“Bakka yaadame bira ga’uuf qorattoonni miira ‘biyyi kun kiyya, wanti narraa eegamu guddaadha’ jedhuun halkanii guyyaa hojjechuun dirqama” – Doktar Fatoo Esmoo

Inistitiyuutiin Qorannoo Qonnaa erga hundaa’ee waggoota 50 ol lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti hojiilee qonna biyyattii utubaniifi omishaafi omishtummaa qonnaan bulaa dabalan hedduu hojjeteera. Damichi qonna Itoophiyaa utubuu keessatti gahee olaanaa akka taphateedha keessummaan keenya maxxansa kanaa Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa Doktar Fatoo Esmoo kan dubbatan. Gaafdeebii isaan wajjin taasisne akka armaan gadiitti dhiheessineerraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Mee Doktar dubbistoota keenyaan walbaraa!

Doktar Fatoo: Tole. Ani Fatoo Esmoon jedhama. Daarektara Olaanaa Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaati. Kanin dhaladhe dur Godina Baalee kan jedhamuufi wayita ammaa Godina Arsii Lixaa, Aanaa Dodolaa, Ganda Gannata Haaraa jedhamutti. Barnootakoo sadaraa tokkoffaas achumattin baradhe. Sadarkaa lammaffaa ammoo Magaalaa Dodolaattiin baradhe.

Barnoota olaanaas Yunivarsiitii Hawaasaatti akaakuu barnootaa “Agricultural Engineering and Mechanization’dhaan digirii jalqabaa erga fudhadhee achumatti hafee eebbifamee guyyaa tokko booda hojii qabadhe. Ergan waggoota muraasaaf achuma barsiisee boodas digiriikoo lammaffaa Yunivarsiitii Neezarlaandiitti ‘Agriculture and Bio Resource Engineering’n baradhe. Digirii sadaffaas yunivarsiitii biyya Deenmaarkitti argamu ‘Solid Physics and Hydrology’n baradhe. Ji’oota muraasaafis achumatti hojjetaan ture. Boodarra gara Yunivarsiitii Hawaasaatti deebi’ee sadarkaalee garagaraarra hojjedheera.

Bariisaa: Muuxannoon hojii keessan barsiisummaan alaawoo maal fakkaata?

Doktar Fatoo: Ergan Yunivarsiitii Hawaasaatii ba’ee booda gara Dhaabbata Qorannoo Qonnaa Oromiyaatti dhufeen daarektara ta’ee waggoota sadiif ergan tajaajilee booda gara Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa dhufee waggoota sadan darban daarektarummaadhaan tajaajilaan jira.

Bariisaa: Doktar, ijoollummaa keessanitti maal ta’uu hawwaa turtan?

Doktar Fatoo: Ani yeroo baay’ee kanan ta’a, sanan ta’a kan jedhu yaadee hinbeeku. Ergan kutaa 12ffaa ga’ee boodan hakiimafaa ta’uu yaadaa ture. Egaa inni hintaane. Kanaanis maaliif jedhee natti hindhaga’amne. Caalaatti akkan maal ta’uu qaburratti kanin hojjedhe yeroon yunivarsiitii barataa turetti. Barnoota kiyyatti qabxii olaanaa fidee achumatti barsiisaa ta’ee hafuun qaba jedhee murteessee, sanaanis milkaa’e.

Bariisaa: Maatii keessaniif ilma meeqaffaadha, ijoollummaa keessanoo akkamiin yaadattu?

Doktar Fatoo: Abbaafi haadha kiyyaaf ilma jalqabaati. Ana booda kan haadhaafi abbaa tokkorraa dhalanne ammoo sagali; dhiira shaniifi durba afur. Obboloonni kiyya dhiiraa hundi barsiisota yunivarsiitiiti. Warri dubaraas kan sadarkaa lammaffaa barsiisan akkasumas kan baankii keessa hojjetan ni jiru.

