“Afaan Oromoo erga Afaan ‘Google’ ta’ee as fooyya’iinsa lakkoofsaan ykn dhibbantaan ibsamuu hindandeenye agarsiiseera” -Abdiisaa Baancaa Jaarraa  

 Keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa Ogeessa ‘ICT’, Hogganaa Olaanaa ‘Afan Africa Association-3A’ akkasumas Hundeessaa ‘OICT Solutions’fi Qindeessaa ‘Google’ Afaanota Itoophiyaa/Afrikaa kan ta’e Dargaggoo Abdiisaa Baancaa Jaarraati. Dargaggoon kun dargaggootaafi hayyoota biyya keessaafi alaa qindeessuudhaan Afaan Oromoo dijitaalessuu ykn Afaan ‘Google’ akka ta’u taasisuu keessatti nama gumaacha olaanaa taasiseefi ammas taasisaa jiruudha.

Gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa dargaggoo kana waliin dhiyeenya kana dhimmoota Afaan Oromoo dijitaalessuu ykn Afaan ‘Google’ taasisuu, Afaan Oromoo sirnaan qubeeffamuu dhabuu, haleellaa saaybarii, ittifayyadama teknolojiifi hojiirra oolmaa dijitaalaa biyya keenyaarratti taasisne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, sadarkaa barnootaafi muuxannoo hojii kee hanga ammaatti jiru gabaabsitee utuu nuuf ibsitee?

Abdiisaa: Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii Lixaa, Aanaa Naansaboo, Ganda Gataattin dhaladhe. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaa hanga 6ffaatti bakkuma dhalootakoottin baradhe. Barnootakoo sadarkaa giddugaleessaa, lammaffaafi qophaa’inaa ammoo Magaalaa Dodolaattin baradhe. Digriikoo jalqabaas Yunivarsitii Haramaayaatti baradheen bara 2005 ‘ICT’n eebbifame.

Yeroo sanas pirojektii hojiikoo har’aatiif bu’uura ta’e barnoota Afaan Oromoorratti appilikeeshinii mobaayilii 25 ol hojjedheera. Pirojektiinkoo sun waan ‘Best project of the year’ tureef digriikoo jalqabaatiin eebbifame.

Bariisaa: Akkamiin gara addunyaa hojiitti seente?

Abdiisaa: Eebbifamee utuun torban tokkoofillee hinturinin carraa hojii argadhee mana barnootaa Daandii Boruu, Finfinnee naannawa Booleetti argamutti qarshii kuma sadiin mindeeffamee ‘Data base’ irra galee hojjechaa ture. Mana barnootichaatti ergan torban tokko hojjedhee booda dhaabbanni Ameerikaa sooftiweeriifi pirojektota adda addaa hojjetu tokko “Pirofaayilii kee Yunivarsitii Haramaayaarraa arganne” jedhee na waame.

Dhaabbatichi pirojektii gaariin turtiikoo yunivarsiitiitti hojjedheen barnoota gochaan deeggarame na barsiisuuf waadaa naa seene. Kanaanis qarshii waan naa hinkaffalleef maatiikoo mariisisee “Baradhu waan barbaachisu si deeggarra” naan jennaan ittifufe. Barumsin dhaabbatichatti baradhe sadarkaan har’a irra gaheef bu’uura cimaa naa ta’eera.

Bariisaa: Sochiin sana boodaa akkam ta’e?

Abdiisaa: Ergan leenjii ji’a tokkoo fudhadhee booda qarshii 800 argachuu jalqabe. Dhaabbatichi raawwii hojiikoo ilaalee ji’a lammaffaarratti qarshii kuma sadiifi 500n na mindeesse. Ergan ji’oota torbaaf hojjedhee booda Faranjoonni dhaabbaticha keessa hojjetan waan ‘Neetwoorkiin’ Itoophiyaa isaan rakkiseef ‘waliin Keeniyaa deemnee akka hojjennu na gaafataa turan. Gidduu kanatti Itiyoo Telekoomiirraa naa bilbilame.

Anis Itiyoo telekoom galee ogummaakootiin taajiluun qaba jedhee waanan yaadaa tureef dhaabbaticha waliin Keeniyaa deemuu dhiiseen Itiyoo Telekoomitti hojii jalqabe. Appilikeeshinii dhaabbatichaa ‘My Ethiotel’ dizaayiniisaa kan hojjete ana ture.

Utuman Itiyoo Telekoom keessa hojjechaa jiruu dorgommii kalaqaa biyyoolessaa tokko dorgomeen ja’affaa ba’een dargaggoota 10 Itoophiyaa bakka bu’uun gara Ruwaandaa akka deemaniif filataman keessaa tokko ta’e. Utuma deemuuf qophiirra jiruu dhaabbata Yaalii Ameerikaa waggaa waggaan dargaggoota Afrikaa walitti fidu tokkoon filatameen Keeniyaa deeme.

