
Kutaa 1ffaa
Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattootaa Itoophiyaa marsaa 18ffaaf torban har’aa, Sadaasa 29 bara 2016 Naannoo Somaalee, Magaalaa Jigjigaatti mataduree, “Heddumminni walqixxummaa tokkummaa biyyalessaatiif” jedhuun sirnoota garagaraatiin kabajameera.
Guyyaa ayyaana kana sababeeffachuun mariin Gumii Balal marsaa 35ffaan torban darbe Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kan geggeeffame yoo ta’u, hayyuun sirna federaalizimii (Yunivarsitiirraa) Doktar Tasfaayee Jimaa mataduree, “Federaalizimii sabdaneessaa keessatti” jedhuun waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru. Nutis qorannoosaanii haala ittaanuun qindeessineerra.
Maalummaa federaalizimii
Federaalizimiin hammattuu heddumminaati ykn karaa fedhiin heddumminaa itti keessummeeffamuudha. Sirna yoo xiqqaate caaseffama mootummaa lama of keessaa qabuudha. Fakkeenyaaf akka biyya keenyaatti yoo fudhanne caaseffama mootummoota federaalaafi naannolee jennee kaasuu dandeenya.
Oggaa waa’ee federaalizimii dubbannu yoo xiqqaate caasaalee mootummaa lamarratti dubbanna jechuudha. Kanaaf federaalizimiin caaccuulee lama qaba. Isaanis ofiin of bulchuufi waliin ammoo biyya bulchuu. Kunniin bu’uura federaalizimiiti.
Garaagarummaa federaalizimiifi federeeshinii
Garaagarummaansaanii, federaalizimiin yaadiddama (ideology). Federeeshiniin garuu dhaabbilee qabatamoo ta’an kanneen caaseffamaniidha. Kanatu ijaarsa biyyaati. Gaafa akka heera Itoophiyaatti naannolee hanganaa qabna jennu, caasaaleen naannolee kanneen jalatti diriiran hundasaanii jechuudha federeeshiniin.
Amala federeeshinii
Amaloota federeeshinii keessa qoqqoodiinsi aangoo jira. Qoqqoodiinsi aangoo amala federeeshiniiti. Heera barreeffame qabaachuu qaba. Heeri kun ammoo amala garee murtaa’een hinfooyyofne (‘rigid constitution’) qabaachuu qaba.
Heerri qaamni muraasni ykn garee xiqqoon walittiqabamanii kan fooyyessan miti jechuudha. Fakkeenyaaf kan biyya keenya yoo fudhanne keeyyata kamuu qaamni muraasni qofti akka fooyyessuuf kan eeyyamu miti. Fooyyessuudhaaf adeemsaafi yeroo dheeraa fudhata.
Qaama hariiroo naannolee tiksuus of keessaa qabaachuu qaba. Kana biyyoonni baay’een qabu. Fakkeenyaaf Afrikaan Kibbaa sirna ‘intar gavarnimentaal riileeshin’ jedhamu qabdi. Kun qaama hariiroo naannolee tiksu qabaachuu agarsiisa. Nutis otoo kana qabaannee gaariidha. Heerri biyya keenyaa aangoo kana Mana Marii Federeeshiniitiif kenna. Seeruma keessaayyuu qabaachuun daran barbaachisaadha.
Yaadiddamoota ijaarsa biyyaa
Yaadiddamoota biyyi akkamitti ijaaramte jedhuuf fakkeenyaaf, warreen ‘evolution rest’, naturalistifaa jennuun jiru. Yeroo tokko maatii tokkotu ture. Maatii kanatu gosa ta’e, gosa kanatu…jedhanii adeemsa keessa biyya ta’ee, horee fagaate. Warra biyyi haala kanaan uumamte jedhanii amananiidha ykn hayyoonni akkas jedhanii dubbatan jiru. Rabbitu uume kan jedhanis jiru /divine creation/. Warri kaan ammoo biyyi kan uumamtu waliigaltee ummataatiini, isa (‘social contract) jedhamu. Warra biyyi fedhiifi waliigaltee ummataatiin ijaarama jedhanis jiru.
Warri kaan ammoo biyyi kan ijaaramtu humnaani jedhu. Yaadiddamni Maarkisisti Leeninistis jira. Biyyoota kan uume sooreyyiidha, warra kaan ittiin cunqursuufi miidhuufi, jedhu. Keessumaa barreeffamni waa’ee yaadiddama kanaa ibsu baroota 1950/60moota keessa dhiibbaa kan uumu ture. Akka warreen dinagdeedhaan guddatan warra gadaanoo jedhaman, warra sadarkaa olaanaarratti argamanirratti akka kaka’an ykn sochii godhan kan taasiseedha.
