Wanci: Ayyaana cuuphaa Godina Shawaa Kibba Lixaa, Hara Wanciitti har’a kabajamurratti Walittiqabaan Gumii Dhaabbilee Amantii Oromiyaa, Phaaphaasiin Godina Shawaa Kibba Lixaafi Dursaan bataskaana Miskaayahaazunaan (Finfinnee) Abbaa Saawroos argamaniiru.
Taabota Qirqoosiifi Taklaaymaanot Hara Wanciirratti bahurratti argamuun adatti Gaazexaa Bariisaatiif ibsa kan kennaan Abbaa Saawroos siyaasaafi amantiin gargar ta’uu kaasaniiru. Amantiin Ortodoksii siyaasa osoo hintaane Kiristoos lallaba. Kanaafis faajjiin keenya fannoodha jedhan.
Bataskaanni Qirqos Hara Wanciirratti argamu umrii ganna 100 oliifi seenaa addaa akka qabu eeraniiru. Nuti ijoolleen Kiristoos fannoosaa qabannee cuuphaa kabajuu qabna jedhan.
Jibbi, amantiifi siyaasni walmakuun tokkummaafi jaalala Kiristoos waliin qabnurraa kan nufageessu waan ta’eef hafuuratti guddachuu qabna jedhanii; Kiristaanonni tokkummaasaanii eeggachuuf hafuuratti guddachuun siyaasarraa fagaachuu qabu jechuunis ibsaniiru.
Siyaasaafi amantiin walnujalaa maknaan duudhaa amantii keenyaa kan ballessuufi jibba kan babal’isu ta’uu eeranii, ergaa “Cuuphaan alanaa kan jibba itti injifannu, jaalalaafi tokkummaa obnolummaa itti gabbifannuudha” jedhus dabarsaniiru.
Jibba jaalalaan waljifachuu cuuphaafi hafuura Waaqayyootiin injifachuun nagaa buusuu qabnas jedhan Abuna Saawuroos. Ayyaanni Cuuphaa har’a naannawa Ikoo Turizimii Wanciitti sirna ho’aadhaan kan kabajamu yoo ta’u, feestivaalli guddaan gugsii fardaas ni geggeeffama.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016
2 Comments to “ “Alaabaan keenya fannoo Kiristoosi”Abbaa Saawroos”
Comments are closed.