Finfinnee: Bara barnootaa kanatti barattoota miliyoona 6.2 barsiisuuf kan karoorfate naannoon Amaaraa sababa rakkoo nageenyaaf barattoota miliyoona 3.5 qofa gabatee barnootaatti deebisuu danda’uu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise. Bakka nageenyi fooyya’etti galmeessi barattootaa ammayyuu adeemsifamaa jiraachuus ibseera.
Hoggantuu Ittaantuun biirichaa Aadde Iyyarus Mangistuu Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, godinoota rakkoon nageenyaa hinjirretti barattoota galmeessuun adeemsi baruufi barsiisuu Fulbaana keessa eegalamus, godinaalee rakkoon nageenyaa mudatee turetti galmeessi barattootaa hanga ammaatti ittifufeera. Galmeessi barattootaa kun guyyoota muraasa keessatti xumuramee barnootni dhihootti kan eegalu ta’a.
Barana kitaabilee barnootaa sadarkaa tokkoffaafi giddugaleessaa miliyoona 7.4 raabsuuf karoorfamee ammaan tana kitaabilee miliyoona afur manneen barnootaaf raabsamuu yaadachiisanii, kitaabileen barnoota sadarkaa sooftikoppiin manneen barnoota barumsa eegalan hunda bira ga’uu ibsaniiru.
Gama biraatiin, Ministeerri Barnootaa kitaabileen barnootaa kutaa 9ffaa akaakuu barnootaa shan kuma 575 ol isaan qaqqabsiisuu himanii, kitaabilee kanneenis yeroo gabaabaa keessatti barataa biraan ga’uuf sochiin eegaluu eeraniiru. Kitaabileen barnootaa kutaa 10ffaa hanga 12ffaatti jiran hanga ammaatti akka isaan hinqaqqabneefi yeroo dhiyootti akka isaan qaqqabu itti himamuus dubbataniiru.
Naannichi naannolee waraana Itoophiyaa kaabaatti taasifameen hubaman keessaa tokko yommuu ta’u, sababuma kanaan manneen barnootaa hedduun manca’uufi barattootni rakkoo xinsammuuf saaxilamuu himaniiru. Rakkoo naannichatti mudate waggaa muraasa keessatti keessaa ba’uun hindanda’amus jedhaniiru. Ta’us manneen barnootaa suphuun barumsi akka eegalamuuf hojiin naannichaafi deeggarsi mootummaa federaalaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan manneen barnootaafi deeggarsi meeshaalee barnootaa sadarkaasaanii kan eeggatan ta’uu baatanis barattootni naannichaa gabatee barnootaarraa fagaachuun rakkoo biroof akka hinsaaxilamne waanuma jirutti fayyadamuun adeemsi baruu barsiisuu raawwatamaa akka jirus himaniiru.
Qabxii qormaata kutaa 12ffaa ilaalchisees, Aadde Iyyarus akka jedhanitti, naannichi rakkoo nageenyaa walxaxaa keessatti barattootaaf qormaata kenneera. Barattoota kuma 210fi 323 qormaaticha fudhatan keessaa qabxii darbiinsaa kan galmeessisan barattoota kuma saddeetiifi 434 (%4.01) qofa.
Qabxiin naannichatti argames qabxii darbiinsaa akka biyyaatti galmaa’een yommuu walbira qabamu fooyya’aa ta’uu kaasanii, akka waliigalaatti garuu kufaatiin mudate rifaasisaa ta’uu dubbatu. Naannichatti qormaataan duras ta’e waqtii qormaataa rakkoon nageenyaa hamaa turuu himanii, duuchaatti garuu qabxii gadaanaan akka biyyaatti galmaa’aa jiru hojiin baroota dheeraaf barnootarratti hojjetame daran laafaa ta’uu mul’isa jedhu.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 1 Bara 2016
4 Comments to “ Naannoo Amaaraatti sababa rakkoo nageenyaatiin galmeessi barattootaa hingoolabamne”
Comments are closed.