Itoophiyaan biyya qormaanni ishee cimsuudha

Itoophiyaan biyya qormaatilee keessaafi alaan baroota keessatti ishee muudatan hunda injifannoon darbuun tokkummaa ishee eeggattee har’a geessedha. Tokkummaa jabaafi hariiroo cimaa qabaachuun saboota, sablammootaafi ummattootashee sababoota itti fufinsaafi bu’uura jabaa irratti ijaaramuushee mirkaneessan keessaa angafummaan kan eeramudha. Kunis, fuuldureefi hireen saba, sabalammootaafi ummattoota biyyattii kan walitti hidhate ta’uu kan mirkaneessedha.

Tokkummaan Itoophiyaafi hariiroon ummattootaa bu’uura cimaarratti akka ijaaramu dhaabbilee taasisan keessaa Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) adda durummaan kan eeramuudha. RIB hundeeffamasaarraa eegalee saba, sablammootaafi ummattoota biyyaattiirraa kan hundaa’eefi dhaabbata guddicha tokkummaa biyyaalessaafi birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuun kan tajaajilaa tureefi jirudha. Dirqama nageenya kabachiisuu biyya keessaafi sadarkaa idiladdunyaa itti kennamu hunda jaalala biyyaafi gootummaa olaanaan bahachuun injifannoo seenaqabeessa galmeessaa kan ture loltuu ummataati.

Mallattoo tokkummaa Itoophiyaa isa olaanaa kan ta’e RIB finxaalessitoonni biyya keessaa humnoota alaa waliin qindaa’uun meeshaalee ololaasaanii fayyadamuudhaan maqa balleessiiwwan gara garaa irratti geggeessuun dadhabsiisuuf yaalanis raayyichi tokkummaa biyyaalessummaasaa kan yeroo kamuu caalaa jabeessuudhaan dirqama irraa eegamu sirnaan ba’achuurratti argama. Hundaa ol RIB irratti aggaamuun birmadummaa biyyaa tuquu ta’uu hubachuun sirnaan beekamuu qaba.

Hireefi abdiin egree saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa walitti hidhaminsa guddaa kan qabu ta’ee osoo jiruu humni finxaalessaa Jaawusaa Naannoo Amaaraatti gaaffii ummataaf kan gurmaa’e of fakkeessee hidhannoodhaan deeggaramee RIB dura dhaabachuu yaaluun naannicha dirree waraanaa taasisuuf socho’aa tureera, jiras.

Ummanni Amaaraa mirga ofiin of bulchuu gonfachuun osoo ofiin of bulchaa jiruu waan ummattoota biroorraa addatti gaaffii qabu fakkeessuun gareen burjaajiifi karaa qaxxaamuraatiin aangoo qabachuuf saamicharratti gurmaa’e kun tajaajila hawaas dinagdee naannichaa boodatti deebisuurratti argama.

Ummanni naannichaa waraana Itoophiyaa kaabaa waggoota lamaan darban mudatee tureen rakkoowwan guguddoof saaxilamee turerraa osoo hinbayyanatiin gareen kun irra deebiin naannicha rakkoo jabaaf akka saaxilamu taasisaa jira.

Saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa hundaan walitti hidhamiinsa dhiigaa akkasumas daangaa bulchiinsaa bal’inaan kan waliin qooddatu ummanni Amaaraa gareen finxaalessaa yeroon dhufu qormaata akka itti ta’uuf yeroo omishaa qonnaa eeggatee danqaa naannichatti ta’aa jiraachuusaatiin Mootummaa Naannoo Oromiyaafi ummata naannichaa ni yaachisa.

Sagalee ummata Amaaraatiinis ta’e saba, sablammootaafi ummattoota biyya keenyaa hundaan mootummaan filatamee hundaa’e karaa walqixxummaarratti hundaa’een fayyadamummaa lammilee mirkanneessuuf xiyyeeffannoon hojjechuurratti argama.

Humni Finxaalessaa Jaawusaa seeneffama qeenxee “Biyyi ani hinbulchine jiraachuu hinqabdu” jedhu qabachuun gaaffii ummataan kan gurmaa’e fakkeessuun fedhii aangoo qaxxaamuraan qabachuuf mootummaa naannichaa diiguufi hookkaraan dhimmoota hawaasummaa, siyaasaafi dingdee naannichaa hunkuraan faayidaa ummata Amaaraa miidhuurratti argama.

Jaarraa 21ffaa keessa jirru kanattis ta’e yeroo biyyi mootummaa badhaadhinaan hogganamaa jirtu kanatti humna afaan qawweetiin gaaffiin ummata Itoophiyaas ta’e ummata Amaaraa deebi’u kan hinjirre yoo ta’es rakkinoonni guguddoofi dararri maqaa garee kanaatiin ummata irra ga’u Mootuummaa Naannoo Oromiyaa guddaa kan gaddisiisudha.

Waan ta’eefuu, ummanniifi Mootummaan Naannoo Oromiyaa ummataafi Mootummaa Naannoo Amaaraa akkasumas sabaafi sablammoota biroo wajjin ta’uun garee finxaalessaa kanarratti qabsaa’uun nagaafi tasgabbii biyya kan mirkaneessu ta’uu cimsee hubachiisa.

Bulchiinsa Mootummaa

Naannoo Oromiyaa

BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015

Recommended For You