
Manni Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa Odiitarootaa cimsuuf leenjiin guyyoota sadiif kennaa ture dheengadda xumurameera.
Odiitara Ittaanaa mana hojichaa Obbo Tolasaa Abboomaa saganticharratti akka jedhanitti, manni hojichaa uwwisaafi qulqullina tajaajila odiitii guddisuun horataaleen mootummaa kaayyoo taa’eef qofa akka oolu taasisuuf hojjetaa jira.
Odiitarri muummichaa hojii ittifufiinsaan hojjetu keessatti gabaasa odiitii Caffee Oromiyaatiif dhiyeessuun iftoominaafi ittigaafatamummaan akka dagaaguuf tajaajila walabaafi wayitaawaa taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himanii, horataaleen mootummaa naannichaa faayidaa ummataatiif qofa akka oolu gochuun raawwiin manneen hojii mootummaafi dhaabbilee misoomaarratti odiitii gaggeessuun bu’aasaa ifoomsuurratti hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Leenjichi hojiin odiitii qulqullinaan akka raawwatuufi gabaafamu taasisuuf akka galteetti kan gargaaru ta’uu himanii, yaadaafi qeeqa ka’u fudhachuun hojiitti hiikaa deemuunis barbaachisaa ta’uu himaniiru. Hojii odiitii keessatti beekanii, hubatanii waldeeggaraa deemuun daran murteessaadha. Hordoffii taasifameenis argannoo odiitii baraanaatiin qarshiin biiliyoona 7.4 deebi’uu himaniiru jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa gabaaseera.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 22 Bara 2015
12 Comments to “Argannoo Odiitii baranaatiin qarshiin biiliyoona 7.4 deebi’e”
Comments are closed.