
Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad dhaabbii biqiltuu Wiixata darbe guutuu biyyaatti sirna ho’aadhaan adeemsifame ilaalchisuun guyyicha duraafi booda ergaawwan ciccimoo adda addaa dabarsaati kan turan. Kanneen keessaa:
Kaayyoo riikardii cabsuu
Dhimmi Ashaaraa Magariisaa dhimma Itoophiyaa eeguu, kabajuufi badhaadhomsuuti. Dhimma seenaa jijjiiruuti. Dhimma darbanii dhalootaaf yaaduuti.
Guyyaa sochiiwwan hawaasummaafi amantaarraa bilisa ta’e kan filanneef lammiin Itoophiyaa guyyaan kun isa jala darbu akka hin jiraanneefi. Wiixata kan filanneef jalqaba hojii keenyaa uumama baraaruudhaan akka eegalluufi.
Dorgommiin keenya matuma keenya waliini. Naannoleen, godinaaleen, aanaaleefi gandoonni isa bara darbee caalaa dhaabuudhaan riikardii mataasaanii akka cabsan amanna. Tokkoon tokkoo keenya riikardii mataa keenyaa cabsuu qabna.
Rakkinni riikardii mataasaa akka cabsu hayyamuufi hin qabnu. Rakkinni riikardii mataasaatii yoo cabse mo’amneerra jechuudha. Rakkina kan mo’annu duraan dursinee riikardii mataa keenyaa, ittaansinee kan naannawa keenyaa, dhumarrattis riikardii addunyaa yoo cabsineedha.
Ani bor irra deddeebiidhaan dhaabuuf qophaa’eera. Isinoo?
Bor, Adoolessa 10 bara 2015 hamma riikardii mataa keessanii heddumminaan caccabsitanitti biqiltuuwwan dhaabuuf qophaa’aa.
Waamicha biqiltuuwwan miliyoona 500 dhaabuudhaan riikardii mataa keenyaa akka cabsinu dhiyaate fudhattanii kan baatan hundi galatatu isiniif mala. Seenaa magariisaa hojjettaniittu. Seenaa magariisa barreessitaniittu.
Qilleensa jeeqame, dachee golgolaa’e dhalootaaf hindhaalchifnu jettanii, utuu boruun hindiimatiin gara gaarreniifi sululawwaniitti; gara dirreewwaniifi bakkeewwanitti bobbaatanii mukeen miliyoona 566 dhaabdaniittu. Riikardii keessan cabsitaniittu.
Naannolee hundatti, godinaaleefi aanaaleetti mukkeen dhaabamaniiru. Bakkeewwan garaagaraa kuma sagalii ol qophaa’anii turan. Ogeeyyiin miidiyaa 3600 ol guutummaa biyyattiitti bobba’anii turan.
Ogeeyyiin teleefi qonnaa galmeen odeeffannoo kan ammayyoome akka ta’u hojjetaniiru. Taaksiiwwan Finfinnee warra biqiltuu dhaabaniif geejiba tolaa kennaniiru. Daa’imman, haadholiin, abbootiin, miidhamtoonni qaamaa, abbootiin amantaa, heddumminaan bahanii dhaabaniiru. Itoophiyaanotaan har’a seenaan magariisni hojjetameera.
Itoophiyaanonni yoo waltaane riikardii nuti hincabsine hinjiru. Biqiltuuleen miliyoonni 566 ol dhaabaman, rikardiin Itoophiyaanotumaan (miliyoona 350) qabamee ture cabeera.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaa guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 500 dhaabuuf karoorfamee, biqiltuuleen miliyoona 566, kuma 971fi 600 lafa heektaara kuma 302 irra dhaabamuudha. Kan dhaabnu dhaloota dhufuufi jechuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa cimaafi galateeffannaa Wiixata darbe dabarsaniiru.
Finfinneen biqiltuu miliyoona afur dhaabuu karoorsitee miliyoona 4.5 ol dhaabuun seenaa cululuqaa barreessiteetti. Ummanni Finfinnee miliyoona tokkoo ol waamicha Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad fudhatee osoo qorriifi huurriin ganamaa isa hindaangessiin gurmuun bahee sadarkaa biyyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 500 dhaabuuf karoorfame irratti miliyoona 4.5 dhaabuun gahumsaan gaheesaa ba’eera.