Heera Itoophiyaa
Oggaa heera biyya keenya ilaallu nuti saboonni, sablammoonniifi ummatoonni Itoophiyaa jedha seensi heerichaa. Kanaaf waa’ee ijaarsa biyyaa akkaataa heerri RFDI nutti himu fedhiidhaani jechuudha. Fedhiidhaan walitti dhufneetu biyya Itoophiyaa jedhamtu ijaarranne. Yaadiddamoota kanneen keessaa kan keenya isa waliigalteedhaan ijaarama jedhurratti kan hundaa’eedha ykn deggaruudha heerri RFDI.
Sirni federaalizimii sabdaneessaa kun maaliif Itoophiyaaf filannoo ta’e?
Sirnoota darban keessatti gaaffiileen eenyummaa, amantii, siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa deebii hinarganne waan turaniif ALA bara 1991 booda sirni federaalizimii sabdaneessaa biyya keenyaaf filatamaa ta’eera. Gama kanaan seeneffamni ture saba tokko, afaan tokko, amantii tokko, ummata tokko kan jedhuufi kan danummaa balleessuu barbaadu waan ta’eef sirni federaalizimii sabdaneessaa akka filannootti fudhatameera.
Fakkeenyaaf heera ALA bara 1931, 1955 yoo ilaalle labsiiwwan bara 1944 bahan hedduusaanii danummaa ykn heddummina balleessuurratti kan xiyyeeffataniidha. Kanaaf bara 1991 booda filannoon ture sirna federaalizimii sabdaneessaati. Ilaalchawwan federaalizimii Itoophiyaarra jiran deggartootaafi mormitoota jennee gareewwan lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.
Warreen deggaran
Sirni kun Itoophiyaa nitarkaanfachiisa. Sabootaafi sablammoota biyya kanaa ni ceessisa, ni hammata jedhanii deggaru. Gaaffiilee sabootaafi salammootaaf deebii kan kenne, sirna walqixxummaa aadaa, afaanii, amantii, dinagdeefi siyaasaa fide waan ta’eef sirni federaalizimii sabdaneessaa biyya kanaaf barbaachisaadha jedhu.
Akkasumas saboota jiddugaleessarraa fagoo ta’an waan hammatuuf, sirnoota darban keessatti adeemsa waan hunda tokko gochuu, macalaqsanii (assimilation policy) tokko gochuuti. Kanaaf aangoon kan jiru Finfinneedha jechuudha. Finfinnee teessee Asoosaa, Matammaa, Moyyaalee… fageenya dheeraarratti argamtu hogganta. Kanaaf hawaasni achi jiru siyaasaan, dinagdeedhaan, hawaasummaadhaan maal akka barbaadu waanti quba qabdu hinjiru.
Namoonni ati aangessitee achii fiddus afaan hindanda’an, aadaafi amantii ummataa quba hinqaban. Kanaaf federaalizimiin kun ammoo aangoo kana waan diriirsuuf biyya kanaaf barbaachisaadha jedhanii warra deggaraniidha. Gama birootiin yaadni isaan kaasan loogummaa sirreessuurratti sirnichi murteessaa waan ta’eef, siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaadhaan looguun waan tureef kanas waan sirreessuuf sirnichi barbaachisaadha jedhu.
Gama kaaniin afaan dhalootaatiin barachuun murteessaafi waan addunyaan deggaruudha jedhanii sirnicha deggaru. Misooma, nageenyaafi tasgabbii waaraa fiduufis sirni kun murteessaadha jechuun ibsu.
Warreen morman
Waanuma isaan barreessaniifi dubbatanirraa waa jechuuf: Inni tokko yaadiddamni federaalizimii sirrii miti jedha. Waantumti federaalizimii sabdaneessaa jedhamu kunuu sirrii miti jedhanii jalqabu. Gareen kun garee ‘sirni federaalizimii gaafuma dhalate hinguddatu’ jedheedha. Warreen sirna nama gabroomsuudha jedhanii barreeffamoota adda addaa keessatti ibsan jiru. Niiyoo koloniyaalizimiidha, federaalizimii Itoophiyaa keessatti hojiirra oolchuun Niiyoo koloniyaalizimiidha jedhanii falmaniidha.