Ani ijoollummaan kiyya akkuma ijoollee baadiyyaa maatii kiyyaaf horii tiksaan guddadhe. Ergan mana barumsa galees yeroo boqonnaa kiyyaatti horii tiksaa, hojii qonnaas maatii kiyya gargaaraan guddadhe. Yunivarsiitiillee seenee abbaa kiyya hojii qonnaatiin gargaaraafi tajaajila kennaafiin ture.

Bariisaa: Akkuma nuu kaastan obbolaan keessan isin boodaas barumsaan bakka gaarii jiru. Barnootaaf isintu daandii saaqee? Deggarsi maatiiwoo akkamiin ibsama?

Doktar Fatoo: Anarratti ilaalanii osoo hintaane abbaan kiyya hunduu akka baratu barbaada. Abbaa kiyyatu hundi keenya akka barannu taasise. Ammallee ijoolleen barnootarra jiran ni jiru.

Bariisaa: Seenduubeen barnoota keessaniifi muuxannoon hojii keessanii garri caalu qonnaan walqabata. Mee qonni isiniif maali?

Doktar Fatoo: Qonni wantan ijoollummaarraa qabee beeku, waanin hojjedhe, baradheefi ammas yeroon boqonnaa qabu wantin caalaatti hojjedhuudha. Jiruu kiyya keessatti ani kanin beeku barsiisummaatti aanee qonna. Akkuma qonni lafee dugdaa biyyattii ta’ee, ummanni biyyattii %85 qonnarratti hirmaatu, anis yeroo kiyya harka caalu yoo ilaalame %85 qonnuma; kanaaf anaafis lafee dugdaati qonni.

Bariisaa: Akka nama ogummicha keessa jiruu tokkootti qonna biyya keenyaawoo akkamiin ilaaltu?

Doktar Fatoo: Qonni biyya keenyaa umurii dheeraa kan lakkoofsise ta’us haalota kanaan dura turerraa ka’uun ammayyaa’eera jechuu hindandeenyu. Of booda deebinee yeroo Hayilasillaaseen biyya kana bulchan yoo ilaalle bakki qonni dinagdee keessatti qabu daran xiqqoodha. Ummanni harki caalaan osoo isarratti hirmaatee jiruu hojiiwwan hojjetaman baay’een qonnaaf osoo hintaane indastiriif waan ooluudha. Indastiriidhuma hinjirrerratti imaammata baasu, gargaarsis kan jiru warra qabeenya xixiqqoo qabu osoo hintaane warra gara kaappitaalistiitti guddachuu barbaadaniif ture.

Erga Dargiin dhufees “Lafti qonnaan bulaaf” jedhee kennee qonni xiqqoo xiyyeeffannaa argatus haalli siyaas dinagdee ture waan walhinmadaalleef imaammanni yeroo sana qonna hamma barbaadame deemsisuu hindandeenye. Yaaliiwwan kanneen akka ummanni qonna makaanaayizidii ta’etti akka fayyadamu taasisan jiraatanis hamma barbaadamu hindeemne.

Boodas erga mootummaan ABUT aangootti dhufee qonni dingadee dursuu keessatti xiyyeeffannaa argate. Imaammatawwan, sagantaawwaniifi pirojektonni garagaraa kana deggaranis ba’uun xiqqoo ija banachiisuu eegalan. Qorannoon qonnaas addadurummaadhaan kana akka hogganu yeroon taasifames ni jira. Ta’us qonna qofarratti xiyyeeffatamee dameewwan kaan waan dagatamaniif bu’aan barbaadame hindhufne.

Imaammata haaraa amma jiruun garuu qonna qofa osoo hintaane dameewwan kaaniifis xiyyeeffannaa kennuun hunduma al tokko dinagdee keessa galchuuf hojjetamaa jira. Seektaroonni xiyyeeffannaan kennameefis maanufaakchariingii, teknolojii qunnamtiifi odeeffannoo, indaastiriifi turizimii yoo ta’an kanneen dinagdeetti dabaluun bu’aa olaanaa ni fida, qonnis ammayyaawaa deema. Ammaaf akka addunyaatti yoo of ilaalle sadarkaa gadaanaarra jirra. Yeroo gabaabaa keessatti garuu kun akka jijjiiramu haalota dandeesisantu jiru.

