Kaampaanota idiladdunyaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaatti hawwachuuf  hojjetamaa jira

Finfinnee:   Kaampaanota idilAddunyaa Boyingiifi Raampaanti jedhaman Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa keessa galanii hojii invastimantii akka hojjetaniif mariin garaagaraa gaggeeffamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Zoonichaa beeksise.

Zoonichatti Qindeessaan Bu’uraalee Misoomaa Doktar Lammaa Moosisaa ibsa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, dinagdee Itoophiyaa qonnarraa gara industiriitti ceesisuuf zooniin dinagdee ijaaramaa jiru kun shoora olaanaa taphachuu danda’a.

Zoonichi giddugala dinagdee Itoophiyaa ta’uu bira darbee giddugala dinagdee Gaanfa Afrikaa taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhanii, gaafa guutummaatti hojiitti gale namoota miliyoona torbaa oliif carraa hojii uumuu akka danda’u ibsaniiru.

Kilaastarootni industirii 13 zoonicha keessatti nihammatamu kan jedhan Doktar Lammaan zoonichi industrii loojistikii kan konkolaataa dabalatee, industirii qindeessa qonnaafi qorichootaafi kanneen biroo keessummeessa jedhaniiru.

Zoonichi magaalota Adaamaafi Mojoo gidduutti lafa hektaara kuma 24 irratti ijaaramaa jiraachuus eeranii, zoonichi magaalaa haaraafi bareedaa (‘Smart City’) hundeessuu bira darbee  guddina magaalota kallattii Oromiyaa Bahaa jiraniifis faayidaa guddaa argamsiisuu danda’a jedhan.

Zoonicha ijaaranii xumuruuf waggaa 40 gaafata kan jedhan Doktar Lammaan; zoonicha hojiitti galchuuf bu’uraaleen misoomaa kanneen akka ibsaa, daandii, telekoominikeeshiniifi bishaanii hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daandiin asfaaltii sadarkaasaa eeggate  kiiloomeetirri shan hojjetameera jedhan.

“Guddinasaarraan kan ka’e hojiin zoonii kanaa lafa hektaara 24 keessaa, jalqabatti hektaara kuma sadiirratti qofa hojjetama. Kunis hojiilee hojjetamuu jalqabamaniin galii argamsiisuun galii argamuun immoo hojiilee hafan hojjechuuf gargaara.  Qonnaan bultoota abbaa qabiyyee lafa hektaara kuma sadii kanaaf beenyaan kaffalamee, beenyaa kaffalameef kanammoo akka hinqisaasessine gochuun baankii faana walitti hidhuun naannawaa sanatti qonnaan bultootni kunneen hojii misoomaarratti akka bobba’anis taasifameera” jedhan.

Qixa barbaadamuun hoggansi deeggarsa barbaachisu akka taasisuufi Itoophiyaatti aadaan hojii yoo fooyya’e zooniin kun hiyyummaa biyyattiin keessa jirtu seenaa taasisuu danda’a kan jedhan  Doktar Lammaan;  zoonii dinagdeetiin dinagdee biyyaa guddisuun akka danda’amu muuxannoon biyyoota akka  Kooriyaa Kibbaa, Chaayinaafi Singaapoor ifatti kan mul’isu ta’uu eeran.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “Kaampaanota idiladdunyaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaatti hawwachuuf  hojjetamaa jira”

Comments are closed.