Keeniyaadhaa deebi’ee akkuman Buufata Xiyyaaraa Biyyoolessaa Boolee ga’een Hogganaan Itiyoo Telekoom damee Jamoo naaf bilbilee waajjiratti na waame. Gaafan bakka na waaman ga’ee, maaliif akka na waaman gaafadhu ol na galchanii laaptooppii, taabileetiifi mobaayiliikoo narkaa fuudhan. Sababasaa gaafannaanis xalayaa Ministirri Muummee ittimallatteessan natti agarsiisanii “Teknolojiidhaan biyya diigaa jirta” jedhanii humnoonni nageenyaa lama naqabanii deeman.

Bariisaa: Yeroo hammamiif, yoom, eessatti hidhamteree?

Abdiisaa: Guyyoota 37f maatiinkoo eessa akkan jiru hinbeekan turan. Boodarra gara Xollaayitti nageessanii ji’a shaniif erga nahidhanii booda tiisheertii irra hindeebi’amu (Ayidagamim) jedhu nutti uwwisanii nu baasan. Akkuman ba’een Itiyoo Telekoomitti deebi’een hojii koo ittifufe. Taateen kun bara 2009 keessa ture.

Ani ogeessa teknolojii ykn ‘ICT’ waanan ta’eef waa’ee Afaan Oromoorratti sirriittan hojjechaa ture. Afaan Oromoo sirnaan qubeessuurratti hanqinni guddaan waan mul’atuuf dargaggoota biroo qindeesseen miidiyaa hawaasummaa ‘facebook’ fayyadamuun waliin irratti hojjechaa turre. Hojii kana jabeessinee itti fufuudhaan weebsaayitiifi appilikeeshinoota 25 hojjenne. Hojiin keenya gaafa beekamaa dhufu miidiyaarratti dhiyaachuu jalqabne. Miidiyaa hedduunis nu barbaadanii dhufanii hojii keenya beeksisuu jalqaban.

Kanaanis beekamtiifi dhageettiin keenya dabalaa dhufe. Akkasumas ‘OICT Solution’ hundeessuudhaan dhimma teknolojiirrattis barreessaa turre. Asirratti yoo rakkoofi hanqinni neetwoorkiifi intarneetii jiraate haala namoonni itti fayyadamuu danda’an barsiisaan ture. Yeroo sana weebsaayitiifi ‘ATM’n hatamaa waan turaniif akka waanan hanna kana keessaa harka qabuutti maqaankoo liistii addaa ‘selected list’ irratti galmeeffamee ture. Ani garuu gochaafi hannicharraa bilisan ture. Boodarra hojii Itiyoo Telekoom fedhakootiin gadlakkisee Adaamaatti gale.

Adaamaa ergan ji’a tokko taa’ee booda waldorgommiin tokko Jarman Barliinirratti bahe. Dorgommiin kun dargaggoota kalaqa qaban biyyoota addunyaarraa kan walitti fidu ture. Dorgommicharratti dargaggoota kuma tokkoofi 700, kanneen biyyoota addunyaa 176 irraa walitti babba’antu hirmaate. Dorgommichaaf filannoon ummataa %30 qaba ture. Ummanni keenya %30 kana irratti bal’inaan hirmaatee na dabarse. Anis qormaataafi afgaaffiif darbe. Itoophiyaanis biyyoota Biraaziliifi Gaanaatti aantee sadarkaa 3ffaa baate.

Kanarratti miidiyaan gara garaa na dubbisuu jalqaban. Abbaan Qabeenyaa Yunivarsitii Rifti Vaalii Obbo Dinquu Dayyaas waa’eekoo dhaga’aanii na waaman; yunivarsiitichatti Daarektara Ceesisa Saayinsiifi Teknolojii ta’een mindeeffame. Akkasumas, Daarektara Giddugala Qorannoo Oromoofi Daarektara ‘ICT’ ta’ee hojjedheera. Bakkawwan adda addaatti hoggansarratti hojjedhus Afaan Oromoorratti hojjechuu garuu yeroo tokkoyyuu addaan kutee hinbeeku.

Bariisaa: Afaan Oromoo bu’aa ba’ii akkamii keessa darbee Afaan ‘Google’ ta’uu danda’e?

