Waaliyaawwan leenjisaa haaraa muuddatan

Finfinnee: Ji’oottan darbaniif dubbii ijoo ta’ee kan ture dhimmi qacarrii leenjisaa Garee Biyyaalessaa Itoophiyaa Waaliyaawwanii, leenjisaa Gabramadiin Haayilee muuduun xumura argate.

Garichi yeroowwan muraasa darbaniif hoggansa Daareektara Teeknikaa garichaa, Obbo Daani’eel Gabramaariyaamiin hogganamaa kan ture yoo ta’u, taphoota xumuraa Waancaa Addunyaa dura leenjisaa haaraan ni qacarama jedhamee eegamaa ture. Haala kanaan, Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Gabramadin Haayilee leenjisaa olaanaa gochuun muuduu kaleessa ifoomseera. Kanaan dura taphoota lamarratti garee biyyaalessaa kan hogganan leenjisaan kun Waaliyaawwan waggaa tokkoof leenjisuuf waliigalteerra gahuun ibsameera.

Leenjisaa Gabramadin Haayilee leenjisaa olaanaa kilabii liigii piriimerii Inshuraansii Itoophiyaa ta’uun kan beekaman yoo ta’u, ittigaafatamummaa lama akka fudhatan ibsameera.

Kilaba Inshuraansii Itoophiyaa waliin kontiraata kan qaban leenjisaan kun, kunis akkuma jiruutti kabajamee federeshinicha waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’amuun beekameera.

Garee cimaafi dorgomaa ijaaruu, dorgommii CHAN, Waancaa Afrikaafi Addunyaatiif garee bu’aa qabeessa ta’e uumuun leenjisicharraa kan eegamu ta’uu federeshinichi ibseera.

Leenjisaa Gabramadin Haayilee ittigaafatamummaa kana fudhachuusaanitti gammachuu guddaan akka ittidhagahamu ibsanii, garee kana durarraa waan beekaniif hojii bu’aqabeessa kan hojjetan ta’uu dubbatu.

Leenjisaa Gabramadinif ji’aan miindaan qarshii kumni 250tu kanfalama.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Waaliyaawwan leenjisaa haaraa muuddatan”

  1. Pingback: BIPOC
  2. Pingback: ketamin
  3. Pingback: sili box vape

Comments are closed.