Guyyaan Dubartoota Addunyaa (‘March 8’) warraaqsa dubartootaatiin kan jalqabe yoo ta’u, guyyaan kun yeroo ammaa Mootummoota Gamtoomaniin beekamtii argatee waggaa waggaan mata duree gara garaatiin kabajamaa jira.
Guyyaan Dubartoota Addunyaa (‘March 8’) ALA bara 1908 Magaalaa Niiw Yoorkitti jalqabame. Yeroo sana dubartoonni kuma 15 ta’an “Sa’aatiin hojii haafooyya’u (haa gabaabbatu), dubartoonni kaffaltii fooyya’aa argachuu qabu, dubartoonni filannoorratti hirmaachuu qabu” jechuun hiriira mormii adeemsisan.
Hiriirri mormii kun eegalamee guyyoota afur booda bulchaan aangoo gadhiisee mootummaan haaraa dhufe dubartootaaf mirga filachuu kenneera. Waggaa tokko booda ammoo Paartiin Sooshaalistii Ameerikaa yeroo jalqabaatiif ‘Guyyaa Dubartoota Biyyaalessaa’ labse.
Yaa’ii Biyyoolessaa Hojjettoota Dubartoota Biyyoolessaa ALA bara 1910 Denmaarki, Kooppan haaganitti adeemsifamerratti Guyyaan Dubartootaa sadarkaa biyyoolessaatti akka kabajamuuf Dubartiin Lammii Jarmanii ‘Clara ZetKin” jedhamtu yaada dhiyeessite. Dubartoonni biyyoota addunyaa 17 irraa babba’an 100 yaa’icharratti hirmaatan guutummaan yaada dhiyaate deggeruun irratti waliigalan.
Guyyaan Dubartoota Addunyaa (March 8) inni jalqabaa ALA bara 1911 Awustiraaliyaa, Denmaaki, Jarmaniifi Siwiizarlaanditti kabajame. Guyyichi seeraan kan simatame bara 1975tti yeroo Mootummoti Gamtoomanii (UN) guyyicha ayyaneeffachuu eegaletti.
Guyyaan Dubartoota Addunyaa (‘March 8’) barana akka addunyaatti yeroo 113ffaaf akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 48ffaaf kaleessa mataduree “Dubartoota haa ga’oomsinu, misoomaafi nageenya haamirkaneessinu’ jedhuun sadarkaa biyyaafi naannoleetti kabajameera. Kabajamuun guyyichaa mirgi namummaafi dimokraasummaa dubartootaa akka kabajamu taasisuu, kabajaafi faayidaa maluuf akka argatan gochuurratti xiyyeeffata.
Jaarraan 19ffaan yeroo dubartootni kabajama mirgoota namummaasaaniitiifi dimokraasiif sagalee dhageessifachuu itti eegalaniidha. Yeroo sana biyyoonni industiriiidhaan badhaadhan fayyadamummaa qixxee korniyaawwan lamaaniitiif xiyyeeffannaa kennanii hojjetaa hinturre. Dubartootni mirga filachuufi filatamuusaanii kabachiisuuf sochii taasisuu kan eegalan jaarraadhuma kana keessa ture.
Akka Itoophiyaattis mirgootni namummaafi dimokraasummaa dubartootaafi faayidaa isaan gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa keessatti qaban kan dhiirotaa wajjin walqixa kabajamaa hinture. Ilaalchiifi kabajni dubartootaaf kennamus gadaanaa ture. Hirmaannaa dubartootni siyaasa keessatti qabaachaa turanis kan dhiirotaa waliin yoo ilaalamu gadaanaa ture. Yeroo ammaa garuu sochiifi qabsoo dubartootni taasisaa turaniin mirgoota isaanii kabachiisaa, faayidaafi hirmaannaa gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa keessatti qaban mirkaneeffachaa jiru.
Dubartummaan kabaja. Dubartiin maatii kunuunsuufi jiruufi jireenya hawaasaa naannawa keessatti gahee olaanaa qabdi. Knaafuu dubartiin utubaa maatii, manaafi biyyaati. Gahee dubartootni jiruufi jireenya hawaasummaa, maatii, naannawaafi biyyaa keessatti qaban olaanaa waan ta’eef dubartoota kabajuu, dursa kennuufii, mirgaafi faayidaasaanii kabajuufi kabachiisuun barbaachisaadha. Dhiironnis dubartiirraa waan dhalataniif dubartootaaf kabajaa barbaachisu kennuu qabu.
Baay’ina ummata biyyattiis ta’e addunyaa keessaa harki caalu dubartoota waan ta’aniif mootummaanis mirga dubartootaa kabachiisuu, faayidaafi hirmaannaasaanii mirkaneessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Hojiilee mirga dubartootaa kabachiisuu, miidhaawwan keessumaa gama koorniyaatiin isaanirra gahan hir’isuuf akkasumas hirmaannaa isaan siyaasa, hawaasummaafi dinagdee keessatti qaban caalaatti guddisuufi fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf gama hundaan raawwatamaa jiran daran cimanii ittifufuu qabu.
Guyyaan Dubartoota Addunyaa waggaa waggaan kabajamus rakkoolee dubartootaa furuu, mirgootasaanii kabajuufi faayidaasaanii gama hawaasummaa, dinagdeefi, siyaasaatiin argachuu qaban mirkaneessuurratti xiyyeeffachuun ta’uu qaba. Dubartoonis qabsoo mirgaafi faayidaasaanii kabachiisuuf taasisaan daran cimsanii ittifufuu qabu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016