Itoophiyaatti sagantaan ‘Maaddii Guutuu ykn qonni magaalaa Inisheetiivii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin labsamee erga hojiirra ooluu jalqabee waggoota lama ta’eera. Hojiin qonna magaalaa masaraa mootummaa keessatti jalqabe kun waajjiraalee mootummaafi magaalota biyyattii hundatti babal’achuun wabii nyaata jiraattota magaalaa mirkaneessaafi madda galii ta’uun jiruufi jireenyasaanii fooyyessaa jira.
Hojiin qonna magaalaa kun magaalota hundatti haala walfakkaatuun adeemsifamuu baatus magaalota akka Jimmaafi Walaayittaa Sooddootti hojiin fakkeenyummaa qabu raawwatamaa jiraachuu gareen gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa hojii dirree dhiyeenya kana taasiseen hubateera.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonna Magaalaa Walaayittaa Sooddoo Obbo Phaawuloos Kiflee akka garichatti himanitti, hojiin qonna magaalaa kun eegumsa biyyeefi bishaaniif dursa kennee raawwatamaa jira. Waggoota shanan darbanitti hojiin misooma eegumsa biyyeefi bishaanii kutaalee hawaasaa kuma 62 ol hirmaachisuun raawwatamaa tureera.
Magaalaa Walaayittaa Sooddootti waggoota afran darban sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan gara garaa miliyoona 2.9 ol dhaabamanii kunuunfamaa jiraachuu himanii, ganna baranaa ammoo biqiltuuwwan gara garaa miliyoona 3.2 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf omishaalee adda ba’an kanneen akka warqeefi akaakuuwwan midhaanii gara garaarratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu himanii, bal’ina lafa magaalaa heektaara kuma 16 keessaa lafti heektaara kuma afuriifi 550 ol akaakuuwwan midhaan adda addaatiin kan uwwifamu ta’uu ibsaniiru.
Hojiin qonna magaalaa tibba bonaa jallisiidhaan, gannaa ammoo rooba fayyadamuun adeemsifamaa jiraachuu himanii, omishaafi omishtummaa qonna magaalaa guddisuuf sanyii filatamaafi guddistuun callaa yeroodhaan qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jiraachuus eeraniiru.
Magaalattiitti horsiisni lukkuu omisha qonnaa waliin akka deemu ta’ee adeemsifamaa jiraachuu ibsanii, udaan lukkuu omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf balfawwan magaalattii keessaa ba’an waliin walitti qinda’ee irratti hojjetamaa jira jedhan.
Dubartoota hojii hinqabne gurmeessuun balfawwan toonii 300 ol guyyaatti magaalattii keessaa ba’an keessaa kompostii kan ta’an adda baasuun hojii misooma qonnaaf akka oolan taasifamaa jirachuus eeraniiru.
Omishaafi omishtummaa aannanii guddisuuf hojii sanyii loonii fooyyessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Loowwan kuma 44 ol magaalattii keessa jiran keessaa yeroo ammaa loowwan %80 ol dhiiga loowwan biyya alaa akka qabaatan ta’eera. Hojiin sanyii loowwanii fooyyessuu kun karaa sadiin raawwatamaa jira. Inni tokkoffaan sanyii kormaa fooyya’aa meeshaadhaan karaa qaama saalaa sa’aatti naquudhaan rimaa akka qabatan gochuudha. Mala kanaan waggaa waggaan saawwan kuma lamaa ol mixxiqqeeffamaa jira jechuun ibsaniiru.
Inni lammaffaan sanyii kormaa fooyya’oo ‘Jarsii’fi ‘Holisteen’ adda baasuudhaan hojiin sanyii saawwanii fooyyessuuti. Mala kanaan saawwan kuma sadii ol mixxiqqeessuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Inni sadaffaan ammoo hojii idileetiin saawwan kuma afurii ol mixxiqqeessuun omishaafi omishtummaa aannanii guddisuufi jabbii sanyii fooyya’aa argachuuf hojjetamaa jira jedhan.
Kanaan dura giddugaleessaan loon tokkorraa aannan liitirii jahaa hanga saddeetii argamaa turuus himanii, hojii omishaafi omishtummaa aannanii guddisuuf raawwatamaa tureen yeroo ammaa loon aannanii tokkorraa giddugaleessaan aannan liitirii 15 argamaa jira jedhu. Hojiin omishaafi omishtummaa aannanii guddisuu kun ittifufiinsaan kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.
Hojiin omishaafi omishtummaa aannanii guddisuuf magaalattiitti raawwatamaa jiru fedhiifi dhiyeessi aannanii akka walsimu taasisuun qaala’iinsa gatii aannanii hir’isuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uus himanii, lakkoofsa loowwanii guddisuunis hojii xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetamaa jiru ta’uu beeksisaniiru.
