Barana gannaafi bonaan lafa hektaara miliyoona 4.7 qamadiidhaan misoomsuuf karoorfameera

Itoophiyaan fedhii qamadii nyaataafi faayidaa biroo guuttachuu dadhabuusheetiin waggoota 50 olif sharafa alaa olaanaa ta’e dhangalaasuudhaan biyya alaatii galchaa turuunshee seenaa waggaa tokko hincaalleedha.

Qamadii bifa deeggarsaatiin Itoophiyaaf kennamuufi biyyattiin immoo fedhii biyya keessaa gama qamadiin jiru guuttachuuf biyyoota alaatii bara baraan galchitu kuntaala miliyoona 15 hanga 20tti kan tilmaamamu ta’uu ragaaleen Ministeera Qonnaa ni agarsiisu.

Bittaa qamadii biyya alaatii bitamu kanaafis waggaa waggaan doolaarri miliyoona 600 ol baasii akka ta’u ragaaleen kan agarsiisan yemmuu ta’u, gama biraatin waggoota muraasa darbanitti keessattuu magaalota guguddootti hanqinni dhiyeessii daakuu qamadiifi dhimmi qaala’insa gatii daabboo yaaddoo jiraattotaa yeroo ta’uu irra deddeebin mul’ateera.

Kunis baasiin sharafa alaa olaanaa ta’e itti dhangala’aa turus fedhii gama kanaan biyya keessa jiru guuttachuu dadhabuudhaan qaala’iinsi uumame mootummaan utuma rakkoolee adda addaa jiranii furmaata biraa akka xiinxaluuf carraa uumeera.

Biyya haala qilleensa omisha qamadii dabalatee akaakuuwwan midhaan nyaataa hedduutiif mijataa ta’e keessa taa’anii, biyya rooba gahaafi haala teessuma lafaa qonna qamadiitiif mijataa ta’e keessa jiraachaafi humna omishaa kan ta’e dargaggoota walakkaa waliigala lakkoofsa ummata biyyattii ta’e qabaachaa deeggarsa qamadii biyya alaatii dhufu jala harka qabachuufi sharafa alaa guddaa dhangalaasanii qamadii alaa galchuun seenaa ta’uu akka qabu hoggansi irratti mari’atee kallattii hojiirratti mirkanaa’uu danda’u ba’ee hojiitti galame.

Kanaanis Itoophiyaan waggoota lamaa hanga sadii keessatti fedhii omisha qamadiishee biyyuma keessatti guuttachuufi qamadii alaa galchitu guutummaatti dhaabuuf karoorfattee qaama dhimmi ilaallatu hundaaf kallattii keesseetti.

“Biyyi tokko osoo haala mijaawaa qabduu waan nyaataaf oolu alaa galchuun qaaniidha,” jechuudhaan caasaaleen mootummaa sadarkaadhaan jiran hundi miira kutannoofi ofitti amanamummaatiin hojitti galanii bu’aa qabatamaas lafarratti agarsiisuu eegalan.

Iddoowwan tanaan dura bifa aadaatiinis ta’u omisha qamadiitiin beekaman qofa osoo hintaane, naannawawwan gammoojjiifi hanqina roobaa qabanitti jallisii fayyadamuudhaan qamadii omishuun ajandaa guddaa ta’ee iddoowwan hunda walga’e.

Kanneen kanaan dura omisha qamadii irratti maqaa qaban hojiiwwan galteewwan qonnaa barbaachisuun deeggaruufi qonna makaanaayizd ta’etti akka fayyadaman gochuun gama tokkoon, kanneen tanaan dura qamadii hinomishneef haalota barbaachisoo uumuudhaan gara omisha qamadiitti galchuudhaan yeroo gabaabaa (waggaa sadii) keessatti omisha qamadii alaa galu dhaabuuf karoorri qabamee yeroo jedhamettis maniin kaa’ame milkaa’ee seenaa haaraan galmaa’e.

Karoora biyyattiin qamadii baay’inaafi qulqullinaan omishuudhaan fedhii biyya keessaa guutuuf qabatte milkaa’ee seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif qamadii alaatti erguu dandeesse.

Karoora omisha qamadii baay’inaafi qulqullinaan omishanii fedhii biyya keessaa guutuuf taasifame keessatti immoo qamadii waqtii gannaa qofatti omishamu osoo hintaane, inni yeroo bonaatti jallisii fayyadamuudhaan omishamu shoora guddaa kan qabu yemmuu ta’u, labsii ummata, ogeessaafi hoggansa sochoosuu danda’e ‘labsii Adaamaa’ “Adama Declaration labsine” jedhamuufi kaka’umsa kanaaf bu’uura ta’eedha.

Haaluma kanaan bakkeewwan qamadiin kanaan dura hinturre gammoojjiiwwan Booranaa, Harargeefi Baalee keessatti qamadii omishuun akka danda’amu hojii qabatamaatiin mirkanaa’uu danda’eera.

Qonnaan bultootaafi horsiise bultoota omisha qamadii waqtii bonaa kanarratti bobba’aniif deeggarsa ogummaa taasisuufi galteewwan dhiyeessuun wayita omishnisaanii gahuttimmoo walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuuf taasifamuusaatiin karoora akka biyyaatti fedhii qamadii biyya keessaa guutuuf qabame mootummaan qabame qofa osoo hintaane, karoora galii qonnaan bulaa fooyyessuudhaan jiruufi jireenyasaanii fooyyeessuuf qabames irrajireessaan akka mirkanaa’u taasifame.