Abdiisaa: Afaan Oromoo Afaan ‘Google’ taasisuun gaaffii ummata Oromoo isa ijoo ture. Keessumaa barnoota sadarkaa olaanaarraa gaaffiin dhiyaataa ture. Afaan Oromoo Afaan ‘Google’ akka ta’uuf duula ummataa waamnee xalayaa dhaabbata ‘Google’tti barreessine.

Dhaabbatichi gaaffii keenya yeroo afur kuffisee shanaffaarratti nuuf eeyyame. Pirojektii kana dargaggoota biyya keessaafi alaa gurmeessee utuun hogganaa jiruun ALA bara 2016 hidhame. Pirojektichis addaan citee ture. Gareen biyya alaa jiru kan ‘Jaatanii Guddicha’ jedhamu tokko pirojekticha ittifufsiisuuf tattaaffii cimaa taasisaa ture.

Boodarra dhaabbatichi Afaan Oromoo Afaan ‘Google’ akka ta’uuf yeroo nuu eeyyame, jechoota miliyoona tokko nu gaafatee ture. Jechoota kanneen argachuun rakkisaa waan tureef namoota hiika jechootaa barreessan akkasumas Giddugala Aadaa Oromoo bira deemee gaafadhus argachuu hindandeenye. Yeroo sana jechoota kuma 60tu na bira ture; kanneenis garee biyya alaa taa’ee dhimmicha hordofuuf ergeen ture.

Ani bara 2019 Yunivarsitii Rifti Vaaliirraa hojii gadhiiseen, bara 2020 ‘African Developers Scholarship’ kan dhaabbanni ‘Google’ kennu argadhe. Iskoolaarshiippichi biyyoota Afrikaa 40f kan kenname yoo ta’u, Itoophiyaarraa ana dabalatee nama sadiitu carricha argate. Namoonni carricha argannes ji’a ja’aaf biyyuma keenya teenyee karaa ‘online’ leenjinee xumurree waraqaa ragaa fudhanneerra.

Dhaabbanni ‘Google’ nuti warri marsaa duraa leenjine, leenjifamtoota marsaa lammaffaa akka leenjifnuuf carraa nuuf kenne. Yeroo kanas leenjiftoota Keeniyaa, Naayjeeriyaafi biyyoota Afrikaa gara garaa waliin walbare. Kanneen keessaa afaanirratti cimanii hojjechaa kan turan leenjiftoota Keeniyaafi Naayjeeriyaati.

Leenjiftoonni Naayijeeriyaas akkaataa Afaan Oromoo afaan ‘Google’ ta’uu danda’urratti odeeffannoo naaf kennan. Anis pirojektii Afaan Oromoo Afaan ‘Google’ taasisuuf jalqabamee waggaa sadii oliif addaan citee ture bifa haaraadhaan ittifufsiiseen dhaabbata ‘Google’ gaafannaan guyyaa lama keessatti gara hojiitti seenuu dandeessu jechuun xumura bara 2020tti nuuf eeyyame.

Anis ijoollee biyya gara garaa jiraatan kan ogummaa Afaan Oromoo qabaniifi carraa intarneetii bal’aa qaban walitti qabeen siistama ‘Google’ nuuf banametti jechoota Afaan Oromoo ittigalchuu jalqabne. Dhaabbanni ‘Google’ akka yeroo duraa jechoota miliyoona tokko fidaa nuun hinjenne. Nuti ‘Google’ irratti waanuma siistamni nu agarsiisu Afaan Oromootti hiiknee ittigalchaa turre. Sistamichi ‘Artifiishaal Intalajansii’ waan ta’eef akkuma namaa, jechoota ittigalfaman keessaa jecha kanatu bakka kana galuu qaba jedhee ofiisaatii bakka buufatee agarsiisa.

Bara 2022 yeroo ‘Google’ afaanota 25 afaanota guguddoo addunyaa 109tti dabalu Itoophiyaarraa Afaan Oromoofi Afaan Tigiree filatamaniiru. Barattoota Afaan Tigiree danda’aniifi Yunivarsitii Haarvaarditti barataniifi hayyoota afaanicha danda’an qindeessanii jechoota Tigiree ‘Daataa Google’tti akka galchan taasisuun afaanichi Afaan ‘Google’ akka ta’u kan taasise ana.

Afaan Affaaris Afaan ‘Google’ akka ta’uuf hayyoota afaanichaa Yunivarsitii Samaraa jiraniifi Biiroo Aadaafi Turizimii naannichaa waliin hojjechaan jira. Afaan Affaar qabiyyee barbaachisu guuttatee yeroo dhiyootti afaan ‘Google’tti ni dabalama.

