“Guddinni dinagdee keenya dabalaa jiraachuu ‘IMF’tu ragaa baha” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Itoophiyaa keessatti warraaqsa siyaasaa ittifufiinsaan gaggeeffamaa tureen raafamni dinagdee biyyattii mudate daran olaanaa yoo ta’u, deebisanii bayyanachiisuuf dhamaatee guddaa kan gaafatu ture.

Siyaasni biyyattii tasgabbaa’ee mootummaa jijjiiramaatiin tarkaanfileen dinagdee golgolaa’e deebisaanii bayyanachiisuu fudhatamaa turan hedduu ta’anis qormaatilee gara garaan kan marfamte waan turteef dinagdeen biyyattii ni cima jedhamee kan yaadamu hinturre.

Haata’uutii mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufe toora xiyyeeffannoo dinagdee biyyattii raafama siyaasaan laamsha’ee ture bakkatti deebisuuf kallattii kaa’ee hojiitti bobbahuusaatiin qormaatilee hadhaa’oo keessa taa’uun jijjiiramoonni jajjabeessoon galmaa’aniiru.

Keessumaa Itoophiyaan qoraamtilee kanneen akka waraanaa, koronaa, qaala’insa jireenyaa, balaa uumamaa hongee keessa taatee dinagdeen dabaltee argamuunshee kan nama jajjabeessuudha jedhu Ministirri Muummee Itooophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad.

Doktar Abiyyi gaaffii Kibxata darbe miseensota Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaataniifiif deebii kennaniin Itoophiyaan qormaatawwan gara garaatiin marfamtee guddinni dinagdeeshii dachaan dabaluu kaasaniiru.

Kun bu’aa gama misooma qonnaan xiyyeeffannoo kennamee irratti hojjetamaa ture yoo ta’u, wayita isaan gara aangootti dhufan guddinni dinagdee biyyattii doolaara biliyoona 84 ture amma gara biliyoona 164tti ol guddachuu eeraniiru.

Daataan kun mootummaa Itoophiyaan kan ibsame osoo hintaane gabaasa ‘IMF’ baaseen kan ragga’eedha. Kanarraa kan ka’e Itoopiyaan biyyoota guddinarra jiran keessaa ishee dursaa jirtudha jechuun nidanda’ama.

Oomishaafi oomishtumman keenya dachaan akka dabaluuf toorri xiyyeeffannoo misooma qonnaaf kenname gama indastiriifis kennamuu akka qabu kallattii kaa’aniiru.

Itoophiyaan qabeenya uumamaasheetti haalaan fayyadamnaan yeroon hudhaan dinagdeeshii itti hiikamu fagoo hinta’u jedhaniiru.

Misooma naannawaa lageenii, magaalaa Finfinnee akka maqaashii iftee akka mul’attu wiirtuu hawwata turistii akka taatuuf hojiin eegalame jajjabeessaa ta’uullee kaasanii, waggoota 10 keessatti bu’aansaa mul’achuuf akka jiru ibsaniiru.

Baankiin biyyoolessaa rifoormii haaraa gaggeessaa jira rifoormichi tajaajila liqaa dhaabbilee dhuunfaaf kan mijeessu warraaqsa dinagdeefis haala kan mijeessu ta’uus himaniiru. Gama omishaafi omishtummaa bunaan walqabatees rakkoo daldaltoonni seeraan alaa uumaniin gabaan bunaa rakkoo keessa seeneera.

Dhimmi kun xiyyeeffannoo kan barbaadu waan ta’eef irratti hojjetamuu qaba. Bunni dinagdee biyyaa caalaatti jabeessuu keessatti bakka olaanaa waan qabuuf alseerotaan sakaalamee galii biyyaa maseensaa jira.

Kun furmaata waaraa akka argatuuf oomishtootatti gadi bu’anii hojjechuun hordoffiifi deeggarsa barbaachisu taasisuun dhimmoota ijoo dagatamuu hinqabneedha.