Sagantaa Maaddii Guutuutiin hanga ammaatti magaalattiitti lukkuuwwan kuma 86fi 500 raabsamaniiru. Hojiin horsiisa lukkuu namoonni dhuunfaa, dargaggoonni gurmaa’aniifi abbootiin qabeenyaa irratti hirmaataa jiran bakka tokkotti to’achuuf kilaastaraan akka horsiisan ta’eera. Akka magaalattiitti lukkuuwwan buuphaa buusan kuma 40 oliifi lukkuuwwan fooniis baay’inaan jira jedhan.
Kilaastarri omisha dammaas qofaatti adda ba’ee qonnaan bultoota dhuunfaafi gurmaa’aniin adeemsifamaa jiraachuu kan himan Obbo Phaawuloos, hojiin omisha dammaa kun gaagurawwan ammayyaa kuma 10fi kan aadaa kuma 20 oliin adeemsifamaa jira. Yeroo ammaa fedhiin dammaa magaalattiitti baay’ee dabalaa jiraachuufi dammi kiiloon tokko hanga qarshii 600tti gurguramaa jira. Fedhiifi dhiyeessa dammaa kana walsimsiisuuf karoorfannee gara hojiitti seenneerra jechuun ibsaniiru.
Dhiyeessi nyaata beelladootaa horsiisa looniifi lukkuuf murteessaa waan ta’eef nyaata beelladootaa karaawwan lamaan qopheessuuf hojjetamaa jira. Tokkoffaan nyaata beelladootaa maasaa qonnaan bulaarratti omishamu yoo ta’u, kanaanis lafti heektaara 400 ol misoomeera. Inni lammaffaan ammoo nyaata beelladootaa warshaadhaan qindaa’ee qophaa’uudha jedhan.
Nyaatni beelladaa kiiloon tokko yeroo ammaa qarshii 43-50tti gurguramaa jira. Gatiin nyaata beelladootaa olka’uun gatii aannaniifi buuphaa akka dabalu waan taasisuuf namoonni invastimantii nyaata beelladootaa qopheessuuf lafa fudhatanii gara hojiitti hingalle dafanii gara hojiitti akka galan taasisuuf hojjetamaa jira jechuun himaniiru.
Magaalattiitti horsiisi qurxummii haroo namtolchee bakkawwan lamatti hojjechuudhaan adeemsifamaa jiraachuus himanii, haroowwan lamaanitti cuuciiwwan qurxummii kuma 40 ta’an dabalamanii yeroo ammaa tajaajilaaf oolaa jiraachuu dubbatu.
Akka Obbo Phaawuloos jedhanitti, qonni magaalaa kun caasaa sirriitti gurmaa’eefi hojjettoota hinqabu. Misooma midhaanii, omisha bunaa, horsiisa beelladootaarrattis ogeessota gahaa hinqabu. Hojiin qonna magaalaa bajatas hinqabu. Yeroo ammaa bulchiinsa godinichaafi magaalattii waliin dubbachuudhaan tokkoon tokkoon wiirtuu misoomaatti hojjetoonni misoomaa 170 akka mindeeffaman ta’eera. Qonni magaalaa bakkawwan hundattuu hanqinoota baay’ee waan qabuuf xiyyeeffannaa addaa barbaada. Magaalattiin rakkoolee mudatan keessa taatee bu’aawwan magaalota birootiif fakkeenya gaarii ta’an galmeessisaa jirti.
Qonni magaalaa carraa hojii bal’aa uumuu keessattis gahee guddaa qaba. Dargaggoonni hedduun gurmaa’anii hojii kanarratti hirmaachaa jiru. Lafti mootummaa utuu hinqotamin naannawaa magaalattii jirurratti dargaggoota gurmeessuun akka misoomsan ta’eera. Daraggoonni gurmaa’an barana lafa heektaara 44 xaafii omishanii irraa galfataniiru. Hojiin walitti hidhamiinsa gabaa uumuus raawwatamaa jira.
Magaalaa Walaayittaa Sooddoofi naannawaasheetti hojiin qonna magaalaa lafa kaaree meetira tokkorraa kaasee hanga lafa heektaara lamaarratti adeemsifamaa jiraachuu himanii, hojii kanarratti jiraattonni kuma 15 hirmaachuun qe’eefi lafa qabanirratti omishawwan qonnaa gara garaa adeemsisaa jiru jedhan.
Jiraattonni magaalaa lafa xiqqoo qabanirratti qodaawwan akka jarkaanii, pilaastikii, sharaafi kkftti biyyoo dabalanii lafarrattis ta’u fannisanii omishaalee akka qoosxaa, hundee diimaa, timaatimii, qaaraa, raafuu, salaaxaa, kaarotiifi kanneen biroo dhaabanii irraa fayyadamaa jiraachuus eeraniiru.
Qonnaan digrii jalqabaa Yunivarsitii Haramaayaarraa, digrii lammaffaa ammoo Yunivarsitii Arbaa Miincirraa kan argatan Obbo Phaawuloos, hojii qonnaa kana fedhiifi ogummaasaaniitiin hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 9 Bara 2016
6 Comments to “Magaalaa Walaayittaa Sooddootti sagantaan ‘Maaddii Guutuu’ qabatamaan hojiirra oolaa jira”
Comments are closed.