Laggasaa Taaddasaa: Dargaggoo lafa xiqqaa qotuun milkii guddaa argatee gara invastarummaatti ce’aa jiru

Itoophiyaan bara 2014/2015 sadarkaa biyyaatti lafa hektaara miliyoona 1.3 jal’isiidhaan misoomsuun qamadii kuntaala miliyoona 50 ol omishuu dandeesse.

Baruma bajataa walfakkaataa keessattis omisha gannaatiin oomisha qamadii kuntaala miliyoona 100 ol walittiqabuuf kan dandeessisu oyiruun qamadii qophaa’ee hanga yaadamee olitti bu’aan argamee milkiin daabalame.

Inisheetiivii misooma qamadii Itoophiyaatiif bu’ura kan kaa’an Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Itoophiyaan waggoota muraasa dhufan keessatti omisha qamadii fedhii biyya keessaa guuttee gabaa alaatiif ergitu qofa osoo hinta’in “ofii keenyaaf quufnee ‘Ethiopia Aid’ jechuun olloota keenya gargaaruu qabna” jechuunsaanii kan yaadatamuudha.

Turtii waggoota afurii keessatti inisheetiviin waan milkaa’u hinfakkaanneefi namootni hedduun ija shakkiitiin ilaalaa turan sun milkaa’ee biyyattiin waggaa waggaadhaan qamadii biyya alaatii bitachuun beekamtu yeroo jalqabaatiif gabaa alaatiif qamadii dhiheessitee seenaashee haaromsite.

Inisheetiivichaan dura Itoophiyaan waggaa waggaadhaan doolaara biliyoona tokko baasuun qamadii kuntaala miliyoona 10 ol alaa galchaa turte.

Itoophiyaa keessa lafti jallisiidhaan misoomuu danda’u hektaarri miliyoona afur caalu jiraachuutu amanama. Bal’ina lafaa qabdu keessaa dhibbantaa 60 kan ta’u gammoojjiifi biyyoo laggeen lafa baddaarraa dhufuun kan guutame waan ta’eef omishaaf mijataa ta’uu ogeeyyiin dinagdee wayita ibsan ni dhaga’ama.

Waggaa afur dura (2012) qamadiin waggaatti biyyattiif barbaachisu kuntaala miliyoona 65 akka ture ragaaleen ni eeru. Kana keessaa kuntaalli miliyoona 48 omisha biyya keessaatiin kan guutamu yoo ta’u; kan hafe qamadii toonii miliyoona 1.7 guutuuf biyyattiin doolaara hanga miliyoona 700 baasti.

Ta’us; oomisha qamadii gara biyyaatti galchuun; komiiwwan sharafa alaa akkasumas dhukkuba fiduudhaan walqabatan ni dhiyaatu. Mootummaanis bara faranjootaa 2023tti qamadii biyya alaatii galchuu dhaabuuf hojjetaan jira jechuunsaa ni yaadatama.

Omishaafi omishtummaa qamadii sadarkaa biyyatti guddisuuf sayiiwwan filatamaa qamadii; galtee xaa’oo akkasumas farra ilbiisaafi tekinooloojiiwwan too’annaa dhukkubaa filatamoo ta’an bal’inaan faayidaa irra oolchuun murteessaa ta’uu Dargaggoon Qonnaan Bulaa Moodelaa Laggasaa Taaddasaa ni dubbata.

“Omisha guddaa ta’e argachuuf lafa bal’aa ta’e qotuun dirqamaa miti” kan jedhu godina Baaleetti hojii qonnaatiin jireenyasaa gaggeessaa kan jiru Dargaggoo Laggasaan, galteewwan qonnaa guutuu ta’e fayyadamnaan lafa muraasarratti callaa gaarii argachuun akka danda’amu fakkeenyi isa caalu akka hinjirre dubbata.

Akka yaadasaatti; lafa qonnaa maatiisaarraa argateefi kan maatiisaa hektaara sadii qofaa qotuudhaan warreen lafa hektaara hedduu qotaniin qixa omisha gaarii argachuu danda’eera. Akka fakkeenyaatti isuma bara omishaa ganna darbee yoo sii kaase, akka carraa ta’ee bara darbes baay’inni lafaa ani irratti qamadii omishes hektaaruma sadiin yemmuu ta’u, isumarraa garuu qamadii kuntaala 168 ta’u omishuu danda’eera.

Hektaaraan bifa kanaan duraan baramaa hintaaneen qamadii kuntaala 58 ta’u omishuun waan danda’ameef fayyadamummaan keenyas isuma waliin dabalaa adeemaa jira. Godinni Baalee ammas ta’ee kanaan dura gama omishoota qamadiifi garbuutiin akkuma biyyaattuu beekkamtuu yemmuu taatu, fayyadama paakeejiiwwan qonnaatiinis godina hamatamtu miti.

Haa ta’uu malee waggoota muraasaa as paakeejiiwwan guutuu qonnaas ta’ee galteewwan qonnaa keessattuu qorichoota farreen aramaatiin walqabatee jijjiiramni mul’achaa jiru qonnaan bultoota godinichaatiif hamilee guddaa ta’aa jira.

Erga hojii qonnaa keessatti hirmaachuu eegalee kaasee waqtiisaa eeguudhaan qorichoota farreen aramaafi ilbiisotaa gara garaa fayyadamaa turuu kan himu dargaggoo Laggasaan, waggoota lamaan darbaniif qorichi farra aramaafi farra ilbiisotaa inni fayyadamaa ture garuu kanneen hanga ammaatti turan hundarraa fooyya’aafi omishaafi omishtummaarrattis jijjiiramni guddaan akka dhufuuf sababa ta’uu dubbata.

