Waldaan Kuduraafi Fuduraa Yaamiinii Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Godina Guraagee, Aanaa Chahaa, Ganda Farxarqi Wadiirootti argama. Waldaan kun misooma jallisiitiin kuduraaleefi fuduraalee adda addaa lafa heektaara 30 ol irratti omishuudhaan gatii madaala’aan gabaaf dhiyeessaa jira.
Walittiqabaan waldichaa Dargaggoo Daani’eel Shifattaa garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa oyruu waldichaa torban darbe daawwatetti akka himetti, waldichi miseensota dhiiraa sadiifi dubartii lamaan waliigalaan miseensota shaniin bara 2009 hundaa’e.
Waldichi kaappitaala ittiin hojii eegalu waan hinqabneef bulchiinsi aanichaa lafa heektaara 30 jallisiin misoomuu danda’u, paampiiwwan bishaanii, sanyii filatamaa, galteewwan qonnaafi qarshii liqii waldichaaf dhiyeessuun deeggarsa cimaa nuu taasiseera. Waldichi qarshii kuma torba qusachuun qarshii kuma 28 ammoo liqeeffachuun qarshii kuma 35n lafa heektaara paampiiwwan bishaanii, sanyiiwwan filatamaafi galteewwan qonnaa dhiyaateef bitachuudhaan lafa heektaara tokkorratti kuduraaleefi fuduraalee gara garaa omishuun hojii jalqabe. Waldichi bara jalqabaa karshii kuma 75 buufachuun imalasaa milkaa’inaan eegale.
Akka Dargaggoo Daani’eel jedhutti, waldichi lafa misooma jallisiin qotu waggaa waggaan babal’isuudhaan yeroo ammaa lafa heektaara 30tti kuduraaleefi fuduraalee gara garaa omishee gatii madaala’aan gabaaf dhiyeessuun qaala’ina gatii hir’isuu keessatti gahee irraa eegamu bahachaa jira.
Waldichi imalasaa waggaa saddeetiitiin yeroo ammaa waliigalaan kaappitaala qarshii miiliyoona 10 ol horachuun gara invastimantiitti ce’uuf hojjechaa jira. Timaatimii qaaraa, raafuu, shunkurtii, raafuu maramaa, birookalii, kiyaariifi habaabiin omishaalee waldichi gatii madaala’aan gabaaf dhiyeessaa jiruudha. Waldichi yeroo ammaa dhaabbiifi yeroodhaan dargaggoota 200f carraa hojii uumeera.
Bulchiinsi Aanaa Chahaa har’as walitti hidhamiinsa gabaa uumuun waldicha bira dhaabbachaa jiraachuu kan himu Dargaggoo Daani’eel, waldichi omishaaleesaa bal’inaan aanaalee godinichaa gara garaafi Yunivarsitii Walqixxeef dhiyeessaa jira. Omishaaleen waldichi dhiyeessu qulqullina waan qabuuf sadarkaa tokkoffaarratti kan ramadamaniifi gabaa omisha Itoophiyaarrattis kan dhiyaatan ta’uu hima.
Milkaa’ina waldichaaf bu’uurri deeggarsa bulchiinsi aanichaa nuu taasiseedha kan jedhu dargaggoon kun, hoggantoonni bulchiinsa aanichaa konkolaataa waldichi ittiin omishaaleesaa gabaaf dhiyeessullee kennuun nu bira dhaabachaa jiru.
Ogeessonni qonnaas omisha qonna waldichaa guyyaa guyyaan hordofuufi to’achuudhaan nu waliin hojjechaa waan jiraniif hanga ammaatti rakkoon nu mudate hinjiru. Rakkoon akka biyyaatti gabaan timaatimii daran gad bu’uudha. Kun ammoo omishni gahaan jiraachuu agarsiisa. Bara darbe timaatimii saanduqa tokko qarshii kuma 3,500-4,000tti gurguruufi barana ammoo qarshii 300-400n gurguraa jirra jechuun dubbata.
Akka dargaggoon kun jedhutti, waldichi barana timaatimii kiiloo tokko qarshii torbaan dhiyeessaa kan jiru yoo ta’u, gabaarratti ammoo qarshii 15-20n gurguramaa jira. Waldichi utuu bakkawwan gara garaatti sheediiwwan argatee omishaaleesaa fayyadamtootaaf gatii oyiruurratti gurguruun dhiyeessuuf sochii taasisaa jira. Kun omishaafi bitataa kallattiin walagarsiisuun daldaltoota utuu omishi gahaan jiruu seeraan ala gatii dabalan gabaa keessaa baasuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Omishaaleen qonnaa waldichi dhiyeessaa jiru sirna nyaataa hawaasa naannawichaa jijjiiruufi akka hawaasni nyaata madaalamaa argatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Duraan naannawichatti keessumaa habaabii nyaachuun hinbeekamu ture. Yeroo ammaa hawaasni naannawichaa omisha kana saamichaan bitachaa jira. Godinichatti dur nyaata qoccoo qofaatu beekama ture. Yeroo ammaa garuu sirni nyaata hawaasa naannawichaa jijjiirameera.
