Hojiilee guguddoo bara bajataa 2015tti gama dinagdeetiin Oromiyaatti raawwataman keessaa

Caffeen Oromiyaa yaa’iisaa idilee 5ffaa waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa Wixataafi Kibxata darbe Adaamaa, Galma Caffeetti adeemsifateera. Nutis gabaasa raawwii karoora hojiiwwan qaama raawwachiiftuu bara bajataa 2015fi kallattii ijoo bara 2016 pirezidaantii naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin dhiyaate qindeessinee akka ittaanutti dhiyeessineerra.

Caffeen Oromiyaa Mootummaan naannoo Oromiyaa qaama Karoora Imala badhaadhinaa waggaa kudhanii kan ta’e; karoora bara bajataa 2015 Caffeedhaan ragga’e; rakkoolee uumamaafi namtolchee gara garaa keessa taa’uun milkaa’ina hunda galeessa ta’een raawwachuun ummata naannichaa fayyadamaa taasisaa tureera.

Milkaa’inni raawwichaa bara bajataa eeramees sosochii bal’aa ummata naannichaa duudhaafi seenaasaatti akka deebi’uuf sirnoota gara garaa ijaaruudhaan hojiiwwan guguddoo hojjechaa tureefi hundaa olitti karoorawwan hiixatoo qabaman baay’inaan, si’aayinaan, qulqullinaafi yeroodhaan raawwachuuf xiyyeeffannaafi hordoffiin sadarkaa sadarkaan taasifaman kan gumaacha olaanaa galmeessisaniidha.

Bara bajataa 2015tti qorumsi namtolcheefi uumamaan ture waan akka salphaatti ilaalamu ta’uu baatus; hojiilee misoomaa karoorfaman yeroodhaan raawwachuun karoora imala badhaadhina jalqabame milkeessuuf xiyyeeffannaan hojjetameera.

Bu’uura dinagdee naannichaa kan ta’e qonna ammayyeessuuf inisheetiivoota gara garaa hojiirra oolchuudhaan tiraansifoormeeshiinii qonnaa milkeessuun maniiwwan misooma qonnaa qabaman alergii guddisuu, omisha alaa galu biyya keessatti omishuun bakka buusuu, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii bal’aa uumuuf xiyyeeffannaa kennamee hojjetamaa tureen bu’aawwan guguddoon galmaa’uu eegalaniiru.

Haaluma kanaan; bara omisha 2014/15tti qonna gannaatiin lafti hektaarri miliyoona 6.6 (%102.5) midhaan akaakuuwwan adda addaatiin uwwifamerraa omishni kuntaala miliyoona 202.9 (%98.7) argachuun danda’ameera. Keessattuu carraa naannichi qabutti sirnaan fayyadamuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannaa misooma qamadiifi ruuziif kennamee hojii hojjetameen bu’aawwan abdii guddaa kennan galmaa’aniiru.

Misooma qonna gannaa bara omishaa 2015/16 yeroo ammaa gaggeeffamaa jiruun; lafa hektaara miliyoona 8.2 facaafamu irraa omisha kuntaala miliyoona 265.3 argachuuf karoorfamee hojii hojjetamaa jiruun; hanga ammaatti lafti hektaarri miliyoona 7.3 (%89) facaasaaf qophaa’ee hektaarri miliyoona 3.5 (%42) ta’u midhaan akaakuuwwan adda addaatiin uwwifameera.

Misooma qonna gannaa gaggeeffamaa jiru keessatti xiyyeeffannaa makaanaayizeeshiniif kennamee hojjetamaa jiruun; lafa hektaara miliyoona 2.3 tiraaktaraan qotanii facaasuuf karoorfamee lafti hektaarri miliyoona 2.2 (%96) kan qotame yommuu ta’u; lafa hektaarri miliyoona 6.3 kilaastaraan facaasuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti hektaara miliyoona 2.1 (%34) ta’urratti kilaastaraan faca’eera.

Misooma qonna arfaasaa bara omishaa 2015/16n lafti hektaarri miliyoona 1.2 (%109) midhaan akaakuuwwan adda addaatiin uwwifamerraa omisha kuntaala miliyoona 22.6 argachuuf karoorfamee hojii hojjetamaa jiruun; hanga ammaatti callaan kuntaalli miliyoona 7.3 sassaabameera.

Qophii lafaa waliigala qonna arfaasaa taasifame keessaas hektaarri kuma 508.7 (%113) tiraktaraan kan qophaa’ee yommuu ta’u; lafti hektaarri kuma 445.6 (%98) kilaastaraan facaafameera.

Bara omishaa 2015tti xiyyeeffannaa gama makanaayizeeshiniitiin qabame cimsuuf tiraaktaroota 614 (%55)fi kombaayinaroota 28 (%8.8) dhiyeessuun kan danda’ame yommuu ta’u; maniiwwan guguddoo misooma qonnaa dhugoomsuu keessatti dhiyeessiifi ittifayyadamni mikaanaayizeeshinii dhimma ijoo ta’uun hubatamee baay’inaa fi qulqullinaan dhiyeessuurratti hojii bal’aan ammas hojjatamuu qaba.