Bariisaa: Qonna biyyattii keessattuu gaheen qorannoo qonnaa akkamiin ibsama, maalis gumaacheera?

Doktar Fatoo: Waan baay’ee gumaacheera. Qorannoon Qonnaa wanti hundeeffameef tokkoffaa, teknolojii maddisiisuun madaqsuudha. Isa booda namoota ittifayyadamanitti beeksisuufi kanneen fudhatama argatan warra baay’isuutti kennuudha.

Isa kana qorannoon qonnaa raawwateera jechuu dandeenya. Haala kanaan sanyiiwwan midhaanii biilaa, agadaa, dheedhii, quyyisaa (dibata), nyaata horiifi kanneen biroo kuma tokko ta’an hedduu gadi dhiisee jira. Akkasumas malawwan qonnaa hedduu gadi dhiifneerra. Akaakuuwwan midhaanii bishingaa, buna, xaafii, misira, baaqelaa, garbuu, qamadii, ocholooniifi kkf hedduu gadi dhiisneerra.

Kanaan alammoo wanti adda nu godhu akka gaanfa Afrikaatti sanyii boqqolloo diqaalome beeksisuurratti hojii guddaa hojjenne. Boqqolloon kun kanaan dura omishtummaansaa kuntaala 10 gadi kan ture 40 ol dabarseera. Kun bu’aa olaanaadha.

Sababnisaas sanyiin omishtummaa waa tokkoo %50n waan dabaluufi. Utuu qorannoon qonnaa waan kana hinhojjenne lafa qonnaa heektaara miliyoona lama ta’u amma qabnurratti gara kuntaala kuma 500 facaasuun doolaara miliyoona 20 ol nu baasisa. Qorannoo qonnaatiin qophaa’uusaatiin garuu kana hambisuun danda’ameera.

Inni biraan kan ittiin beekamnu damee dinagdee aleergii keenyaa kan ta’e bunaani. Bunni keenya waggoota 30, 40 dura dhibeef saaxilamee rakkoo olaanaan isa mudatee ture. Dhibee sana balleessuun bunni keenya bakka amma jirutti akka deebi’uuf qorannoon qonnaa bu’aa olaanaa gumaache. Osoo qorannoon qonnaa gidduu hinseennee bunni keenya silaa yoona lafarraa badee waan alatti erginu mitii kan ofiiyyuu dhugnu hinqabnu ture.

Akkasuma waggoota 10 dura jinjibilarratti rakkoon uumamee ture. Jinjibillis mi’eessituuwwan alatti erginu keessaa kan sadarkaa tokkoffaarratti argamuudha. Sababa dhukkuba mudateen garuu aleergiinsaa dhaabatee ture. Hojii qorannoon qonnaa hojjeteen garuu amma bakkasaa duraatti deebi’aa jira.

Akka waliigalaatti qorannoon qonnaa qonna biyyattii utubuu keessatti hojii guguddaadha kan hojjete. Kanaanis addunyaarraas ta’e biyya keessatti beekamtii arganneerra. Hojii buna dandadamachiisuuf hojjenneen badhaasa qarshiifi waancaa arganneerra. Qamadii ilaalchisees, qamadii waagii dandamatu waan kanaan dura gadi dhiisneef dhaabbata biyya Meeksikootti argamurraa beekamtii arganneerra. Akka dhuunfaattis qorattoonni keenya beekamtiifi badhaasa argatan ni jiru. Biyya keessattis akkasuma badhaasaafi beekamtiiwwan addaddaa arganneerra. Akka waliigalaatti ashaaraa nuti qonna keessatti qabnu xiqqaa miti jechuun ni danda’ama.

Bariisaa: Inistitiyuutiin keessan erga hundeeffamee waggoota 50 caaleeraatii, ammarra kaayyoo dhaabateef bira ga’eera jechuu dandeenyaa?