Wayita afaanonni 25 ‘Google’tti dabalaman Itoophiyaa bakka bu’ee anatu Hindii deeme. Waltajjicharratti Afaan Affaar qabiyyee barbaachisu akka guuttatuuf akkan irratti hojedhuuf hojiin manaa natti kennamee ture. Hojii manaa kana fudhee gara biyyaatti deebi’ee akkuman Feesbuukiirratti dhoobeen hoggantoonni Biiroo Aadaafi Turizimii Naannoo Affaar arganii naaf bilbilan; na waamaniis dhimmicharratti na waliin mari’atan.

Akkaadaamiin Afaanii biiricha jala jiru pirojekticha fudhatee, bajata itti qabatee, namoota 90 irratti leenjisnee qabiyyee afaanichaa guutuurratti akka hojjetan taasifneerra. Afaan Affaar yeroo dhiyootti afaan ‘Google’ ni ta’a jedhamee eegama.

Bariisaa: Yeroo ammaa afaanota Itoophiyaa keessaa meeqatu Afaan ‘Google’ ta’ee tajaajilaa jira?

Abdiisaa: Afaanota sadiidha. Isaanis Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi Afaan Tigireeti. Afaan Affaar ammoo dhiyeenyatti ni dabalama jedhamee eegama. Afaanota kanneen dabalaman kan qindeessaa jiru ana. Afaan Somaalees Afaan ‘Google’ akka ta’uuf hayyoota afaanichaa waliin irratti hojjechaan jira.

Qabiyyee Afaan Tigiree fooyyessuuf Biiroo Aadaafi Turizimii Tigiraayitti, Akkaadaamiin Afaan Tigireefi Yunivarsitiin Maqalee erga nageenyi naannichaa tasgabbaa’ee dhimmicharratti waliin akka hojjennuuf naaf bilbilaniiru. Yunivarsitiin Jigjigaas qabiyyee Afaan Somaalee fooyyessuurratti ittigaafatamummaa fudhatee ana waliin hojjechuuf waadaa seeneera.

Hanqina qabiyyee Afaan Oromoo fooyyessuurratti jiru furuudhaaf ‘Waldaa Afaan Afrikaa- 3A’ ykn ‘Afan Africa Association-3A’ hundeessinee irratti hojjechaa jirra. Waldichi Afaanota Itoophiyaa shan (Afaan Oromoo, Amaariffaa, Afaan Tigiree, Afaan Affaariifi Afaan Somaaleerratti) hojjechaa jira.

Dargaggoota Afaanota Afrikaa qindeessaa jiran shan keessaa lama Keeniyaa, lama ammoo Naayijeeriyaa kan jiran yoo ta’u, Itoophiyaarraa ammoo ana. ‘Google Crowdsource’ mindaa naa kaffaluu jalqabuu baatus akkan afaanota Itoophiyaa qindeessuuf xalayaadhaan bakka nabuuseera.

Hojmanee naa kenname lafa qabsiisuufi hanqinoota afaanota Itoophiyaa Afaan ‘Google’ ta’anii guutuuf hayyoota afaanii qindeesseen waliin irratti hojjechaa jira. Akka Afrikaattuu giddugalli qorannoo afaanii dhabamuun hojiin kun akka ulfaatu taasiseera.

Afaan Oromoo Afaan ‘Google’ ta’eera jechuun Afaan Ingiliffaa waliin walqixxaateera jechuu miti. Afaanichi erga Afaan ‘Google’ ta’ee hiikaan afaanichaa barreeffamaan jiraachuu qaba. Hiikaan kun barreeffama gara barreeffamaatti, sagaleerraa gara barreeffamaatti akkasumas hiikkaa fakkii qabaachuu qaba.

Aadaan, safuun, argamni turiizimii biyya keenyaa, sirni hawaasa keenyaa akkuma jirutti ‘Google’tti galchuu qaba. Kana raawwachuun ammoo humna, bajataafi baasii guddaa gaafata.

Waldaan Afaan Afrikaa -3A pirojektii hawaasa Oromoo sadarkaa idil addunyaatti beeksise kana caalaatti milkeessuuf hojjechaa jira. Pirojektii waldichi irratti hojjechaa jiru deeggaruufi itti fufsiisuun ammoo dirqama seenaati.

Waldichi hojicha hayyoota yunivarsitiiwwan gara garaarraa walittiqabee hojjechuun Afaan Oromoo yeroo ammaa ‘Google’ irratti sadarkaa hiikaa sirrii kennuurra gaheera. Waldichi hayyoonni Oromoo yunivarsitiiwwan garagaraarraa babba’an 90 waliin hojii hiikaa barreeffamaa Afaan Oromoo akkasumas gaazexeessitoota shamarranii 30 ol waliin hiikaa sagalee Afaan Oromoorratti hojjechaa jira.

