Nyaata pirootiniidhaan badhaadhe argachuudhaaf beeylada mana ofiitti horsiisuudhaan bu’aalee achirraa argamutti fayyadamuun barbaachisaadha.
Barattoota dhaabbilee barnootaa olaanaa gara garaarraa eebbifaman hojii mootummaatti galchuun ulfaataa ta’uunsaafi sababa kanaan humni namaa barate damee horsiisa beeyladaarratti bobba’ee bifa hammayyaatiin beeyladoota horsiisuun hojii yeroo ammaa baratamaa dhufeedha.
Horsiifni beeyladootaa keessumaa kan kanaan dura biyyattiitti adeemsifamaa ture bifa aadaatiin ta’uunsaa beeyladoota hedduu qabachaa bu’aa xiqqaa argamsiisaati kan ture. Horsiisa beeyladaa bifa aadaatiin taasifamaa tureef rakkoo guddaan kunuunsa fayyaa beeyladootaatiin kan walqabatu yemmuu ta’u, kunis yemmuu beeyladootni kunniin dhibeewwan gara garaatiin qabamanitti dhiheenyatti hordoffiifi wal’aansa barbaachisu waan hinarganneef dhibamnaan salphumatti dhumaa turaniiru.
Dargaggoonni akka Doktar Taklee Shifarraafi Doktar Abunuu Andaargee ogeeyyota horsiisa beeyladaa yemmuu ta’an, misooma damee horsiisa beeyladaatiif deeggarsa ogummaa taasisuu bira darbanii magaalaa Bishooftuutti iddoo horsiisa lukkuu fudhatanii, cuucii lukkuu mala ammayyaatiin horsiisuudhaan ummataaf raabsaa jiru.
Haalli cuuciin takka ittiin guddattuufi wantootni isheen yeroo jalqabaa soorattu bu’aa sanaan booda erga lukkuu guddoo taatee kennituuf murteessaa ta’uu kan himan dargaggoonni kunniin, horsiisni lukkuu mala saayinsaawaatiin ta’uu akka qabu dubbatu.
Akka ibsasaaniitti cuuciin isaan horsiisaa jiran kanneen mala saayinsaawaafi namtolcheedhaan yaasifamaniidha. Haalli guddinasaaniis bifuma saayinsaawaadhaan kan itti fufufu ta’a.
Cuuciiwwan bifa saayinsaawaadhaan horsiisan hundaaf yeroo yerootti talaalliin ni kennama. Haa ta’e malee yeroo hedduu namootni cuuciiwwan kanneen isaan biraa fudhatanii gara horsiisa lukkuutti geeddaran talaalliiwwan isaan kennaniif waan addaan kutaniif bu’aaqabeessummaansaanii hanga yaadamee gadi haalli itti ta’uu danda’u hedduminaan mul’achaa jira jedhu.
Kanaafuu, namootni horsiisa lukkuurratti bobba’an dhaabbilee cuucii baay’isanirraa fudhataniif hanga sadarkaa soorataaf gahanitti kunuunsaafi talaallii yeroo barbaachisaa ta’etti kennaman addaan kutuu hinqaban jedhu.
Sadarkaa hanqaaquurraa kaasee hanga guddattee umriinshee nyaata namaatiif gahutti wantootni barbaachisan tartiibaan yeroosaanii eeggatanii yoo hinkennamneef guddina lukkoowwan qofarratti osoo hintaane, faayidaan dhalli namaa isaan soorachuurraa argatu daran gadi bu’aadha.
Wantoota lukkuuwwan faayidaa qabeessa taasisaniifi soorata namaatiifis barbaachisoo taasisan keessaa talaalliin isa guddaa waan ta’eef, hanga umriidhaan lafarra jiranitti tajaajilli talaallii taasifamuuf kun addaan cituu hinqabu.
Akka biyyaatti sagantaa maaddii guutuu biyyattiin qabattee hojirra oolchaa jirtu sirna soorataa fooyyessuudhaan dhaloota fayyaqabeessa horachuuf daran barbaachisaa ta’uu kan himu Doktar Taklee Shifarraa, isaanis akka ogeessa horsiisa beeyladaa tokkotti dargaggoota dame horsiisa beeyladaa irratti bobba’aniif deeggarsa ogummaa kennuun cinatti ofiisaaniitiifis horsiisa cuucii lukkuu nyaataaf oolaniif bu’ura ta’e kanarratti bobba’uudhaan sagantichaaf waan irraa eegamu bahachaa jiraachuu ibsa.
Hanqina beekkumsaa gama horsiisa beeyladaatiin jiru keessattuu horsiisa lukkuun walqabatee jiru furuuf kaayyeeffatanii gara damee kanaatti kan galan ta’uu kan himu immoo Dargaggoo Doktar Abunuu Andaargeeti. Haalli horsiisni beeyladaa biyyattii ittiin adeemsifamaa tureefi jiru irra jireessaan beekumsa bu’uraa damichaaf barbaachisuun ala ta’uus nidubbata.
