Ayyaana Masqalaa: Shawaa Kibba Lixaafi Guraageetti

Oromoon ayyaana Masqalaa gubaa mootii ayyaanotaa jedhee waama. Ayyaanni Masqalaa kan kabajamu tibbi gannaa darbee birraan bari’uudha. Ayyaanni Masqalaa bara haaraatti ayyaana duraa ta’ee sirna ho’aadhaan kabajama.

Tibbi Birraa yeroo gaarri, dirreefi oyiruun magariisa uffatee ittimul’atu, yeroo omishni itti ga’u, yeroo abaaboon itti daraaruufi loon marga quufani gara horaa geeffamaniidha. Tibbi kun yeroo dhalli namaa abdii itti horatu waan ta’eef daran jaalatama, leellifamas. Ummanni Oromoo dur Ayyaana Masqalaa baatii Hagayya keessa waggoota ykn jaarraa dheeraaf kabaja ture. Booda ayyaanichi waan walfakkaatuuf guyyuma tokko akka ta’u murtaa’ee Fulbaanatti akka waliin kabajamu ta’e.

Erga seensaaf hangana jennee Gaazexaan Bariisaa ayyaanni Masqalaa kun ammaan tana keessumaa godinaalee Shawaa Kibba Lixaafi Guraageeti haala kamiin akka kabajamuufi kabajamaa jirurratti qaamolee dhimmi ilaallatu dubbiseera.

Ittigaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Fakkansaa Gammachuu akka jedhanitti, ayyaanota hawaasaa guguddoo tibba birraa kana kabajaman keessaa ayyaanni Masqalaa isa guddaadha. Sababuma kanaan ayyaanichi Mootii Ayyaanaa jedhamuun beekama. Masqalli saddeeta qaba, saddeenni diroon isiniif haa naanna’u jedhee Oromoon godinichaa karaa aadaatiin ayyaana Masqalaa kabaja.

Qoraan Masaqalaas kan falaxamu Hagayya 12 booda. Kan falaxus dargaggeessa. Qoraan Masqalaa waan akka namni gaafa sana ayyaana dhiisee qoraan barbaacha hindeemneef dursee qophaa’a.

Sirni jalabultii, guyyaa ayyaanaafi darbee geggeeffamu jira. Jalabultiin ayyaana Masqalaa Fulbaana 12 jalqabama. Kunis naannawichatti ayyaana Muka Dhaabaa jedhamuun beekama. Guyyaan kun guyyaa mukti muka keessaa filatamee daamaraa ykn mijjirii gaafa 16f irratti furdifamu ykn utubamu ittidhaabatuudha.

Akka dhugeeffannoo ummata keenyaatti ammoo gaafa muka dhaabaa bariitu lafti uumamashiitiin ni jabaatti, roobni ni qaqal’ata, lageenis ni hir’atu jedhama. Guyyaa muka dhaabaa kanarraa kaasee kutaaleen hawaasaa adda adda maanguddoonni, dubartoonni, dargaggoonni, daa’imman sagantaalee raawwatan qabu.

Akkaatuma kanaan sagantaa guddaafi inni jalqabaa sirna Jabaa Masqalaa jedhamutu muramee qophaa’a. Dubartoonni jalabultii Masqalaatti ateetee bulfatu. Ateetee bulfamu kanaaf warri dhiiraa jabaa laaftoorraa muranii goggogfamee ni qophaa’a.

Guyyaa bulfannaa ateeteerraa kaasee hanga Onkoloolessa 1tti sirni Karra Cufaa Masqalaa jedhamu raawwatamutti ibiddi Jabaa Masqalaa hindhaamu. Yeroo kanatti dubartii kaamettiin ibidda barbaacha ollaa hindeemtu.

Dhugeeffannoo Oromoo keessaa inni guddaan sirna Ulaa Mormaa jedhamuudha. Ulaan Mormaa gaafa Fulbaana 14 geggeeffama. Gaafa Ulaa Mormaa kana Oromoon muka Bakkanniisaa guddaa jalatti muka bukkeen dhaabee saawwaniifi ilmaansaa ollaadhaan walwaamee sagantaa kana raawwata.