Galata
Hojjattoonni mootummaa, kan dhuunfaa, dhaabbileen mitimootummaa, dhaabbileen amantaa, barsiisonni, ogeeyyonni fayyaa, barattoonni, qaamoleen nageenyaa, dubartoonni, dargaggoonni magaalaa keenyaa, abbootiin qabeenyaa, artistoonni, maatiiwwan ispoortii, ogeeyyonni miidiyaa, qaama miidhamtoonni, daa’imman, misirroonni, gootonni, manguddoonni, gorsitoonni, akkasumas ambaasaaddaroonni Finfinnee jiraatan, dippiloomaatonni, hawaasa addunyaa dabalatee iddoowwan qopheessineefitti hirmaannaa cululuqaa taasisaniiru.
Walta’iinsa keenyaan dhaloota dhufuuf uumamaafi madaalliin ishee kan eegame jireenyaafi hojiif Finfinnee mijatte ijaaruu kan nu dandeessisu hojii guddaa hojjanneerra.
Waamicha keenya fudhattanii biqiltuu qopheessuun, imalchiisuufi boolla qotuun dhaabbii biqiltuurratti kan hirmaattan jiraattonni magaalaa keenyaa baga gammaddan, baga gammanne!
Milkaa’ina kanaaf kan tumsitan hunda maqaa koo, maqaa bulchiinsa magaalichaan kabaja guddaa waliin onneerraan isin galateeffadha. Finfinneen ni galateeffatti! Waaqni Itoophiyaafi uummata ishee haa eebbisu!
Yeroo ittaanutti kan dhaabne kununsaafi firiif geessisuun ciminaan tajaajiluu keenya ittifufna jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee.
Raajii hojjechuu
Aadaa qabeenya uumamaa kunuunsuu abboota irraa dhaalameefi duudhaa uumama tiksuu sirna Gadaan utubame bu’ureeffachuun waamichi Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaraafi dachaa mancaatii bosonaatiin hubame misoomsuuf taasise gochatti jijjiirtanii ergama Oromiyaa magariisa uwwisuu eegalame waan dhugoomsitaniif galata guddaan isiniif galchuu barbaada.
Ummanni keenya waamicha mootummaa isaa fudhachuun biqiltuu Ashaaraa Magariisaa akkuma waggoota arfan darbe injifannoo irratti injifannoo guddaa galmeesse bara kanas guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 480 dhaabuuf karoorfannee karooraa ol milkeesseera.
“Boruu keenya har’a haa dhaabnu! Dachee Oromiyaa magariisa haa uwwifnu!” jennee gaafa murteessinu; karoora hiixataa egeree dhalootaa ittifufsiisu gaafa qopheessinu; akkasumaan osoo hin taane ummata raajii dalaguun har’a irra taa’ee dhalootaaf ashaaraa isaa kaa’u, ummata hamma jedhe ga’u isin qabaachuu keenya waan beeknuufi.
Kabajamtoota ummattoota Naannoo keenyaa!
Oromiyaa ni ijaarra, Itoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afrikaas ni tasgabbeessina yeroo jennu tarsiimoo raawwii isaa dursinee qiyyaasneetu. Tarsiimoo qiyyaafame keessaa ammoo tokko dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa yoo ta’u, Oromiyaa ijaaruun hojii boriif bulfamu osoo hin taane hojii itti fufiinsaan raawwatamudha.
Dhimma dhaloota har’aa waliin hojjechuu dhaloota egereef galaa kaa’uu ta’e kana irratti hirmaachuun guddummaa Oromoofi utubaa guddicha Itoophiyaa ta’uu keenya waan mirkaneessitaniif irra deebi’ee isin galateeffachuun barbaada.
Qormaatawwan sababa jijjiirama qilleensaatiin dhufu qolachuuf inisheetiiviin sagantaa Ashaaraa Magariisaa Muummicha Ministeeraa keenya Looreetii Nagaa Addunyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin labsame tumsa ummanni keenya taasiseen gaaraafi dachaawwan onan magariisa akka uffatan, laggeen gogan akka mirgisan taasiseera.