Qonna hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf carraawwan bishaan lafa jalaafi lafarraa fayyadamuun hojii misooma jallisii hojjetamaa jiruun; bara omishaa 2015tti jallisii idilee marsaa 1ffaafi marsaa 2ffaatiin lafa hektaara kuma 823.2 misoomsuun omisha jallisiirraa callaa kuntaala miliyoona 136.5 argachuuf karoorfamee hanga ammaatti marsaawwan lamaaniin lafa hektaara kuma 785.3 (%95.4) misoomerraa omishni jallisii kuntaala Miliyoona 108.6 (%80) argachuun danda’ameera.

Milkaa’ina guddaa bara omishaa 2015tti argame keessaa inni ijoon misooma inisheetiivii qamadii jallisii gaggeeffamaa ture yommuu ta’u; lafa hektaara miliyoona 1.1 (%110) misoome irraa oomisha kuntaala miliyoona 38.5 argachuuf karoorfamee hanga ammaatti omisha kuntaala miliyoona 37.8 (%98) argachuun danda’ameera.

Hongee deddeebi’ee miidhaa qaqqabsiisaa jiru damdamachuufis; hojiin inisheetiivii pirojektota jallisii Finnaa Oromiyaa hojjetamaa kan jiran yommuu ta’u; pirojektota 72 hojjechuuf karoorfamanii sochii keessa galan keessaa barana pirojektota hidhawwan adda addaa 16 xumuruuf karoorfame keessa 13 xumuramaniiru.

Walumaagalatti; pirojektota Finna Oromiyaa hanga dhuma Waxabajjii 2015tti (%78) irraan gahuuf karoorfame (%60) irraan gahuun danda’ameera.

Haaluma walfakkaatuun; ijaarsawwan pirojektota jallisii akaakuuwwan adda addaa sagantaa mootummaafi qaamolee deeggartootaatiin waliigalaan 306 ijaaramaa kan jiran yommuu ta’u; kanneen keessaa pirojektota jallisii 258 barana giddugaleessaan %58.13 raawwachuuf karoorfamee %25.9 raawwatameen giddugaleessaan %63.9 irra kan qaqqabeefi bara kana pirojektota 147 xumuruuf karoorfamee 137 (%93.2) xumursiisuun danda’ameera.

Hojii jallisii milkeessuu keessatti gaheen dhiyeessiiwwan paampii iddoo olaanaa kan qabu yommuu ta’u; barana paampiiwwan akaakuuwwan gara garaa 15,753 (%78.8) bajata mootummaafi deegarsaalee adda addaatiin dhiyaate raabsuun danda’amee jira.

Hojii misooma sululaa baroota darbanitti hojjetamaa turan ittifufsiisuun bara 2015 keessatti daagaawwan akaakuu adda addaa kiiloo meetira miliyoona 1.01 (%104)fi hallayyaa hidhuu m3 kuma 840.3 (%104) hawaasa miliyoona 6.6 hirmaachisuun kan hojjetame yommuu ta’u; ashaaraa magariisaa barana gaggeeffamuuf biqiltuu bil.4.9 (%102) qophaa’e keessaa biqiltuuwwan akaakuu adda addaa biliyoona 4.5 dhaabuuf karoorfamee sochii hanga ammaatti taasifamaa jiruun biqiltuun biliyoona 1.5 (%33) dhaabbateera.

Omishaafi oomishtummaa bunaa dabaluuf hojii hojjetamaa tureen; bara 2015 keessatti lafa bunaa omisha kennu hektaara miliyoona 1.3 irraa omishni bunaa kuntaala miliyoona 10.3 (%98) kan argame yommuu ta’u; misooma bunaa ganna fuuldura keenyaa dhaabbatuuf biqiltuu bunaa biliyoona 1.3 (%120) qophaa’ee dhaabbiif qaqqabeen; hanga ammaatti biqilituun bunaa biliyoona 1.1 dhabbateera.

Inisheetiivii misooma shaayiitiif xiyyeeffannoo kennamee hojii hojjetamaa jiruun; biqiltuu shaayii miliyona 3.4 qopheessuuf karoorfamee hanga ammatti ciccitaa shaayii miliyoona 4.1 (%118) dhaabbiif qophaa’eera.

Akkasumas; gama misooma muduraatiin sanyii biqilaa muduraa akaakuuwwan adda addaa miliyoona 37.3 qopheessuun kan danda’ameefi kana keessaa inisheetivii avokaadoo, muuziifi paappaayyaadhaan biqilaa miliyoona 8 (%113) qopheessuun danda’ameera.