Ulaa mormaa kana kan dursee bahu korma. Kormi dhaloota, ittaansee harreetu darba. Harreen gargaaraa dhala namaati. Ba’aa dhala namaa harreetu baata. Yoo duulan galaa baatee nama wajjin duula. Ittaansee dargaggeessi, maanguddoonni, dubartoonni bahanii booruu gannaarraa gara birraatti baanee, hulluuqneerra jedhu.

Qophii guddaan jalabultii ayyaanaatti gaggeeffamu biraan ibidda ijoolleeti. Ibiddi ijoollee Fulbaana 14 geggeeffama. Daa’imman ollummaafi obbulummaadhaan duudhaa waliin jireenyaa dhaloonni jalaa dhufu beekuu waan qabuuf daamaraa gubanii sirbanii Masqala faarsu. Kun sirna guddaa jalabultii ayyaana Masqalaatti geggeeffamuudha jechuudha.

Inni biraan duudhaa galchaa baranee jedhamee beekamuudha. Galchaa baranee jechuun intalli bara darbe heerumte Masqalaaf warrashii bira dursitee deemtee gaafa 14 gara mana abbaa warraashiitti deebiti. Firri dhangaa qopheessee bahee ishii simata.

Dargaggoonni meeshaa fororsaa jedhamu kan dhangaan akka cuukkoo, dhadhaafi kkfn ittiin baatamuun gara mana abbaa warraashiitti geggeessu. Ollaafi fira waamanii simatanii waan intalli fudhattee galte waliin nyaatanii dhugu. Duudhaalee hariiroon ollummaa, obbolummaafi firummaan hawaasaa ittiin ijaaraman keessaa kun taatee tokkoofi isa guddaadha.

Erga sagantaaleen kunniin hundi geggeeffamanii booda gaafa gubaa ykn Mijjirii Nama Jabaa jedhamee beekamu Fulbaana 16 galgala ollaan walitti dhufee qe’ee hangafaatti gubu ykn mijjirii baasu. Guyyaa kana namoota guguddootu dura bu’ee mijjiricha baasa.

Kunniin hundi sirnoota ayyaana Masqalaa dura geggeeffamaniidha. Asirratti amantiidhaan, gosaan walqooduun hinjiru. Hunduu Masqalaaf uffata adii uffata. Kanas saddeenni dirootti isinii haa naanna’u, barri bara quufaa haa ta’u, jedhamee ollaa, tokkummaafi jaalalaan kabaja. Masqalli ayyaana hariiroofi tokkummaan hawaasaa daran itticimuudha.

Gaafa Fulbaana 17 ykn Masqalaa ganama sirna Daaraa Qabannaa jedhamutu raawwatama. Gaafa kanas ollaan walitti bahee bakka galgala mimmirii ittibaasan naanna’anii ykn marsanii taa’anii midhaan Waaqayyo isaanii biqilche keessaa kanneen akka asheeta baaqelaa achitti goroggor jedhanii nyaachuu eegalu.

Jalabultii ayyaana Masqalaatti dargaggeessi Masqalaafi birraa faarsaa, ya dureessa koo jechaa taphata. Gaafa Daaraa Qabannaatti waraana qabatanii rakkoo hawaasaa kan bardheengaddaa wallole araaramee qara eeboo gadi qabanii jifuu qabatanii daaraa addaan waltuqanii mortuufi inaaftuun haa haabaddu, tokkummaan haa ijaaramu, ollummaan haa dagaagu jedhanii walfaarsu, waleebbisu. Ijoollees sirna Daaraa Qabannaa kanarratti dhiyeessanii, mijuunis dhiyaatee waliin nyaataniifi dhuganii ittiin gaggeessaniidha.

Hamma gaafa Onkoloolessa 1tti ibiddi hindhaamu, nyaanni manaa hindhumu, waan Masqalarraa hafe guyyaa sana Jabaa sana manaa baasanii kabajni ayyaanichaa xumurama. Guyyaan sirnichi ittiin xumuramus Karra Cufa Masqalaa jedhama.