Har’as akkuma kaleessaa ummanni Oromoo daangaa hanga daangaatti biqiltuu Ashaaraa Magariisaa gamtaan ba’ee dhaabuun dafqa isaatiin Ashaaraa yoomiyyuu hin haqamne dhaloota boruutiif haala ajaa’ibaatiin kaa’ee jira.
Biqiltuuwwan har’a dhaabne madaala qilleensaa eeguun gaaddisa ta’ee kan aara itti galfannu, nyaata ta’ee kan soorannu, sabbata dachee ta’ee dhiqama biyyoo to’achuuf kan ooluufi simboo ta’ee dachee keenya kan miidhaksu firiin isaa kan yeroo gabaabaafi dheeraati.
Hojii hanga ammaatti hojjetamaa dhufe kanaanis gaarawwaniifi dachaawwan kaleessa onaa turan har’a lafa bashannanaafi gaaddisa boqonnaa ta’anii yeroo agarru boruu keenya har’a ijaaruu akka dandeenyu nuuf mirkaneesseera.
Raajii ajaa’ibsiisaa kana kan hojjeteefi hojjetaas jiru ummanni keenya adda hunda irratti injifannoo guddummaa isaa madaalu galmeessaafi kan argate ammoo kunuunsee eeggachuun barbaachisaadha.
Duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa boqonnaa jalqabaatiin biqiltuuwwan gosa garaa garaa biiliyoona 13.86 dhaabbatee dhibbentaan 84 latuun bakka dadhabnee, dafqinee dhaabnetti har’a boqochaa jirra.
Kanaanis, hojiin ummata keenya waliin gurmoofnee hojjenne faajjii injifannoo keenyaa olkaasee; gochuu danda’uu keenya addunyaaf kan raggaassisedha. Sagantaa Ashaaraa magariisaa boqonnaa 2ffaatiinis naannoo keenya Oromiyaa magariisummaan uwwisuuf xiyyeeffannaan nihojjetama. Akkuma har’a hojjennee waan karoorfanne milkeessine, biqiltuuwwan har’a dhaabne kunuunsinee oomisha dachaa akka sassaabbannu shakkii hin qabu.
Ummanni keenyas akkuma kanaan dura gochuu akka danda’u mirkaneessetti milkaa’ina argame cimsee hanqinaalee turan waloon sirreessee hojii boruu keenya har’a ijaaruu eegalle milkeessuuf gama hundaan akka tumsu waamichakoo dabarsaa, walii gala qaamoleen milkaa’ina hojichaatiif tumsitan hunduu irra deebi’uun galatoomaa jechuun barbaada jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Milkaa’ina
Sagantaan Ashaaraa magariisaa halkan tokkoo naannolee keenya hundatti gaggeeffamaa ture milkaa’inaan xumurameera. Dandeettiin misoomaa inni guddaan tokkummaafi tumsa keenya.
Milkaa’inni biqiltuu ashaaraa magariisaa yoo waliin hojjettan akka milkoofnuuf agarsiisa guddaadha. Yoo tokko taane, rakkoon nuti furuu hindandeenye hinjiru. Yeroo dheeraa keessatti tokkummaafi tumsa keenya cimsuu qabna.
Biqiltuun har’a carraaqqii waloo keenyaan dhaabnu qabeenya waloo dhaloota dhufuuf dabarsinee kenninuudha. Biqiltuu dhaabuun hojii yeroo tokkoo qofa osoo hintaane akka aadaatti ittifufuun barbaachisa.
Qaamolee akka karoorri dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo milkaa’uuf gumaachan hunda maqaa koofi mootummaa naannichaatiin galateeffachuun barbaada jedhan pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Doktar Yiliqaal Kaffalaa.
Walumaagalatti miirri jaalala biyyaafi tokkummaa guyyicha dhiyaanaafi bunafaa dhiyeessuurraa kaasee mul’ataa ture daran kan namatti tolu waan ta’eef haalli kun dhimmoota walfakkaataa biroorrattis cimee ittifufuu qaba.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 15 Bara 2015
8 Comments to “Yoo walta’ame…”
Comments are closed.