Waldichi gara fuulduraatti sanyiiwwan filatamaa baay’isuudhaan qonnaan bultoota naannawaatiifi waldaalee humna hinqabneef dhiyeessuuf kan hojjetu ta’uu kan himu Dargaggoo Daani’eel, waldichi barana biqiltuu qaaraa tokko Dhaabbata Jooy Teek biqiltuu qopheessuufi dhiyeessurraa qarshii 13n bitee lafa heektaara shanirra dhaabuun omishasaa gabaaf dhiyeessaa jira. Rakkoo dhiyeessa sanyii filatamaarratti mul’atu furuun hojii waldichi gara fuulduraatti irratti xiyyeeffatee hojjetu ta’uus himeera.
Hafteen omishaalee waldichaa nyaata beelladootaaf waan fayyaduuf waldichi horsiisa loowwan aannaniirrattis hirmaachuuf karoora qabaachuu himee, hanqina aannanii akka aanaafi godinichaatti jiru furuuf yeroo dhiyootti horsiisa loowwan aannanii jalqabuuf hojjechaa jiraachuu dubbata. Lafa qonnaa waldichaa gara heektaara 50fi isaa oliitti bal’isuufi carraa hojii bal’aa uumuunis karoora waldichaa ta’uu himeera.
Dargaggoonni naannawichaa baay’een dammaqanii carraa jirutti fayyadamaa hinjiran. Jabaatanii hojjennaan qonni damee hojii yeroo gabaabaa keessatti milkaa’ina guddaafi carraa hojii bal’aa uumuuudha. Nuti dargaggoota shan taanee gurmoofnee hojii qonnaarratti hirmaachuun waggaa saddeet keessatti dhuunfaa dhuunfaan mana ijaarrannee galii fooyya’aa argachaa jirra.
Dargaggoonni gurmaa’anii horii furdisuu, loowwan aannanii horsiisuu, lukkuu horsiisuu, damma omishuu akkasumas kuduraaleefi fuduraalee gara garaa omishuurratti yoo hirmaatan yeroo gabaabaa keessatti galii fooyya’aa argachuun jijjiiramuu danda’u.
Dhiyeessi qarshii liqii hanqina qabaachuufi xiqqaachuun dargaggoonni hedduun gurmaa’anii damee hojii gara garaarratti akka hinhirmaanneef rakkoo uumaa jira kan jedhu Dargaggoo Daani’el dargaggoonni gurmaa’anii damee hojii qonnaarratti hirmaatan qarshii liqeeffataniin xaa’oo, sanyii filatamaafi galteewwan qonnaa bitachuu hindanda’an.
Lafa heektaara tokko tiraaktaraan qochisiisuun qarshii kuma torba nama gaafata. Qarshiin liqaan kennamuufi hojiin hojjetamu wal hinmadaalu. Yeroo hojii jalqabnu rakkoon hanqina qarshii nu mudachaa tureera. Dargaggoonni damee hojii irratti hirmaachuu barbaadan jalqabanii rakkoo isaan mudachuu danda’uun duubatti akka hindeebineef dursanii damee hojii irratti buobba’uu barbaadan ogeessaan qorachiisuu akka qababanis yaadachiiseera.
Waldichi yeroo ammaa gara invastimantiitti ce’uuf adeemsarra jiraachuufi aanaafi godinichaaf gaaffii dhiyeessaa jiraachuu kan himu Dargaggoo Daani’eel, waldichi utuu tiraaktera, paampii bishaanii dabalataafi sheediiwwan iddoo gurgurtaa argatee lafa amma omishaa jiru babal’isuun omishaalee dhiyeessaa jiru daran guddisuufi horsiisa loowwan aannaniis dhiyeenyatti jalqabuuf qophii ta’uu dubbata.
Waldichi lafa heektaara 30 omishaa jiru tiraaktara kireeffachuun qochisiisaa jira kan jedhu Daani’eel, lafa heektaara tokko qarshii kuma torbaan qochisiisaafi lafa heektaara tokko sanyiif qopheessuun irra deddeebiin yeroo afur qotuu gaafata. Kana jechuun lafti heektaara tokko sanyiif qopheessuun qarshii kuma 28 gaafata.
Utuu mootummaan haala mijeesseefi waldichi tiraaktera bitee ittifayyadamuuf karoora qaba. Waldichi haalli mijaa’eefii tiraaktera utuu bitatee hawaasa naannawaatti hanga qarshii kuma shaniin kireessuun kan deeggaru ta’uus eereera.