Barana ayyaanni Masqalaa bifa aadummaasaa eegeen akka kabajamuuf dargaggeessi Roobii darberraa kaasee Magaalaa Walisoofi aanaalee Godina Shawaa Kibbaa Lixaa keessatti goobee sirbaa jira. Haala kabaja ayyaanichaarratti fooramii dhaabbilee amantii wajjin mariin geggeeffameera.

Hangafa ayyaanotaa kan ta’e Masqalli nagummaansaa akka eegamuufi guyyichi kan jaalalaa qofa ta’ee akka kabajamuuf qophiin duraa bal’inaafi haala miidhagina qabuun adeemsifameera.

Duudhaan kun dhalootaa dhalootatti akka ce’uufis dokimantii guutuun kan jalabultiirraa kaasee hanga dhumaatti jiru qindeeffamee akka kaa’amuuf waan guddaa hojjetaa jirra. Gama kanaan dubbii arbeessuu hinta’in malee maqaa gaariis qabna.

Tokkummaafi obbolummaadhaan walqabatee godinni keenya Naannoo Jiddugaleessa Itoophiyaa keessumaa saba Guraagee wajjin ollummaafi hariiroo gaariifi cimaa qabna. Nyaanni aadaa nuti qabnu saba Guraagee biras jira. Miseensonni saba Gumuzis godina keenya keessatti ni arganu. Darbees saboonni biroonis godinicha keessa bal’inaan jiru.

Masqalli guyyaa namni balbalaafi gosa itti walhingaafanneedha. Nama ta’uusaa qofaan guyyaa itti namni jaalalaafi tokkummaadhaan dabarsuudha. Akka aadaattis kocheen (kitfoo) nyaata aadaa

 Oromooti. Nyaatawwan aadaa ayyaana Masqalaarratti dhiyaatan keessaa tokko kochee kana. Ayyaanaan alattis saboota ollaa wajjin ta’ee Oromoo walwaliisaatiin akka balbala tokkootti jaalalaafi tokkummaadhaan kan jiraatuudha.

Gama ayyaana Mawuliidaatiinis garaa garummaan keenya miidhagina keenya jenna nuti. Godina keenyatti dura bu’aan amantii Islaamaa Abbaa Gadaati. Nuti kana akka gaariitti ilaalla. Ummanni keenya sabboontummaa sabummaafi amantii adda baafatee beekeera. Oromoo taanee Musliima ykn Kiristaana ta’uun cubbuu akka hintaane sadarkaa kanarra qaqqabneerra.

Ayyaana Mawulidaafi Masqalaa ilaalchisuun dura bu’oota amantilee wajjin bakkuma tokkotti mari’anneerra. Bu’uurri waa hundaa nageenya waan ta’eef isarratti wajjummaan hojjechuuf waliigalleerra. Ummata jaalalaafi hariiroo cimaa qabu waan qabuufis isa qabannee deemaa jirra.

Qajeelcha Aadaafi Turizimii Godina Guraageetti dursaan garee afaaniifi aartii Obbo Baahiluu Liilaagaas gamasaaniin ibsa Gaazexaa Bariisaaiif kennaniin akka jedhanitti, Masqalli Guraageef ayyaana ayyaanotaati.

Gama hawaasummaasaatiin namoota adda addaa fagaatanii turan kan walitti fidu ykn dhiyeessu, dargaggoonni itti eebbifaman, kan dhala hinqabne akka argatuuf eebbifamuufi dhala itti argatu, waliigalaan ayyaana jaalalli qabatamaan ittiin ibsamuudha. Gama dinagdeetiinis Guraageen akka bu’uura godhatu kan taasise Masqala.

Qophiin ayyaana Masqalaa bara dhufuu akkuma ayyaanni baranaa darbeen eegalama. Kanaafis uqqubiin ni seenama. Uqqubiin kun akaakuuwwan adda addaatiin jira. Kunis kan maallaqaa, aannanii, dhadhaa, daboodhaan hojjechuu fa’iin ibsama. Kanaaf ayyaanichi bu’uura dinagdeetisi. Ayyaanichi haala ittifayyadama maallaqaas kan barsiiseedha.