“Waggaa lamaan har’aa namni wayii manuma hojii kootti natti dhufee waa’ee qoricha kanaa yemmuu inni natti himu ani dafee amanuu hindandeenye. Namni sun garuu hanga humnisaa danda’utti na amansiisuudhaaf hedduu yaalaa ture. Boodarratti qorichicha cal jedheetuma kanfaltii malee fudhadhee akka fayyadamuufi erga bu’a qabeessummaasaa mirkaneeffadheen booda akka kanfaluuf na amansiise. Anis tole jedhee fudhachuudhaan akkuma waqtiin aramaa ga’een akkasumas ilbiisotnis gara maasiitti galuu jalqabaniin qorichicha itti biifadhe.

Dubbii keenyarratti qorichi kun qorichoota farra aramaa kanneen biroo irraa wanti adda isa taasisu hedduudha. Isaan keessaa inni tokkoofi dadhabbii qonnaan bulaa hir’isu immoo isa farra ilbiisotaafi farra aramaas iddoma tokkotti bulbulanii afuuftuu tokkoon afuufuun danda’amuusaati. Kanaaf anis erga haala kanaan qorichicha fayyadameen booda ooyruu san keessatti midhaan asheetaa bareedaa ta’e mul’achuu eegale. Ittaansuudhaan yemmuu haamamee sassaabamus callaan tanaan dura argamee hinbeekne argamuu eegale.

Anis bu’aa qoricha sanaa erga qabatamaan ooyruu koorratti argeen booda namicha dura qoricha sana akka fayyadamuuf na gorsaa ture galateeffadhee baay’inaan akka naa dhiheessu kadhachuu eegale.

Yeroo ammaa ooyruuwwan koo hunda keessatti kan fayyadamu qorichuma farra aramaa omishaafi omishtummaa koo kan orma naannawicha jiru akka caaluuf na taasise qorichuma farra aramaa Dhaabbanni ‘Kemteks’ dhiheessuudha.

Qonnaan bultootni ollaakootiis yeroo amaa anarraa arganii qoricha farra aramaafi ilbiisotaa fooyya’aa dhaabbanni Kemtes dhiheessu fayyadamuuf fedhii qofa osoo hintaane, kanneen fayyadamanii omishasaanii akkuma kootti dabalan mul’achaa jiru.

Waa’ee faayidaa olaanaa qoricha dhaabbatni kun dhiheessuu irra deddeebiidhaan kan sitti himaa jiruuf jaraaf yaadee osoo hintaane, hojii qonnaa keessa waggoota hedduuf turus kan omishni kiyya caalatti fooyya’eefi anis fayyadamaa itti ta’e erga qoricha kana fayyadamuu eegalee waan ta’eefi.

Yeroo ammaa hojima qonnaafi callaa dabalaa dhufe kanaan gara invastarummaatti ce’aan jira. Oggaan akka fakkeenyaatti sii kaasu hoteelli agartu kun kan kooti. Bu’aa dabaluu omishaafi omishtummaa qamadii waggoota muraasaan booda dhufeeti jechuun ni danda’ama.

Hoteela kana kanin ijaarradhe lafa maatiin naa kenne yookiin bulchiinsi magaalaa Roobeerraa argadhe osoo hintaane, isas maallaquma kootiin bitee Hoteela kana fakkaatu irratti ijaaradhee jira. Laficha qarshii miiliyoona afur ta’uun bitee ijaarsa hoteelichaatiif qarshii naannawa miiliyoona 20 ta’u itti baheera.

Kanaaf yeroo ammaa ani qonnaan bulaa qofa osoo hintaane, walakkaadhaan gara invastimantii magaalaattis galeera jechuudha.

Barumsasaa osoo hinxumuriin addaa kutuudhaan gara hojii qonnaatti kan xiyyeeffate Dargaggoo Laggasaan, xiiqii sanaaf yeroo ammaa milkii gama hojii qonnaatiin galmeessisaa jiruun cinatti ijoolleensaa cimanii akka barataniifi iddoo inni barumsaan gahuu hindandeenye akka dhaqqabaniif waan hunda guuteefii barsiisaa jiraachuu dubbata.

Bu’aan argachaa jiru kan qophaasaa fayyadamu osoo hintaane kan hawaasni naannawichaa irraa fayyadamu waan ta’eef hojiilee tola ooltummaafi gargaarsaa gara garaatiifis arjoomaa jira.

Akka fakkeenyaatti yeroo gara garaatti deeggarsa gama mootummaatiin gaafatamuuf dafee awwaachuu, ijaarsa hidha guddichaatiif boondii bituufi kennaadhaanis irra deddeebi’ee arjoomeera.

“Dargaggoonni barnoota qofarratti osoo hintaane, qonna dabalatee hojiiwwan gara garaatiinis milkaa’uun akka danda’amu gorsuun barbaada” kan jedhu Dargaggoo Laggasaan, hojii argame hunda osoo hin tuffatin hojjachuun bu’aafi milkii hin yaadamneef kan nama affeeru akka ta’u hubatanii carraa argame hundaan waan argame hojjatanii milkaa’uuf kutannoon barbaachisaa ta’uus ni ibsa.

Walumaagalatti; osoo barumsa hinxumurin addaan kutuun abdii gara fuula duraa kan nama hinkutachiine ta’uu, lafa xiqqoo qotaniif omisha xiqqoo akka hinarganne muuxannoo dargaggoo kanaarraa barnoota fudhachuun ni danda’ama. Hojiirratti hirmaatan sana addaafi wantoota hojichaaf barbaachisan guuttatanii hojjachuun yeroo gabaabaa keessatti kan nama milkeessu ta’uus akkasuma.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

 

Recommended For You