Digriisaa jalqabaa Holtikaalchariidhaan kan eebbifame Dargaggoo Daani’eel akka jedhutti, waldichi lafa heektaara 30 kuduraaleefi muduraalee gara garaan misoomse kanneen waqtii gannaa ammoo xaafii facaasa.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Chahaa Obbo Ahmad Mahaammud akka jedhanitti, aanichi lafa jallisiin misoomu bal’aa qaba. Lafa kana lageen yaa’aniifi bishaan boollaa qotanii baasuudhaan jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jira. Bulchiinsi aanichaa dargaggoonni hojidhabeeyyii gurmaa’anii hojii qonna jallisiirratti hirmaataniif deeggarsa barbaachisu taasisaa jira. Waldaan Kuduraafi Fuduraa Yaamiinii dargaggoota hojii misooma jallisiirratti hirmaataniif fakkeenya gaarii ta’a. Gandoota aanichi qabu 38 keessaa 18 ol keessatti hojiin misooma jallisii bal’inaan adeemsifamaa jiraachuu himu.
Omishaafi omishtummaa jallisii guddisuun gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, omishaafi omishtummaa jallisii guddisuuf kilaastera jallisii babal’isuufi ammayyeessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Aaanichatti misooma jallisiitiin omishaaleen gabaarratti barbaadamaniifi qulqullinaan dorgomoo ta’an kanneen kanaan dura naannawichatti hinbaratamne kanneen akka habaabii, kiyaariifi zikunii bal’inaan omishamaa jiraachuus himaniiru.
Akka aanichaatti barana lafa heektaara kuma sadiifi 417 jallisiidhaan misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himanii, yeroo ammaa omishaalee hedduun gahanii gabaaf dhiyaachaa jiru. Misoomni jallisii kun paampii bishaanii fayyadamuudhaan, laga yaa’u jallisuufi bishaan boollaa baasanii fayyadamuun adeemsifamaa jira. Aanichatti hojii misooma jallisii kana caalaatti babal’isuufi waggaatti yeroo lamaa ol omishuuf pirojektiin ijaarsa jallisii guddaan hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Waajjirri qonnaa aanichaa dargaggoota gurmaa’anii hojii misooma qonnaarratti bobba’aniif haala mijeessuufi deeggarsa barbaachisu taasisaa jiraachuu himanii, Waldaan Kuduraafi Fuduraa Yaamiinii yeroo ammaa deeggarsa jalaa bahee of danda’ee dargaggoota biroofis carraa hojii bal’aa uumaa jira. Waldichi cimanii hojjennaan jijjiiramuun akka danda’amu qabatamaan mul’iseera. Omishaafi omishtummaa qonna jallisii aanichaa guddisuuf waldaa akkasii baay’isuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuus dubbataniiru.
Omishaalee jallisii gahaniif walittihidhamiinsa gabaa sadarkaa aanaa, godinaafi biyyaatti uumuufiin akkasumas konkolaattota waldaaleen omishasaanii gabaatti dhiyeessaniin mijeessuufiin qaamolee dhimmichi ilaallatu hunda waliin hojjetamaa jira. Omishaaleen jallisii aanichatti omishamaa jiran hanga gabaa giddugaleessaatti dhiyaatanii gurguramaa jiru jechuun eeran.
Waldaan Kuduraafi Fuduraa Yaamiinii biqiltuuwwan kuduraaleefi fuduraalee gara garaa Dhaabbata ‘Joytech’ Bishooftuutti argamurraa bitamanii dhaabuudhaan omishaafi omishtummaa qulqullina qabu gabaaf dhiyeessaa jiraachuu himanii, biqiltuuwwan Dhaabbata ‘Joytech’ irraa bitamanii dhaabaman biqiltuuwwan sanyii filatamaa naannawaatti qophaa’anirra ji’a tokko dursee kan ga’u ta’uus himaniiru.
Qarshiin liqii daragaggoota gurmaa’aniif dhiyaatu akka biyyaattis ta’e aanichaatti haala gabaa ammaa waliin waan walhinmadaalleef qaamni dhimmisaa ilaalu rakkoo kana furuurratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Akka Obbo Ahmad jedhanitti, aanichi lageen bonaafi ganna yaa’an baay’ee qaba. Hojiin misooma jallisii harki caalu ammoo paampii bishaanii motora fayyadamuun bishaan raabsuun hojjetamaa jira. Motorri ammoo boba’aadhaan hojjeta. Baasii bittaa boba’aaf ba’u hambisuudhaaf jallisiin ammayyaa’aan utuu ijaaramee gaariidha.
Aanichi tiraaktera tokko qofa qaba. Hanqina tiraakteraa kana furuuf tiraaktera iddoo biraarraa kiraadhaan fidanii ittifayyadamaa jiraachuufi lafa heektaara tokko tiraakteraan yeroo afur qotanii sanyiif qopheessuun qarshii kuma 28 gaafata. Rakkoo gama kanaan mul’atu furuun dhimma xiyyeeffannaa addaa barbaadu ta’uus himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016