Finfinnee: Itoophiyaan waggoota hedduuf beelaan beekamaa turte hoggansa Ministira Muummee Doktar Abiyyiin hojii gaariin beekamtii gonfachaa jirti. Yaa’ii Itaalii-Afrikaa kan DhaabbataNyaataafi Qonna Addunyaa Mootummoota Gamtoomanii (FAO) Xaaliyaan, Magaalaa Roomitti taa’amerratti kan hirmaatan Doktar Abiyyaa hojii boonsaa wabii midhaan nyaataafi misooma magariisaarratti hojjetaniin badhaasa olaanaa dhaabbatichaa ‘Agricola’ jedhamu harka galfataniiru. Badhaasni olaanaan kun namoota wabii nyaataa addunyaa mirkaneessuuf shoora addaa gumaachaniif kan kennamuudha. Badhaasni kun meedaliyaa qofa osoo hin taane doolaara miliyoona 50 of keessatti hammata.
Hoggansa Doktar Abiyyiin Itoophiyaan qamadii alaa galchuu dhiisuu qofa osoo hintaane alatti erguun hojiidhaan hiyyummaan seenaa akka ta’u mirkaneessiteetti. Hoggansi kun diinummaa waggoota 20 oliif Itoophiyaafi Eertiraa gidduu ture jaalalaan goolabuun badhaasa noobelii nageenyaa harka galfachuunsaanii ni yaadatama.
Daarektarri Olaanaan ‘FAO’ Kiyuu Dongyuun sirna badhaasichaarratti “Hojii gama wabii nyaataafi ashaaraa magariisaan Itoophiyaan hojjette wabii Afrikaa qofa osoo hintaane wabii addunyaati. Qamadii biyya alaa galchuun hafee alatti erguu danda’uun fakkeenyummaa gaariidha. Jireenya ummata baadiyyaa fooyyessuuf tattaaffiin taasifame daran boonsaadha. Qormaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf yaaddoo ta’e maqsuuf Itoophiyaan biyya waggoota muraasa keessatti biqiltuu biliyoona 25 dhaabuu dandeessedha” jechuun bilchina hoggansaa Doktar Abiyyi Ahmad dhugaa ba’an.
Itoophiyaan midhaan nyaataatiin of danda’uuf waggoota muraasa keessatti bu’aa abdachiisaarra ga’uusheef omishni qamadii fakkeenya gaariidha. Fakkeenyummaan Itoophiyaa kun ammoo addunyaaf barumsa guddaadha. Tattaaffii midhaan nyaataatiin of danda’uu Itoophiyaaf dhaabbatnisaanii tumsa taasisu cimsee akka ittifufu kan ibsan ammoo Daarektara Olaanaa Dhaabbata Misooma Industirii Mootummoota Gamtoomanii Gaardi Muleri.
Biyyi sirna bittaa koloniirraa walaba taate Itoophiyaan nyaattee buluuf alatti hiixataa wanti bilisummaa jedhu hiika dhaba. Akkuma sareen bakka nyaattuu dutti Oromoon jedhamu harka koloneeffattootaarraa nyaachaa walabummaan dantaa ofii murteessuun rakkisaadha.
Kanumaaf Akka Doktar Abiyyi, galtewwan qonnaa omisha industiriif faayidaa olaanaa qabanirratti xiyyeeffachuun bu’aa abdachiisaa galmeessuuf bu’uura ta’uu himanii; imala birmadummaa wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu daran jabeessanii kan ittifufan ta’uu kan ibsaniif. Qabeenya uumamaa jiru hunda sakatta’anii misoomsuun biyya badhaate dhalootatti dabarsuun dirqama ta’uus hubachiisan. Doktar Abiyyi hoggansaafi dhaabbilee idiladdunyaa garagaraa waliin dhimmoota adda addaarratti maarii bu’aaqabeessas taasisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016
6 Comments to “Badhaasa olaanaa ‘Agricola’ Doktar Abiyyi ifaaja olaanaan gonfatan”
Comments are closed.