Adeemsa hawaasa wajjummaa tokko ijaaruu keessatti miidiyaafi kominikeeshinii tarsiimawaan gumaacha ijoo qabu.
Seenessa (barreeffama taatee tokkoo) kominikeeshinii tarsiimawaa ijoo (‘grand narrative’) biyyi ittiin hogganamtu. Miidiyaafi kominikeeshinii seenessa tarsiimawaa ijoorraa gore tattaaffii hawaasa siyaasaafi dinagdee wajjummaa ijaaruuf taasifamu gufachiisa. Rakkoon kun biyya keenya, Itoophiyaa irra deddeebiidhaan qoraa jira.
Hojiileen miidiyaafi kominikeeshiniin tattaaffii seenessa wajjummaa ijaaruuf taasifamu gufachiisan bal’inaan mul’ataa jiru. Ammaantana yeroo murteessaa yaadamawwan biyyaalessaarratti hundaa’uun seenessa ijaaruun barbaachisurra jirra.
Jijjiiramoonni waggoota shanan darbanitti biyya keenyatti eegalaman yaadamawwan tokkummaa Itoophiyaa cimsuu danda’an qabateera. Yaadamawwaniifi seenessa kanneenirratti sirriitti hubannoo uumuun milkaa’ina imala badhaadhinaatiif daran murteessaadha. Waan yaadamoonni kunniin sadarkaa barbaadamuun hubannoo hinarganneef asiis achiis rakkooleen mudataa jiru. Kanumarraa ka’uun ogeessonni miidiyaa yaadamawwaniif seenessarratti hundaa’uun ittigaafatamummaa biyya ijaaruu qabu.
Sababa hojiileen miiidiyaafi kominikeeshinii keenya karaarraa goruutiin miidhaan biyya keenyarra ga’aa jiru akka laayyootti kan ilaalamu miti. Hojiilee miidiyaa keenya seenessaafi yaadamawwan biyyaatiin mil’achuun tattaaffii ijaarsa biyyaatiif taasifamu keessatti ittigaafatamummaa seenaqabeessa bahachuu qabu.
Leenjiin tibbana yaadamawwaniifi seenessawwan ijoo Itoophiyaan jijjiiramaa as ittiin hogganamaa jirtu ogeessonni miidiyaa hubatanii akka ittiin hojjetaniif yaadamee Wiirtuu Hayyooma Hoggansaa Afrikaatti kennames kanuma kan mirkaneessuudha.
Kanaanis leenjitoonni ijaarsa biyyaa keessatti kallattii tarsiimawaa miidiyaafi kominikeeshiniirratti hundaa’anii hojjechuu eegalaniiru. Rakkooleen sababa hojiilee miidiyaa yaadamawwaniifi seenessawwan biyyaalessaa sarbaniin uumaman haala qabatamaadhaan hir’ataniiru. Hojiileen miidiyaafi kominikeeshinii ijaarsa biyyaatiif galtee dabalaa jiru.
Seenessaafi ijaarsa biyyaa
Seenessi bu’aa ida’ama dhugaawwan, afoolawwan, seenaawwan, taateewwan odeeffannoowwan dhala namaatti himamaniiti. Bu’aa humnaa dhalli namaa dhugaa (reality) waa fakkeessuuf ittifayyadamuuti. Seenessi humna dhangala’ina odeeffannoowwan beekumsa (Cognitive)fi miira (Affective) dhala namaa ijaaruudha.
Maddawwan seenessaa
Maddiwwan seenessaa taateewwaniifi mudannoowwan, ragaaleefi afoolawwan, karaa keessa dabarreefi bu’aa ba’iiwwan fa’i.
Seenessa xiqqaa (micro marrative) kan jedhamu yaadamawwan wantota hundarratti kan kooti jedhamu keessaa bahuun Naannoo, godina, aanaa, saba, gosa, amantii fa’iin ibsamaniidha.
Seenessi ijoon (grand narrative) ammoo walitti hidhamiinsa waantotaa, eenyummaa waloo, dhimma hunda keenyaa, kan biyyaa, ardiifi idiladdunyaatiin kan ibsamu yoo ta’u, rakkoo, furmaataafi fedhiin waloos kanuma keessatti eerama.
Ijaarsa biyyaa akka muka seenessaatti
Baalawwan mukicha quucarsan harcaasanii haaraadhaan bakka buusuu, dameeleesaa soroorsuu, jirmasaa wal’aanuu, sirreessuu, hiddisaa wal’aanuu, sirreessuu baraaruu.
Seenessi ijaarsa biyyaa keessatti qooda eeyyantaafi hi’entaa qaba. Akka ummataatti walittiqabamuufis bittinneeffamuufis, waljaalachuufis waljibbuufis, walittibu’iinsa furuufis hammeessuufis, badiifis misoomaafis badhaadhina hundagaleessaafis hiyyummaafis; humna sassaabbachuufis ta’e bittinneessuuf qooda qaba.
Kanaaf qooda seenessaa ijoofi eeyyantaarratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Keessumaa amaloota jahan ida’amuu (the six Ss) kanneen hubachuun misha. Isaanis, mil’annaa guutuu (synoptic), ida’amuu (synergy), ijaarsa, (Synthesis) madaallii eeguu, (symmetry), walta’anii jiraachuu (Symbiosis), sirna uumuu (system).
Yaadichi waraqaa leenjii mataduree, “Seenessa Ida’amuu, ka’umsa jijjiiramichaafi imala badhaadhinaa Itoophiyaa” jedhuun gorsaa dhimmoota kominikeshinii Pirezidaantii BMNO, Doktar Biqilaa Hurrisaatiin dhiyaaterraa fudhatame.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015
3 Comments to “ Milkaa’ina ijaarsa biyyaatiif seenessa ijoorratti xiyyeeffachuu”
Comments are closed.