Doktar Fatoo: Akkuman dura kaasee sadarkaa qonni keenya irra jiru ta’etu malee qorannoon qonnaa keenya waa baay’ee hojjeteera. Garuu akka addunyaatti yoo ilaalle sadarkaa ga’uu qaburra hingeenye. Fakkeenyaaf humna namaa, faayinaansii ,bu’uuraalee misoomaafi wantoota birootiin yoo ilaalle sadarkaa addunyaan ga’erra hingeenye; sadarkaa nuti irra jirru gadaanaadha. Sadarkaa jirru sanarratti waa xiqqoo fooyyessuu yaalleerra jechuu malee akka dhaabbata walfakkaatu biyya biraa jiranitti hojjenneerra jechuu hindandeenyu.

Fakkeenyaaf dhaabbata qorannoo qonnaa Faransaay jiru yoo fudhanne bajatni ramadamuuf, humni namaa achi jiru, teknolojii isaan fidan keenya wajjin baay’ee walirraa fagoo jira. Nuti tokko dhibbaffaasaaniirra hinjirru. Isaan hojiisaanii gara caalu mana yaalii keesatti hojjetaniitu fayyadamaa biraan ga’u. Nuti garuu waan laabraatoorii ga’aa hinqabneef dirreedhumatti yaalla. Isaan baayoo teknolojii sirriitti fayyadamaniiru. Nuti ammoo reefu tokko lama jechaa jirra. Waliigala akka bajataafi humna namaa qabnuutiin homaa hinjennu. Garuu waan itti gammadnee itti quufnu hinqabnu. Karaa dheeraatu nu eega.

Akka biyya Afrikaatti yoo ilaalle ammoo biyyoonni 27, ogeessota PhD qabaatanii yeroo guutuu kennanii mindeeffamaniin dorgomsiifamanii, nuti biyyoota Afrikaa tokko yookiin lama caalla; Ertiraafi Sudaanillee nu caalu. Gama bajataatiin biyyoonni Sahaaraan gadiillee qorannoo qonnaaf bajatni ramadan %1 kan guutu yoo ta’u, keenya walakkaarra jira. Mootummaan waliigaltee biyya Mozaambikitti taasifamerratti dhibbantaa tokko ramaduuf mallatteessus hamma sana ga’uu hindandeenye.

Egaa haala amma jiruun guyyaa tokko sadarkaa sana inuma geenya. Akka waliigalaatti garuu yommuu ilaallu qonna biyya tokkoof hundeen qorannoo qonnaati jechuu dandeenya.

Bariisaa: Yeroo baay’ee komiin damee kanarratti ka’aa ture “qorannoo adeemsifamu sheelfiirra hindarbu” kan jedhudha. Ammawoo kanarratti jijjiiramni jiraa? Qorannoowwan sheelfiirraa bu’anii qonna utubaa jiru jechuu dandeenyaa?

Doktar Fatoo: Kun jechama barame natti fakkaata. Namni baay’een qorannoon biyyattii sheelfiirraa hinbu’u jedha. Qorannoon tokko sheelfiirra jiraatus hojiirra jiraatus haaraan boodaan dhufnaan faayidaa hinqabu. Fakkeenyaaf qamadiin waggaa 10 har’aa baate sheelfiirra jirti yoo jenne teknolojiin isa caalu boodaan dhufeera waan ta’eef sheelfiirraa buusnus homaa gatii hinqabu.

Sheelfiirra jira kan jechisiise isa kana osoo hintaane teknolojiiwwan ba’an guutuun qonnaan bulaa bira deemuu dhabuutiini. Qorannoon ni ba’a haaloota garagaraatiin ammoo gadi bu’uu dhiisu mala. Fakkeenyaaf barana qamadiin gaariidha jedhamee omishaafi omishtummaasaa ilaaluun gadi dhiifame qonnaan bulaan ilaalee fudhachuu dhiisuu danda’a. Yoo kana sheelfiirraa bu’uu hindanda’u jechuudha. Nuti omishaafi omishtummaasaa ilaallee gaafa gadi buusnu qonnaan bulaan ammoo ulaagaa mataasaaniitiin, dhandhama nyaataa, faayidaa hafteewwan omishichaafi kanneen biroo ilaaluun madaalee fudhachuu dhiisuu danda’a jechuudha.