Pirojektii Afaan Oromoo kana deeggaruurratti hanqina guddaatu mul’ata. Biiroon Aadaafi Turiizimii Oromiyaa hojii waldichi hojjechaa jiru akka deeggaruuf yeroo garagaraa gaafannus deebii nuu hinkennine. Biiroon Barnoota Oromiyaa garuu dhiyeenya kana waldichatti dabalamee nu waliin hojjechaa jira.

Kollejjonni naannicha keessa jiran hojiicharratti akka hirmaataniifis kallattii kaa’eera. Pirojektii waldichi hojjechaa jiru safuu, eenyummaafi seenaa hawaasa keenyaa ol kaasuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf hunduu irratti hirmaachuu qaba. Yeroo ammaa Afaan Oromoo sadarkaa gaariirra ga’eera.

‘Waldaan Afaan Afrikaa -3A’ Afaan Oromoo afaanota gurguddoo addunyaan walqixxeessuuf waldaa ijaarameedha. Waldichi yeroo ammaa miseensota dhaabbii 50 ol qaba. Yunivarsiitota garagaraa keessaa ammoo miseensota 90 ol akkasumas ‘online’n ammoo miseensota 500 ol qaba.

Bariisaa: Afaanota addunyaarra jiran keessaa afaanota meeqatu afaan ‘Google’ ta’e?

Abdiisaa: Afaanota addunyaa kuma torbaa ol ta’an keessaa afaanota 133tu galmaa’ee jira. Waggoota shan dhufan keessatti ammoo afaanonni addunyaa sagal afaanota gurguddoo addunyaatti dabalamuuf qophii xumuraa jiru. Afaan tokko afaan ‘Google’ ta’e jechuun afaan teknolojii, qorannoofi qo’annoo ta’a jedhuudha.

Yeroo ammaa ‘Globalization’ waan jedhamutu jira. ‘Globalization’ addunyaa ganda tokko taasisuudha. Adeemsa kana keessatti afaan jajjabaatee jirutu teknolojiitti dabalama. Afaan teknolojiitti hindabalamne ammoo harca’aa deema. Afaan tokko afaan ‘Google’n afaanota gurguddoo addunyaa ta’uuf ulaagaawwan gurguddoo dhaabbanni ‘Google’ kaa’e guutuu qaba.

Kanneen keessaa baay’inni ummata afaanicha dubbatuufi qabiyyeen afaanichaa intarneetiirratti sirnaan kan mul’atu ta’uu qaba. Fakkeenyaaf dhaabbanni ‘Google’ jalqabarratti Afaan Oromoo intarneetiirraa qabiyyee gahaa hinqabu jedhamee kuffisee ture.

Bariisaa: Afaanota Itoophiyaa keessaa kan jalqaba afaan ‘Google’ ta’e kamiidha?

Abdiisaa: Afaan Amaaraati. Afaan kun afaan ‘Google’ erga ta’ee waggoota saddeet kan lakkoofsise ta’us qaamni sirnaan irratti hojjeteefi qabiyyee barbaachisu akka guutattu taasise hinjiru. Afaanota Itoophiyaa shanan Waldaan Afaan Afrikaa -3A’ hogganaa jiru keessaa qabiyyee gadaanaa kan qabu Afaan Amaaraafi Afaan Tigireeti.

Afaan Oromoo afaan ‘Google’ erga ta’ee as hayyoota Afaanii yunivarsitota garagaraa waliin qabiyyee afaanichaa guddisuurratti hojjechaa jirra. Afaan Oromoo erga Afaan ‘Google’ ta’ee as fooyya’iinsa lakkoofsaan ykn dhibbantaan ibsamuu hindandeenye agarsiiseera.

Bariisaa: Duulli ati barreeffama Afaan Oromoo sirnaan hinqubeeffamnerratti karaa miidiyaa hawaasummaakee taasisaa jirtu bu’aa akkamii qaba jettee yaadda?

Abdiisaa: Duulli kun sadarkaa yaadeen olitti jijjiirama fidaa jira. Xalayaan waajjiraalee mootummaa keessaa ba’aniifi barjaaleen magaalota Oromiyaa garagaraa keessa jiran dogoggora qubeerraa bilisa akka ta’aniif dhiibbaa guddaa uumaa jira.

Hoggantoonni mootummaa xalayaan waajjirasaaniirraa ba’u dogoggora qubee qabaachuuf dhiisuusaa utuu hin ilaalin itti mallatteessuu hanga sodaatanitti geesiseera. Waajjiraaleen mootummaa baay’een koree xalayoonniifi barreeffamoonni waajjirasaaniirraa ba’an dogoggora qubeerraa bilisa ta’uu gulaalu hundeessaniiru. Waajjiraaleefi namoonni hedduun hirribaa nu dammaqsite jedhanii na jajjabeessaafi yaadaan na deeggaraa duulichatti makamaa jiru.

