Giruuppichi huccuu omishee gabaa alaatti erguuf hojjetaa jira

Finfinnee: O-Piroduus Invastimanti Giruup karaa Waldaa Aksiyoona Tekstaayilii Bullukkoo isa jala jiruu huccuu omishuun gabaa alaatti erguuf hojjetaa jiraachuu beeksise.

Gaggeessituu Hojii Olaantuun giruppichaa Injinar Maartaa Balaay Roobii darbe wayita Itiyoo Injiinariingi Giruup waliin waliigaltee mallatteessan akka jedhanitti, kaayyoon hundeeffama giruuppichaa dhaabbilee misooma mootummaa kanaan dura rakkoo qindoomina sirna bulchiinsaa qaban akaakuu omisha irratti bobba’aniitiin garee invastimantiitiin hundeessuun sirna gabaa keessatti dorgomaa taasisuudha.

Sababa rakkoo meeshaalee jijjiirraatiin hojiin warshaaleen akka hingufanne gochuun dabalata omishaalee alaa galan bakka buusuun sharafa alaa hambisuu keessatti qindoominni dhaabbilee kunneenii murteessaa ta’uus ibsaniiru.

Milkaa’ina kaayyoo hundeeffamasaatiif giruuppichi dameelee manufaakchariingiin, konistiraakshiniin, maashinariidhaan, teknolojii awutomootiviin, maashinoota omishuufi suphuun, meeshaalee jijjiirraa maashinootaa omishuufi ammayyeessuu keessatti dhaabbata akka biyyaatti muuxannoo guddaa qabu Itiyoo Injiinariingi Giruup waliin waliigaltee mallatteessuus dubbataniiru.

Gaggeessaa Hojii Olaanaan Itiyoo Injinariingi Giruup Ambaasaaddar Suleemaan Daddafoo gamasaaniin akka dubbatanitti, mootummaan damee manufaakchariingiif xiyyeeffannoo addaa kennee hojjetaa jira. Waliigaltichi tarsiimoo paakeejii deeggarsaa mootummaan dhaabbilee maanufaakchariingiif taasisuuf baasee milkeessuuf shoora guddaa taphata.

Gaggeessaa Hojii Ittaanaan O-Pirodiyuu Obbo Girmaa Dalasaa ibsa dabalataa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Waldaa Aksiyoona Tekstaayilii Bullukkoo kanaan dura omishasaa biyya keessatti raabsuun ala gabaa alaatiif erguu hinjalqabne. Amma garuu huccuu alatti erguuf dhaabbilee biyyoota garagaraa waliin hojjechuu jalqabeera.

Giruuppiin invastimantii kun Waldaa Aksiyoona Tekstaayilii Bullukkoo dabalatee dhaabbilee manufakchariingii guguddoo ja’a kanneen akka Waldaa Aksiyoona Piriintiingi, Pablishingiifi Paakeejingi MELBA, Waldaa Aksiyoona ‘ECAFCO’, Waldaa Aksiyoona Bivareejii Keenyaa, Kubbaaniyaan Ujummoo Sibiilaa Oromiyaafi Warshaa Ujummoo Pilaastikii Oromiyaa kan of jalatti hammateedha.

Dhaabbileesaa keessaa Kubbaaniyaan Ujummoo Sibiilaa Oromiyaa akka Afrikaa Bahaatti akaakuu teknolojii inni fayyadamuufi humna omishuu qabuun sadarkaa lammaffaarratti argama jedhanii; kubbaniyyichi Itoophiyaattihiyyummaa dhabamsiisuuf shoora guddaa taphachaa jiraachuu dubbataniiru. Waldaan Aksiyoona Bivareejii Keenyaa bara 2017rraa eegalee biiraa omishuuf yeroo ammaa maashinoota guguddoo dhaabuurratti argama jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

 

Recommended For You