Sababa kanaan qofa osoo hintaane teknolojii ittiin baay’ifne qonnaan bulaa bira geenyu waan hinqabneefis kanneen sheelfiirratti hafan ni jiru. Tokkoon tokkoon teknolojiitiif hirmaattoota shanii ja’aatu jira. Fakkeenyaaf inni nurraa fuudhee sanyii baay’isu yoo bu’aa irraa hinargatu ta’e itti hinseenu. Haala amma jiruun garuu caalaa osoo hintaane muraasatu sheelfirratti hafa.

Inni biraan gatiin teknolojii tokko omishuuf gaafatu qaalii ta’uudha. Fakkeenyaaf dhiheenya kana dabaluu omisha qamadiitiin walqabatee qorannoon dhooftuu qamadiirratti hojjetame tokko akka qonnaan bulaa bira ga’uuf sheelfiirraa fuudhame.

Garuu gatii inni ittiin baay’ifamee qonnaan bulaa bira qaqqabuun gatii omishaa caala. Isa kanammoo qonnaa bulaan keenya al tokkon bitachuu danda’a? inni jedhu yoo ilaalamu ulfaataadha. Amma imaammanni jijjiiramee waan jiruuf mootummaan yoo haala mijeesseef malee kan danda’amu miti.

Bariisaa: Hojii inistitiyuutiin keessan xiyyeeffannaadhaan hojjetu keessaa tokko baayoo teknolojiidha. Mee yaadrimeedhumasaarraa ka’uun faayidaa baayoo teknolojii dubbistoota keenyaaf ibsaa!

Doktar Fatoo: Baayoo teknolojiin waggoota dheeraaf nu waliin ture. Hiikkaansaas amaluma lubbu qabeeyyiitti fayyadamuun bu’aa irraa argachuudha. Fakkeenyaaf raacitiidhuma mana keessatti itti fayyadamnu yoo ilaalle baayoo teknolojii keessa jira. Yeroo ammaa namoonni baayoo teknolojii orgaanizimoota sanyiin dhalootaasaani fooyyeffame (Genetically Modified Organism – GMO) qofa jedhanii fudhatu. Garuu waan baay’ee of keessaa qaba.

Fakkeenyaaf baala mukaa tokko fuudhee amala garagaraatiin baay’isee mukuma haadhoon walfakkaatuufi dhibeerraa qulqulluu ta’een baay’isuun baayoo teknolojiidha. Inni ‘GMO’ jedhamu lubbu qabeeyyii tokko irraa gara biraatti jiinii dabarsuu jechuudha.

Fakkeenyaaf baakteeriyaarraa jiinii fuudhanii boqoolloo keessa galchuu jechuudha. Asirratti maaliif galchine kan jedhu ilaaluu qabaanna. Inni kun jiiniidhuma dabarsuuf osoo hintaane rakkoorraa ka’a. Jiiniin baakteeriyaa keessa jiru lubbuqabeeyyiin dhibee fidan yoo nyaatan ni du’u. Qorattoonni kana ilaalaniitu jiinii sana baakteeriyaarraa fuudhanii gara boqqollootti dabarsan. Sanyii haala kanaan argame yoo ilbiisonni kan nyaatan ta’e sababa jiiniin baakteeriyaa keessa jiruuf ni du’u jechuudha. Akkasumas dhibeen illee miidhuu hindanda’u. Yeroo baay’ee omishoonni akkanaa kan balaaleffatamaniif jiiniin ilbiisota ajjeese kun namarrattis dhiibbaa fiduu danda’a sodaa jedhuuni.