Gama misooma beeyladaatiin sanyii kormaa doozii miliyoona tokko (%97) dhiyaateen tajaajila mala namaan loon diqaalomsuu gaggeeffamaa tureen; sa’a/raada kuma 523.9 (%101) ta’aniif sanyiin kan kenname yommuu ta’u; qorannoo rimaa gaggeeffameen hanga ammaatti sanyii fooyya’aa kennameen saawwan kuma 308 ta’an rimaa qabachuun isaanii kan mirkanaa’ee fi bara kana keessatti jabbileen sanyii fooyya’oo kuma 223.7 (%90) dhalachuu danda’aniiru.

Omishaafi omishtummaa beeyladaa guddisuuf dhiyeessiin nyaata beeyladaa iddoo guddaa kan qabu ta’uun hubatamee; sagantaa idileetiin misoomni nyaata beeyladaa hektaara miliyoona 5.4 (%92) misoomerraa nyaatni beeyladaa toonii miliyoona 37.6 (%102) omishameera.

Naannawa horsiisee bulaatti hanqina nyaata beeyladaa mul’atu hiikuuf tooftaalee adda addaa fayyadamuun inisheetiivii misooma margaa gaggeessudhaan rooba gannaafi misooma jallisiin oomishuun baankii nyaata beeyladaa akka qabataniif hojii hojjetamaa tureen; waliigalaan lafa hektaara kuma 106.6 misoomsuun marga toonii kuma 208.9 omishuun yeroo hanqinni roobaa mudatu ittifayyadamuuf omishameera.

Gama misooma lukkuutiin barana cuucii guyyaa tokkoo miliyoona 18.7 (%104)fi sookkee killee miliyoona 13.7 (%124) raabsuun danda’ameera. Qabeenya misooma dammaa naannichaa sirnaan fayyadamuuf hojii hojjetamaa jiruun; sagantaa idileefi inisheetiiviitiin gaagura ammayyaa kuma 355 (%109) raabsuun kan danda’ame yommuu ta’u; omishni dammaa toonii kuma 87 (%100.4)fi omishni gagaa toonii kuma 7.3 (%115) omishuun danda’ameera.

Dhiyeessii guddistuu callaa bara omishaa 2015/16n walqabatee; xaa’oo waliigalaa kuntaala miliyoona 9.2 dhiyeessuun raabsuuf karoorfamee; akka waliigala biyyaatti hanqina xaa’oorraa kan ka’e naannichaaf kan hayyamamee bitame kun miliyoona 5.9 yommuu ta’u; kan bitame keessaa kuntaalli miliyoona 3.5 (%60) Oromiyaa qaqqabeera.

Xaa’oo mankuusaa bule dabalatee xaa’oo kuntaalli miliyoona 4.77 waliigalaan dhiyaate keessaa kuntaala miliyoona 3.5 raabsameera. sanyii filatamaa akaakuuwwan adda addaa kuntaalli kuma 370.8 (%36) kan raabsame yommuu ta’u; keemikaalonni liitira miliyoona 2.3 dhiyaatee miliyoonni 1.2 (%63) raabsameera.

Daballii gatii fi hanqina dhiyeessii xaa’oo akka addunyaatti mudate akkuma jiruutti ta’ee; qonnaan bultootni bal’inaan xaa’oo uumamaa qopheessuun akka ittifayyadamaniif hojii bal’aan hojjetamaa kan jiru yommuu ta’u; bara kana kompoostii idilee meetir kuubii miliyoona 96.7 (%97) qophaa’eera.

Karoora imala badhaadhinaa qabanne karaa milkaa’ina hundagaleessa ta’een galmaan gahuuf hojimaata sirna hordoffiifi deeggarsaa qinda’aafi qaqqabamaa ta’e sadarkaa hundatti karaa cimina qabuun hojiirra kan oolu yommuu ta’u; murtoo haqa qabeessa ta’e kennuuf faayidaa ragaan qabu olaanaa waan ta’eef; ragaan naannoo keenyaa teeknooloojiin akka deeggaramu kan taasifamuu fi gama kanaan sirna gaafatamummaa hojiirra oolchuu jalqabame cimee kan ittifufu ta’a.

Karoorri bara bajataa 2016 kun; karoora hiixataafi haala barame keessaa bahuun yaadaafi qophaa’ummaa olaanaadhaan hogganuu kan gaafatu akkasumas imala badhaadhinaa jalqabne karaa qajeeltoo irra kan nu geessisuufi fayyadamummaa uummata keenyaa caalaatti itti mirkaneessinu waan ta’eef; akkuma baroottan darbanii rakkoolee nu mudataniif utuu hinjilbeeffatiin qindoominaan hojjennee imaanaa lammummaa keenya akka baanun dhaama jedhan.

Kutaa Qophiitiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 8 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “Hojiilee guguddoo bara bajataa 2015tti gama dinagdeetiin Oromiyaatti raawwataman keessaa”

  1. Pingback: 海外進出

Comments are closed.