Oomishtoota caalaa oomisha bunaarraa fayyadamaa kan jiru daldaltoota seeraan alaa ta’uu yeroorraa yerootti komiin ka’aa tureera. Keessumattuu daldaltoonni seeraan alaa galii argatan malee rakkoo qulqullinaa mudatuuf xiyyeeffannoo kennanii hinbeekan.

Kunimmoo fedhii gabaan buna Itoophiyaa barbaadanii akka gadi bu’u kan taasisuufi daldaltoota ulaagaa guutanii hojjetan gabaa keessaa kan baasu waan ta’eef dhimma salphaatti ilaalamu ta’uu hinqabu jedhu.

Dinagdeen biyya keenyaa akka dabaluuf cichinee hammuma hojjennu daldaltoonni seeraan alaammoo faallaa kanaa shira gabaarratti hojjetaniin dameen alergii bunaa keenya keessumattuu galiin akka yaadame ta’uurratti hanqinoonni mul’atan jiru.

Sharafa alaa guddisuuf hojiilee misoomaa gara garaa hojjetamanirraa bara 2014 keessatti seenaa addaatu hojjetame jechuun nidanda’ama. Ta’us gahaa akka hintaane ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti bara baajataa 2013 sharafa alaarraa galiin doolaara biliyoona 21.9 kan argame yoo ta’u, bara 2014 ammoo doolaarri biliyoona 23.7 galmaa’eera. Kunis gahaadha jedhamee hintaa’amu kan jedhan Doktar Abiyyi, toorri xiyyeeffannoo taa’ee irratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Baranas hudhaalee damee sharafa alaafi dinagdee biyyattii qoran adda baasuun irratti hojjechuun sharafa alaarraa doolaara biliyoona 25 ol argamsiisuuf hojjetamaa jira.

Itoophiyaa keessatti bara itti sharafa alaa argannee beeknu hinjiru kan jedhan Doktar Abiyyi tarkaanfileen bara 2013/14 fudhataman jajjabeessaa ta’uurraa kan ka’e gama sharafa alaan Itoophiyaatti seenaan addaa galmaahuu yaadachiisaniiru.

Galiin keenya yeroorraa yerootti dachaan dabalaa deemuun idaa biyyattii maalirra akka oole hinbeekamneefi gangalatee achii as gahe hir’isuuf kan gargaarudha.

Qaala’iinsi jireenyaa waggoota 40 keessatti addunyaa mudatee hinbeeknetu mudate, kanaan walqabatee dinagdeen keenya qormaata keessa tureera, ta’us kutannaan hojjennee gabaa tasgabbeessuuf warraaqsi dinagdee cimuu qaba jedhaniiru.

Dinagdee biyyattii rakkoolee uumamaafi namtolcheen qoramaa jiru bakkatti deebisuuf kallattiin xiyyeeffannoo taa’ee irratti hojjetame jajjabeessaa ta’uu kan kaasan Doktar Abiyyi, tarkaanfiiwwan Itoophiyaan haa oomishtu jedhuun fooyya’iinsi olaanaan galmaa’aa jirachuu dubbataniiru.

Kana boodas misooma qonnaa kilaastaraan eegallee bu’aa gaarii argamsiisaa jirru kana gama warshaaleen, indasrtiiwwaniinis ijaarama kilaastaraa kana hojiirra oolchuun dinagdee biyyaa fooyyessuun barbaachisaa ta’uu kaasu.

Keessumattuu warshaalee jiranirratti hojjechuun kallattii ijoo xiyyeeffannoo barbaaduudha. Gama sassaabbii galiitiinis tarkaanfiin fudhatamaa jiru cimaadha jedhanii ammallee irratti hojjetamnaan jijjiiramoonni olaanaan ni argamu.

