qabu ammas hanga barbaadamutti kan hingeeddaramne ta’uun ragaa biraa osoo hintaane, yemmuu nuti baadiyyaarra deemnee maatii amansiisuudhaan ijoollee walittiqabuuf tattaafannu waan nu qunnamaa jirurraa hubachuu dandeenyeerra.

Wanti guddaa hinhaalamne tokko garuu, akka mootummaatti seerootniifi hojmaatotni bahaa jiran qaroo dhabeeyyii dabalatee kanneen miidhamawwan qaamaa garagaraa qaban kan hammatu akka ta’uuf xiyyeeffannoo kennamaa jiruudha.

Kanaaf, akka mootummaatti qaamolee kanneeniif xiyyeeffannoo gahaan kennamaa jiraatus akka hawaasaatti rakkoolee ilaalchaa namoota qaroo dhabeeyyii irratti jiru haala barbaadamuun geeddaruun akka hindanda’amne garuu afaan guutanii dubbachuun ni danda’ama.

Bariisaa: Torbee kana keessa manni barnootaa bultii addaa qaroo dhabeeyyii guddaan tokko Waajjira Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon eebbifameera. Kana akkamitti ilaaltan, maaltu isinitti dhagahame?

Obbo Wandimmuu: Kun hojii guddaafi daa’imman qaroo dhabeeyyiin carraa barnootaa akka argataniif shoora olaanaa kan bahatuudha. Akka carraa ta’ee yeroo manni barnootaa kun ijaaramuuf naannawa Aqaaqiitti dhagaan bu’uraa kaa’amu affeerramnee argamneerra. Ijaarsisaa yeroma gaafas jedhame keessatti sadarkaasaa eeggatee xumuramuusaatiin daran nama gammachiisa.

Wanti nama gammachiisuuf immoo; manni barnootaa daa’imman qaroo dhabeeyyiin itti baratan ta’uusaa qofa osoo hintaane, nama akka kiyyaa sababa ofiisaa qaroo dhabeessa ta’eef ijoollee qaroo dhabeeyyiif ijaarame osoo hintaane kaka’umsa namoota qaroo ijaa qabaniin, isayyuu hoggantoota biyyaatiin yaadamuufi ijaaramee xumuramuusaati.

Kanaan dura manneen barnootaa qaroo dhabeeyyii qofaaf yaadamanii ijaaramuudhaan hojii baruuf barsiisuu kennaa kan turan Mana Barnootaa Qaroo Dhabeeyyii Sabbataa, mana barnootaa qaroo dhabeeyyii nuti Magaalaa Bishooftuutti ijaarre qofa kan turan ta’us, manni barnootaa daa’imman qaroo dhabeeyyii kutaa bulchiinsa Aqaaqiitti mootummaadhaan ijaaramee daa’imman simachuuf qophaa’e kun garuu, baay’ina manneen barnootaa qaroo dhabeeyyii dabaluudhaan barattoota hedduu al tokkotti kan keessummeessuudha.

Kana waan ta’eefis, mootummaan akkuma manneen barnootaa qaroo dhabeeyyiidhaaf akka ijaaramaniifi hojiiwwan hawaas dinagdee biraa keessatti akka hirmaataniif deeggarsa taasisaa jiru kana hojii hubannoo hawaasaa jijjiiruu keessattis gaheesaa bahachuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Dhumarratti ergaan dabarsuu barbaaddan yoo jiraate?

Obbo Wandimmuu: Ergaan hafe hinjiru. Garuu Addunyaan keessa jiraannus ta’ee biyyi keessatti dhalanne kun kan lammiilee hundaa akka taate hubachuudhaan, mirgi namni miidhama qaamaa qabu tokkoofi kan qaama guutuu qabu tokkos walqixa akka ta’u baruun barbaachisaadha. Miidhamni qaamaa abaarsa Waaqaatiin dhufu tokkos hinjiru.

Bariisaa: Ulfaadhaa!

Obbo Wandimmuu: Tole isinis galatoomaa!

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You