Gama biraatiin, federaalizimiin hoggantoota saboota gara garaa hinaffeeru jedhu; afaanuma tokkoon Matammaas, Asoosaas, Moyyaalees, Baahir Daaris, Maqalees bulchuu waan barbaadaniif. Sochii daangessa jedhu. Afaan tokko beeknaa; isuma qabannee bakkawwan hunda bulchina jedhu. Warreen sirna federaalizimii sabdaneessaa kana ‘TPLF’tu tolche jedhanii barreessu, mormu. Sirna sabaati, gosaati, sanyiiti jedhanii sirnicha xiqqeessu.
Seenessi kun ijaarsa biyya kanaatiif gufuudha. Irratti mari’achuun dudubbachuun, murteessaadha jechuudha. Akkaataan ittiseeneffamaa dhufeefi jiru sirrii miti jechuudha. Xiqqeessinee dhaloota dhaalchisna yoo ta’e ijaarsuma biyya kanaatiifuu gufuu guddaa ta’u jedheen amana.
Waantota federeeshinii sabdaneessaa ijaaruuf bu’uura ta’an
Tokko haala qabatamaa biyya kanaati. Maalirra dhaabateeti federaalizimiin ykn biyyi kun kan ijaarame oggaa jennu haala qabatamaa biyya kanaatu ilaalama. Haalli qabatamaa biyya kanaa maalinni? Yaadiddama danummaati moo qeenxummaadha kan jedhun ilaaluun barbaachisaadha.
Biyyi kun biyya sabdaneessaati. Biyya heddummina afaanii, aadaa, amantii… keessa jiruudha yoo jennu kanarra dhaabanneetu biyya ijaarra jechuudha. Kanaaf haalli qabatamaan biyya kanaa murteessaadha.
Lammaffaan akkaataa teessuma lafaati; sababa fageenyaa. Fakkeenyaaf sirni qeenxeen (unitary) biyyoota xixiqqoo akka Faransaayiif ni mijata. Biyyoota akka Itoophiyaaf garuu hinta’u. Sababiinsaas teessumaafi fageenya lafaati. Finfinneerraa hanga daangaatti kiiloo meetira kuma tokkotu deemama. Kanaaf ammoo mootummaa caasessuufi aangoo diriirsuun barbaachisaadha. Kanarra dhaabatameeti biyyi kan ijaaramtu.
Yaadiddamoonni gama biraatiin jiranoo maal fakkaatu?
Yaadiddamoonni hanga 1960mootaatti turan macalaqsanii tokko gochuudha. Danummaan (pluralism) ammoo 1960moota booda baroota qeenxummaa macalaqsuun kun xumura itti argateedha, waraana Addunyaa 2ffaa booda. Keessumaa 1960moota keessa jechuudha.
Bara 1970mootatti ammoo yeroo waantonni sirrii hintaane ittisirreeffamaniidha. Yeroo dhiibbaan duraan ture akka sirratuuf ittiyaalameedha. Biyya keenyatti sirna Dargii ilaaluun nidanda’ama. Waantonni baay’een yaalamanii turan. Bara 1980moota keessas heddumminni ykn danummaan yeroo itti heddumminaaf gatii kennuun ittijalqabameedha. Heddumminni bara 1990mootatti ykn barkumee booda gatii argate.
Bu’uurri lammaffaan heera. Imaammataafi labsiidha. Heerri biyya kanaa maalirra dhaabateet barreeffame ykn raggaasifame jennee yoo ilaalle, haala biyya kanaarra dhaabateeti. Imaammanni, labsiiwwan keenya dhimmoota kanneen irratti dhaabataniiti kan qophaa’an. Biyya tokko ijaaruuf warreen kunniin murteessoodha.
Muuxannoo biyyoota biroos ilaaluun murteessaadha. Sababiinsaas biyyoonni akka Itoophiyaa baay’ina ummataatiin, bal’ina lafaa qabaniifi sirna federaalizimii hordofan akka addunyaatti harka 40 ykn biyyoota 28. Kanaaf muuxannoon biyyoota kanneenirraa fudhannu murteessaadha.
Fakkeenyaaf, biyyoota akka Siwiizarlaandi, Ispeen, Afrikaa Kibbaa, Kanaadaa, Naayijeeriyaa fa’irraa muuxannoo fudhachuun nidanda’ama. Muuxannoon biyyoota biroos nu barbaachisu. Yeroowwan tokko tokko keewwata 49 waa’ee Finfinnee heerarra kan jiru biyyoonni akka Ispeen muuxannoo walfakkaataa qaban jiru; kanneen akka Ispeeniifi Kanaadaafaan. Waa’ee imaammata afaaniirrattis akkasuma Neezarlaandirraa muuxannoo fudhachuun nidanda’ama.
Itti fufa
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016
6 Comments to “Federaalizimii sabdaneessa ijaarsa biyyaatiif”
Comments are closed.