Duulan barreeffama dogoggora qubee qaburratti taasisaa jiruun magaalota garagaraa keessatti koreen waajjiraalee garagaraa afur irraa walitti babba’eefi barjaalee dogoggora qubee qaban funaanee akka sirratan taasisu hundaa’eera odeeffannoo jedhus qaba.

Biiroon Aadaafi Turiizimii Oromiyaas ogeessota ramadee barjaalee dogoggora qubee qaban funaansisee akka sirrataniif irratti hojjechaa jiraachuus odeeffadheera. Barreeffamootaafi xalayaawwan dogoggora qubee qaban kan ani fuula feesbuukiikoo irratti maxxansaa jiru baay’eesaanii kan hoggantoonni mootummaafi namootni dhuunfaa natti erganiidha. Kun hoggantoonni mootummaafi namoonni dhuunfaa hedduun bal’inaan duula kanatti makamuusaani agarsiisa. Duulichi Afaan Oromoo sirnaan qubeessuurratti fooyya’iinsa guddaa fidaa waan jiruuf cimee kan itti fufu ta’a.

Biiroon Barnootaa Oromiyaas duulichatti makameera. Biirichi dhimmi Afaan Oromoo sirnaan qubeessuu barattoota daa’immaniirraa eegaluu qaba jedhee qajeelcha barsiisaa qopheessee kutaa 1ffaa hanga 4ffaatti duula gaggeessaa jira. Hojii biirichi jalqabe kun Afaan Oromoo sirnaan qubeessuun bu’uurarraa akka jalqabu taasisu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf jajjabeeffamuufi cimee ittifufuu qaba.

Hayyoonni yunivarsitiiwwan garagaraa hedduunis duulichatti makamanii irratti hojjechaa jiru. Yeroo ammaa qaamolee hedduun duulichatti makamaa jiraachuunsaanii Afaan Oromoorratti fooyya’iinsi gaariin akka mul’atu taasisaa jira.

Waldichis dhimma kanarratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Garee hayyoota yunivarsitiifi ogeessota seeraarraa walitti babba’an tokko hundeessee dhaabbilee ta’e jedhanii barreeffama Afaan Oromoorratti dogoggora uuman seeraan akka gaafataman taasisuun barbaachisaa ta’ee waan mul’ateef itti deemaa jira. Dogoggora barreeffama Afaan Oromoo kana sirreessuuf ittigaafatamummaan seeraa jiraachuu qaba.

Biiroon Aadaafi Turiizimii Oromiyaa dogoggora barreeffama Afaan Oromoorratti mul’atu olaantummaan akka to’atuuf seerri Caffee mootummaa naannichaatiin mirkanaa’e ni ibsa. Barjaaleerratti Afaan Oromoo ‘font size’ meeqaan barreeffamuu akka qabu, barreeffamni sun sirriitti qubeeffamee ergaa guutuu kan dabarsu ta’uu akka qabu seerri Caffeen baase ni ibsa. Barjaarratti jalqaba Afaan Oromootiin, afaan dabalataatiin barreessuun yoo barbaachise ammoo Afaan Oromoo jalatti kan barreeffamu ta’uus seerichi ifatti lafa kaa’eera. Seericha kabajchiisuun ammoo gahee Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaati.

Bariisaa: Waldaan keessan hojiilee raawwachaa jiru caalaatti milkeessuuf deeggarsa akkamii barbaada?

Abdiisaa: Waldichi Giddugala Qorannoo Afaaniiti. Afaan ammoo eenyummaadha. Namni Afaan hinqabne sagalee hinqabu. Namni sagalee hinqabne ammoo dhaamsa dabarfachuu hindanda’u. Eenyummaa keenya keessatti of arguudhaaf afaan keenya guddisuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Hojiin afaan guddisuu ammoo hunda keenya ilaallata. Biiroon Aadaafi Turiizimii Oromiyaafi waajjiraaleen mootummaa naannoo Oromiyaa hundi Afaan Oromoon waan hojjetaniif dhimmi guddina Afaan Oromoo isaanis ni ilaallata.

Afaan Oromoo dijitaalessuun daldaltoota Oromoo alergiifi olgalchiirratti hirmaatanis daran fayyadaa waan jiruuf bal’inaan irratti hirmaachuu qabu. Daldaltoonni Oromoo Chaayinaa dhaqanii hiika ‘Google’ Afaan Oromoo fayyadamuun bittaafi gurgurtaa raawwataa jiran hojii kana cimsaa itti fufaa jedhanii kan nu jajjabeessan jiru. Afaan Oromoo dijitaala’uun baankotaafi dhaabbilee daldalaa garagaraa keessattis dhimma baasaa jira. Afaan kana guddisuun damee turiizimii keessattis ta’ee guddina dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee guddaa qaba.