Akka yaadasaatti; hojiin beekumsa barbaachisaa hojichaaf barbaachisu malee hojjatamu kamuu daandii dheeraa kan nama adeemsisuufi bu’aa achirraa argachuu malanis kan nama dhabsiisuudha.
Rakkoolee hanqina beekumsaafi ogummaa horsiisa beeyladaatiin jiru kanarraa ka’uudhaanis ana dabalatee hiriyaa koo ogummaafi beekumsa damichaa gadi fageenyaan qabu waliin taanee jalqaba gara namoota horsiisa lukkuurratti bobba’aniif leenjii kennuutti bobbaane jedha.
Sana booda immoo deeggarsa gorsaafi leenjii namoota horsiisa lukkuurratti bobba’aniif kennuu cinaattis keessattuu dargaggoota dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanii gara damichaatti galuu barbaadaniif osoo isaan gara hojiitti hingaliin dura leenjii kennuudhaan ogummaafi beekumsa barbaachisu akka qabatan taasisaa jiraachuus eereera.
Haalli horsiisa lukkuufi beeyladoota biroo kanaan dura ture garuu namni kamuu fedhiifi iddoo itti horsiisu qabaannaan bifuma salphaa ta’een horsiisee akka faayidaa irraa argatu yaadamaa ture.
Yeroo ammaattis iddoowwan horsiisni beeyladaa bifa aadaatiin soorata barbaachisu, iddoo filatamaa, tajaajila talaallii walirraa hincitneefi deeggarsa ogeeyyota damichaa osoo hinargatin haalli ittiin horsiifamaa jiran darbee darbee inuma mul’ata.
Asirratti wanti beekamuu qabu garuu, bifa aadaatiin horsiisa lukkuus ta’ee kan beeyladoota biroo adeemsisuun ni danda’ama. Garuu bu’aan bifa aadaatiin horsiisuufi bifa saayinsaawaadhaan omishuu irraa argamu garaagarummaa hedduu kan qabu waan ta’eef karaan inni filatamaafi bu’aaqabeessas nama taasisu mala saayinsaawaan ta’uun hubatamuu qaba.
Yeroo deeggarsa ogummaa namoota horsiisa lukkuurratti bobba’aniif kennanitti namoota kaka’umsumasaaniitiin bifa aadaa ta’een horsiisaa jiraniifi dargaggoota dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanii gara hojii horsiisa lukkuu kanatti galan gidduu gorsa ogeeyyotaa fudhachuun walqabatee garaa garummaa guddaatu jira.
Namootni horsiisa lukkuu bifa aadaatiin horsiifamu maatiisaaniirraa dhaalanii ittifufsiisaa jiran gorsa ogeeyyota fudhachuurratti hedduu kan rakkatan yemmuu ta’u, kunis umrii dheeraa horsiisa lukkuu keessa turuusaaniifi jalqabumarraa maatiin isaanii yemmuu horsiisan ilaalaa guddachuusaanii akka beekumsa guddaa tokkootti fudhachuudhaan gorsa ogeeyyota horsiisa saayinsaawaa fudhachuurratti daran rakkatu.
Hojii horsiisa lukkuu sana keessa turuufi maatii keessattis ilaalaa guddachuun muuxannoofi barnoota guddaa ta’e kennuufii akka danda’u kan himu Doktar Abunuun, beekumsi muuxannoodhaan horatame yoo mala saayinsaawaan hindeeggaramne jijjiirama yeroo yerootti dhufu waliin adeemuuf kan nama rakkisu ta’uu ibsa.
Dargaggootni dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifamanii gara hojii horsiisa lukkuutti galan garuu deeggarsa gorsa ogeeyyotaa kanneenii haala gaarii ta’eefi qalbii guutuudhaan itti amananii waan fudhataniif hojii horsiisaa kanarrattis bu’aaqabeessummaansaanii olaanaa ta’aa jira.
Yeroo ammaatti dargaggootni gara hojii horsiisa lukkuutti galan hundi hojicha jalqabuun dura leenjii barbaachisu fudhachuu akka qaban waan baraniif, dargaggootni akka Doktar Takleefi Abunuu leenjiifi deeggarsa ogummaa horsiisa lukkuurratti kennaa jiran babal’isuudhaan iddoowwan hundatti dargaggoota fedhii qaban hunda keessummeessuuf qophii ta’uu ibsu.
Walumaagalatti; rakkoo nyaata madaalawaa akka biyyaatti mul’achaa jiru furuuf sagantaan ‘maaddii guutuu’ barbaachisaafi kan yeroosaa eeggate yemmuu ta’u, kanaaf immoo horsiisni beeyladaa, keessattuu kan bifa saayinsaawaadhaan taasifamu murteessaadha.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016
2 Comments to “ Bishooftuutti dargaggoota horsiisa lukkuu ammayyaawaa akka dhugoomuuf carraaqaa jiran”
Comments are closed.