Gama turizimiitiinis ayyaana gumaacha olaanaa qabuudha. Ayyaanicharraa garraamummaa, garalaafummaa, walta’iinsaafi tokkummaatu baratama. Kochee ykn kitfoon ollaafis ebeluuf jedhamee qophaa’a. Kanaaf Masqalli Guraageedhaaf waa hunda yoo jedhame dubbii arbeessuu hinta’u.

Sababiinsaas qophiin hundi dursee xumuramee Masqalli guyyaa loonillee bilisa ittita’aniidha. Guyyaa kana akka gaafa kaanii dirreerratti otoo hintaane Kaloo dursee qophaa’etti gadilakkifamu. Qoraanis dursee waan qophaa’uuf gaafa sana muktis hinmuramu. Gaafa Masqalaa namaafi loon qofa otoo hintaane waan mar’umaan kennamuufiif waraabessillee ni quufa. Kanaaf ayyaanichi Guraageef taatee daran murteessaadha.

Loon qalmaa dhiirotaan akkasumas dhadhaafi warqee (qoccoo)faan dubartootaan qophaa’a. Ciminniifi kaamettummaansaaniis ayyaana kanarratti mul’ata. Dhiirri dhiirummaansaa, dubartiinis dubartummaanshii qoramuun ayyaana Masqalaarratti jechuudha. Waanti Masqalaaf hintaane maalumaafuu ni ta’a jedhamee hin yaadamu. Waanti duubatti jedhamus hinjiru. Masqalli Guraageef waa hunda.

Duudhaaleen durii hedduun ammaan tana waan laafan fakkaatanillee kan Masqalaafi kanneen isaan walqabatan garuu jiru. Sirumayyuu daraan daraaraafi lalisaa jira yaada jedhun qaba. Jidduu Masqalaatti har’as akkuma durii daandiiwwan imaltoota gara qe’eesaaniitti dhufaniin qabamuun sirni kabaja ayyaanichaa duudhaasaa eegee ittifufuusaatiif agarsiistuudha.

Ayyaanicha kabajuuf namoonni alaa dhufanis jiru. Ayyaanicha kabajuun gaarii ta’ee garuu baasii humnaa oliitiif akka hinsaaxilamneef of eeggannaa gochuunis barbaachisaadha.

Duudhaaleen kanniin dhalootaa dhalootatti akka darbaniif mataduree, “Guraageefi Duudhaa Aadaa” jedhuun lakkoofsa tokkoofi lamaan babarreeffamanii kaa’amaniiru.

Ayyaana kana Musliimnis waluma keessa kan kabajan. Musliimni Kiristaana Kiristaannis Musliima bira deemanii keessummeessuuni kan kabajamu.

Ayyaanni Irreechaas waluma faana kan kabajamu. Ayyaanota waliin kabajuun akkuma Itoophiyaattuu duudhaa cimaadha. Ayyaanonni Daamaraafi Mawuuliidaa barana guyyaa tokko kabajamuun taatee addaati. Ayyaanonni sadanuu walfaana dhufuun kan dinquufi tokkummaa cimsuu keessattis hiika addaa qabuudha.

Rakkoon iddoowwan adda addaatti mul’atus mariidhaan furamuu qaba. Yaadota furmaataas gubbaadhaa gadi buusuu qofa otoo hintaanee dakaafis xiyyeeffannaa kennuu barbaachisa. Dhimma nageenyaafi tokkummaatiif xiyyeeffannaa kennanii hojjechuun murteessaadha.

Ayyaana gaarii!

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016

Recommended For You

9 Comments to “Ayyaana Masqalaa: Shawaa Kibba Lixaafi Guraageetti”

  1. Pingback: 누누티비
  2. Pingback: unieke reizen
  3. Pingback: th168
  4. Pingback: Click here

Comments are closed.