Dhaabbatichi hojii Afaan Oromoo guddisuufi dijitaalessuu kana caalaatti milkeessuuf bajata gahaa barbaada. Kanaafuu qaamoleen mootummaa waldichaaf deeggarsa barbaachisu taasisuufii qabu. Hayyoonni ogummaasaaniitiin abbootiin qabeenyaa ammoo maallaqaan, namoonni kaan ammoo humnaafi gorsaan waldicha bira dhaabbachuu qabu.

Bariisaa: Hanga ammaatti jechoota Afaan Oromoo meeqatu daataa beezii ‘Google’ irra gale?

Abdiisaa: Afaan Oromoo qabiyyee jechootaatiin badhaadhaadha. Waldaan Afaan Afrikaa -3A jechoota Afaan Oromoo miliyoona 1.5 galchuuf karoorfatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti jechoota kuma 300 ta’an galchineerra.

Piroppoozaala biraatiin jechoota Afaan Oromoo miliyoona afurii hanga shanii daataa beezii ‘Google’ irra galchuuf qopheeffatee hojjechaa jira. Ingiliffi jechootaa miliyoona shanii daataa beezii ‘Google’ irraa qaba.

Bariisaa: Wantoonni hojii waldichaatti gufuu ta’an yoo jiraatan?

Abdiisaa: Waldichi hanqina maallaqaafi humna namaa waan qabuuf hojii Afaan Oromoo dijitaalessuu kana akkaataa barbaachisuun ademsisuurratti hanqina qaba. Waldichaaf deeggaraa kan jiru abbootii qabeenyaa muraasa. Waa’een afaanii garuu dhimma nama hundaati.

Hojii Afaan Oromoo dijitaalessuu keessatti qooda fudhachuuf Oromoo ta’uu qofti gahaadha. Yeroo dhiyoo as mootummaanis hojii waldichi raawwachaa jiru deeggaraa jira. Hayyoonni yunivarsitiwwan adda addaa keessaa hojii Afaan Oromoo dijitaalessuu kanarratti hirmaachaa jiran tokko tokko intarneetii of danda’e dhabuunis hojii keenyarratti dhiibbaa uumaa jira. Hanqinni kun hojii guyyuu raawwataniifi gabaasa hojii irraa eeggannu akka hinarganne nutaasisaa jira.

Ani dhimma kanarratti waggoota saddeetiif hojjedheera; hojjechaan jiras. Hojiin hanga ammaatti raawwadheen ummata Oromoo biratti beekamtii, kabajaafi jaalala guddaa argadheera. Kana caalaa waanti nama gammachiisus hinjiru.

Bariisaa: Imalli Itoophiyaan gara dinagdee dijitaalawaatti taasisaa jirtu maal fakkaata? Gama kanaan rakkooleen mudataniifi furmaata barbaadan yoo jiraatan?

Abdiisaa: Waajjiraaleen mootummaa baay’een yeroo ammaa faayiloota mana galmee waajjirasaanii keessa jiran ‘scan’ gochuun gara kompiwutaraatti galchaa jiru. Adeemsi kun dijitaalaayizeeshinii jedhama. Daataa kompiwuutara irra gale yemmuu itti fayyadamuu eegallu gara dijitaalaayizdiitti ceneerra jechuudha. Fakkeenyaaf baankonni gara sadarkaa kanatti ce’aniiru jechuu nidandeenya. Imala biyyattiin gara dijitaalaayizeeshiniitti taasisaa jirtu hamilee kan namatti horu ta’us caalaatti milkeessuuf ogeessa gahaa barbaada.

Hojii mootummaan gama kanaan raawwataa tureen yeroo ammaa kaffaltiin bittaafi gurgurtaa boba’aa, maallaqa waliif daddabarsuu dijitaala’eera. Kun ta’uusaatiin rakkooleen maallaqaan tilmaamamuu hindanda’amne furamaniiru.