Omisha qamadiinis ta’ee waliigala omisha midhaan biyyattii keessatti omishamuun harka caalu kan gumaachitu Oromiyaan gama kanaan qonnaan bultootni, horsiisee bultootni akkasumas qaamoleen biroo waliigala namootni kuma 200 ta’an; kallattiin omisha qamadii jallisiirratti akka bobba’an taasisuudhaan utubaa karoora guddaa kanaa ta’uu mirkaneessite.

Milkaa’inoonni warraaqsa misooma qamadiirratti gaggeeffameen argaman Oromiyaan waan guddaa hojjechuu akka dandeessu kan dhugoomsu ta’uudha Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oormiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kan himan.

Oromiyaatti qamadii bonaa bara 2016n lafa hektaara miliyoona lama, kuma 629fi 767 misoomsuuf mariin bakka Obbo Shimallis argamanitti hoggansa naannoo, godinaafi magaalotaa waliin tibbana gaggeeffamee ture.

Muuxannoo waggoota shanan darban misooma qamadii bonaarratti horatame baranaaf galtee guddaa waan ta’uuf omisha caalmaa qabuuf karoorfamuu maricharratti kan ibsan Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu, humni gama bishaaniifi haala mijaawaa naannoon Oromiya qabdurratti hundaa’uun bara 2016tti lafa hektaara 2, 629,767 irratti qamadii bonaatiin misoomsuuf hojetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Karooricharratti hundaa’uudhaan eessatti, hojiiwwan akkamii, eenyuun akka hojjatamuu qaban irratti caasaan sadarkaadhaan jiru hundi waliigaluus ni ibsu.

Ministirri Qonnaa Doktar Girmaa Amantee gamasaaniin Karoorri misooma qamadii bonaa bara 2016 akka Oromiyaatti qabame kun karoora misooma qamadiirratti akka biyyaatti qabamee ol ta’uu himanii, waan ta’eefis karoora guddaafi hiixataa kana milkeessuuf qophiifi kaka’umsi hoggansaafi qooda fudhattoota bira jiru olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, Karoorri qamadiirratti qabame karoora birmadummaa biyyaa mirkaneessuu waan ta’eef cimee hojjetamuu akka qabuufi milkaa’inasaatiifis Ministeerri Qonnaa deeggarsa barbaachisuun kan isaan maddii jiru ta’uu mirkaneessaniiru.

Dhiheessii xaa’ootiin walqabatees hanqinni akka hinuumamneef ministireerrisaanii kan hojjetuufi hanqina paampiifi galteewwan omishaa furuufis xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu dubbatu.

Milkaa’ina misooma qamadiin argamaa jiru kanaaf adda durummaan qonnaan/horsiisee bultoota, hojjettoota misoomaa, ogeessota qonnaa, hooggansa, qooda fudhattoota qonnaafi qorattoota sadarkaan jiran hundi shoora guddaa bahaniif kan galateeffatan immoo Obbo Shimallis Abdiisaati.

Isaanis, warraaqsi misooma qamadiirratti gaggeeffame Oromiyaan waan guddaa hojjechuu akka dandeessu, warraaqsa dinagdee dhugoomsuun akka danda’amuufi qabatamaan hojjechuun jiruufi jireenya hawaasaa qabatamaan mirkaneessuun akka danda’amu kan ittiin dhugoome ta’uu ibsan.

Karoora omisha qamadii bonaa bara 2016 lafa hektaara miliyoona 2.6 dhugoomsuuf qabame qabatamaan milkeessuuf ji’a Fulbaanaa kanarraa eegalee hojii xiyyeeffannoo jalqabaa taasisuun of eeggannoo cimaadhaan karoora qabamee olitti milkeessuuf hooggansa barbaachisu hunda kennuun hojjetamuu akka qabus kallattii kaa’aniiru.

Barana misooma qamadii gannaafi bonaan lafa hektaara miliyoona 4.7 misoomsuudhaan seenaa addaa galmeessisuuf hojiitti galamuu kan eeran Obbo Shimallis, hojii kana milkeessuuf gareen gurguddaa hojii kana deeggaran shan; gareewwan ekisteenshinii deeggaru, hojii suphaa iskiimii, paampii, bishaan hidhuufi baankii bishaaniitti bishaan cimmisuun hanqina bishaanii adda baasuun fala kennu, galteewwan qonnaa barbaachisan haala agroo ikolojiirratti hundaa’uun dursee dhiheessu, paampiifi teknolojii jallisii dhiheessuufi gabaa mijeessan hundaa’uus eeraniiru.

Dabalataanis, hojiiwwan hojjetaman kunniin dhimmoota guguddoo sadiin adda bahuu akka qaban isaanis: karoorri qabame baay’ina humna jiruun adda bahuun madaalamuu, saffisaan yeroo jiidhinsi jirutti hojjechuufi wanti hojjetamu hunduu qulqullinasaa eeggatee ogummaan deeggaramuun omishamuu akka qabus kallattiin kaa’ameera.

Hojiin kun yeroo yeroodhaan ilaalamaafi qoratamaa akka deemuufi karoora guddaa barana qabame milkeessuun hojiiwwan baroota ittaananii sirnaawaa kan taasisu waan ta’eef ciminaafi cichoominaan hojjetamuu akka qabu kallattii kaa’aniiru.

Walumaagalatti; hojiiwwan waggoota shanan darban omisha qamadiirratti milkaa’aa dhufan nama ilaaleef karoorri baranaa kunis akka milkaa’u shakkiin hinjiraatu.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Barana gannaafi bonaan lafa hektaara miliyoona 4.7 qamadiidhaan misoomsuuf karoorfameera”

  1. Pingback: Saphir Thailand
  2. Pingback: fuck girl
  3. Pingback: free Stripchat

Comments are closed.