Gama biraan walwaraansi akka biyyaatti mudataa ture ammas kutaalee biyyattii gara garaatti qaqqabaa jiru hawaasummaarraa, dinagdeefi siyaasa biyyaarras miidhaa kan geessisuudha. Kunis tokko tokkoon rasaasaa dhuka’u doolaara.

Falmiin keenya doolaara rasaasaaf baasuun osoo hintaane caalmaa yaadaan ta’uu mala kan jedhan Doktar Abiyyi, walwaraansa dhiisuun nagaan waldhabdee furuun egeree biyyaaf fala murteessaa ta’uus hubachiisaniiru.

Walwaraansi qormaata dinagdee biyyattii booddeetti harkisaa jiru keessaa isa tokko ta’uu eeranii, mariidhaan rakkoo ofii furanii dhaloota egereef biyya badhaate olkaa’uun dirqama jedhu.

Gama balbala galaanaa qabaachuun walqabatees ilaalchi namootaa garaa gara ta’uu akka hinqabne himanii, akka fakkeenyaatti galaana diimaa addunyaan irratti walnyaatu maalifi, isa jedhu beekuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. Balballi galaanaa biyyaaf murteessaa yoo ta’u, waraana kaasnee kan dhuunfannu osoo hintaane dippilomaasiin kan dhugoomuudha jedhan.

Ga’umsi dippilomaasii BRICStti Itoophiyaa make balbala galaanaa argachuufis kan isa danqu waan hinjirreef miira dippilomaasiin ilaaluun barbaachisaadha.

Itoophiyaan balbala galaanaa argachuuf waraana banuuf karoora hinqabdu. Ta’us argachuunshee waan ishee fayyaduuf karaa saayinsawaan furmaata akka argatu carraaqqiin barbaachisu taasifamaa jira. Kanaafuu warri miira waraanaa odeessan keessaa bahuu qabu.

“Mul’anni keenya biyya badhaate dhaloota egereef dabarsuudha. Kana milkeessuuf hojiitti jirra” kan jedhan Doktar Abiyyi, misoomni bosonaa gama kanaan shoora olaanaa kan taphatu ta’uu eeran.

Akka ibsasaaniitti; misoomni bosonaa naannawa lageenii hojiitti jiramu wiirtuu hawwata turiizimii akka ta’u ittiyaadamee hojjetamaa jira.

Keessumaa pirojektiin bosonaa Finfinnee bifa adda ta’een hojjetamaa jiraachuullee ibsanii, waggoota kudhan hinguunne keessatti xumuramuun milkaa’ina godhatu jedhan.

Pirojektoonni qabamanii eegalaman hedduunsaanii yeroo qabameefii keessatti qulqullinaan xumuramaa kan jiran yoo ta’u, kunis xiyyeeffannoon kennameefii hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinneen gaggeeffamaa kan jirudha.

Walumaagalatti Itoophiyaan biyya qormaatawwan gara garaan marfamtee jirtu taatee rakkinaaf harka osoo hinlaatiin guddina dinagdee dachaan dabalaa biyyoota guddinarra jiraniifi milkaa’ina gaariirra jiran keessaa ishee tokko yoo taatu, yeroo ammaattis kan facaaste haamaa kan qotame facaasaa omishaafi omishtummaashii dabalaa jirti.

Warraaqsa dinagdee qabamee ka’e kana dhugoomsuun badhaadhinashii mirkaneessuuf ittifayyadamni makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa babal’achuun, aadaan jallisii gabbachuun, misoomni kilaasteraa dachaan dabaluun, oomishaafi oomishtummaan keenya qamadiin alatti buna, damma, avookaadoofi ruuziin daran cimee wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra dabarree sharafa alaa argamsiisuuf waliin hojjechuun murteessaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ “Guddinni dinagdee keenya dabalaa jiraachuu ‘IMF’tu ragaa baha” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)”

  1. Pingback: Thai Massage
  2. Pingback: Diyala Science
  3. Pingback: cartel vape pen

Comments are closed.