Waajjiraaleen mootummaa federaalaas bittaafi gurgurtaa karaa ‘online’ dijitaalaa akka raawwatan ta’eera. Bara dhufurraa eegalee waajjiraaleen mootummaa naannoleefi bulchiinsota magaalotaa biyyattii bittaafi gurgurtaa karaa ‘online’ akka raawwataniif kallattiin taa’eera. Adeemsi kun gaafa sirriitti lafa qabatu bajata mootummaa qisaasamarraa baraaruun guddina dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Teknolojii dijitaalawaatti fayyadamuun faayidaa guddaa akkuma qabu miidhaas waan qabuuf hubannoo hawaasni ittifayyadama teknolojii dijitaalawaa kanarrati qabu barsiisuufi leenjisuun gabbisuun baay’ee barbaachisaadha. Teknolojii dijitaalaatti sirnaan fayyadamuun yeroofi humna namaa qusachuun tajaajila si’ataafi haqa qabeessa ta’e kennuuf waan gargaaruuf ammayyuu hojii xiyyeeffannaa addaatiin itti adeemamuu qabuudha.

Bariisaa: Miidhaan haleellaa saaybariitiin qaqqabaa jiru maal fakkaata? Haleellaa kana haala kamiin qolachuu dandeenay?

Abdiisaa: Kun rakkoo biyyoota addunyaa guddatanis ta’ee guddinarra jiran mudatee jiruudha. Kanaan ALA hanga bara 2023tti hanna doolaara tiriliyoona 23tu raawwatame. Ummanni keenya ergaa madda hinbeekamnerraa maallaqa hanganaatu siif ergame ykn siif ergama jechuun karaa miidiyaa hawaasummaa addaddaa isa ga’u utuu adda hinbaafatin qarshii gara akkaawontii nama hinbeekneetti dabarsuurraa of eeggachuu qaba. Hanni maallaqaa haala kanaan raawwatamu qaama haleellaa saaybarii keessaa isa tokkoodha.

Haleellaa saaybarii kana qolachuuf of eeggannoo cimaa taasisuun alatti humna saaybarii kana qolachuu danda’u horachuun barbaachisaadha. Miidiyaan idileefi hawaasummaa haleellaa saaybarii kana ofirraa qolachaa hubannoo hawaasaa gabbisuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. Bulchiinsi Nageenya Marsariitii Odeeffannoo Itoophiyaas hubannoo hawaasaa guddisuuf afaanota garagaraatiin barsiisuufi humna haleellaa kana biyyarraa qolachuu danda’u ijaaruufi horachuu qaba.

Akkaawontiifi weebsaayitii dhaabbilee garagaraa ykn nama dhuunfaa cabsuunis gocha haleellaa saaybarii keessatti ramadama. Kanaafuu keessumaa sektaroonni faaynaansii, daldalaafi miidiyaa haleellicha qolachuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. Yeroo ammaa maallaqa hanganaa argachuuf linkii kana cuqaasuun unka kana guuti ergaa jedhuun akkaawontiin namoota baay’ee hatamaa waan jiruuf namoonni linkoota amanamoo hintaane gara isaaniitti ergaman cuqaasuufi unka ergamu guutuurraa of qusachuu qabu.

Yeroo ammaa teknolojii wajjin fuulduratti tarkaanfachuun dirqama waan ta’eef ittifayyadama teknolojiirratti dandeettii bu’uuraa qabaachuu qabna. Dandeettii kana ammoo ‘Google’fi ‘Youtube’ irraa barachuu ni dandenya. Yeroo ammaa ‘Youtube’n Afaan Oromootiin tajaajila kennuu ykn Afaan Ingiliffaatiin jiru jalatti afaan Oromootiin barreessuu jalqabeera.

Paaswoordiin akkaawontii keenyaas jabaafi kan nuti hinirraanfanne, namoonni biroon ammoo salphaatti hintilmaamne ta’uu qaba. Kanaafis qubee, lakkoofsaafi mallattoolee gara garaa walkeessa maknee itti fayyadamuu qabna.

Bariisaa: Dhumarratti dargaggootaaf ergaa yoo qabaatte?

Abdiisaa: Dargaggoonni keenya teknolojiif xiyyeeffannoo addaa kennuufi ittifayyadamuu danda’uu qabu. Yeroo ammaa mana ofii taa’anii teknolojiidhaan hojiileen hojjetaman baay’eetu jiru. Dargaggoonni keenya addunyaa waliin dorgomuuf teknolojiif xiyyeeffannoo guddaa kennuu qabu. Teknolojiitti fayyadamuun ofiifi biyya keenya jijjiiruu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf ittifayyadama teknolojiirratti dandeettiifi beekumsa gahaa argachuuf carraaquu qabu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016

Recommended For You

7 Comments to “ “Afaan Oromoo erga Afaan ‘Google’ ta’ee as fooyya’iinsa lakkoofsaan ykn dhibbantaan ibsamuu hindandeenye agarsiiseera” -Abdiisaa Baancaa Jaarraa  ”

  1. Pingback: sex ấu dâm

Comments are closed.