Ta’us teknolojiin kun Ameerikaa keessa gara waggaa 30 turee jira; namoonnis itti fayyadamanii hanga ammaatti wanti irratti dhufe hinjiru. Sanyii akkanaa qopheessuun kan barbaachiseef boqqolloo ilbisoonniifi dhibeen hinmiine uumuufi. Ilbiisonni keemikaalaanillee du’uu didan yommuu mudatan carraan jiru boqqolloo dhabuurra mala kana fiduudha.

Gama kanaan teknoloijichi hanga jiinii sirreessuu (Jean Editing) qaqqabeera. Kana jechuun bakka wayii keessaa jiinii kutanii baasuu jechuudha. Fakkeenyaaf boqqolloodhuma yoo ilaallee jiiniisaa fudhannee barreessuuf osoo yaallee kitaabajiildii 40, fuula kuma tokko tokko qabu ba’uu danda’a.

Kana keessaa kutaadhuma muraasa kutanii baakteeriyaa sanatti galchuudha. Garuu jijjiiramni dhufu guddaadha. Namoonnis kanuma ilaaluuni miidhaa fiduu danda’a sodaa jedhu kan qabaniif. Jiiniin tokkorraa tokkotti darbuun kun uumamaanis ni jira. Garuu gaafa mala namtolcheetiin ta’uusaatu shakkii nama keessatti uuma.

Bariisaa: Sadarkaa biyya kanaatti maalirra jira jechuu dandeenya? Qabataamaadhaan maal ittiin hojjetameera?

Doktar Fatoo: Egaa haaluma irranatti kaasuuf yaaleetti omishawwan dhibeefi ilbiisota dandamatan hojjechuurratti, damee biqiltuu tokkoo muranii biqiltuuwwan hedduu godhuufaa ni hojjenna. Kanas buna, muuzii, anaanaasiifi kanneen biroorratti ni hojjenna.

Kana malee ‘GMO’ kan jenneen boqqolloo tokko yaalaa jirra. Biyya keenya billaachi boqqolloo nyaatu tokko seeneera. Isa kana balleessuuf sanyii boqqolloo kana dandamatu qopheessuun dirqama. Kanaa achi boqqolloo omishuu dhiisuu ykn kemikaala garmalee ittifayyadamuun miidhaa dhufu dandamachuu qofatu furmaata. Kanaaf yaalii taasisaa jirra.

Xaafiirratti ammoo akka lafa hindhoofneef jiinii kuffistu sana keessaa baasuun sirreessan. Akka biyya keenyaatti wanti omisha keessa galee ture jirbiidha. Akka waliigalaatti yaaliiwwan muraasni jiraatanis baay’inaan itti hindeemne.

Bariisaa: Teknolojiin kun biqiloota qofarrattimoo beeladootarrattis ni hojjetaa?

Doktar Fatoo: Beeladootarrattis ni hojjeta garuu naamusnisaa ni dhowwa. Biyyoota kaanitti fakkeenyaaf jiinii hoolaa kutanii hoolaa isa fakkaatu tokko gochuun hojjetameera. Namarrattis hojjechuun ni danda’ama. Garuu seerrisaa hineeyyamu.

Bariisaa: Inni biqiltootarratti hojjetame maaliif akka barbaadametti qonnaan bulaa biratti fudhatama hinarganne? Hubannoo uumuurratti hinhojjennemoo?

Doktar Fatoo: Dhimma kana karaawwan lamaan ilaaluu dandeenya. Inni tokko nutis haala baay’een hinhojjenne. Sababnisaas teknolojiin sun gara kana hindhufne. Inni biraan kanneen ‘GMO’ fudhachuurra harka dhibba keemikaala ittibiifuu wayya jedhan ni jiru. Dhiibbaa keemikaalli sun fidu hubachuu dhabuun yaada kana kaasu.

Warri keemikaala omishanis bu’aan omishasaanii akka gurguramuuf waan barbaadaniif kanarratti hojjetu. Ammarra waan biyya keenyatti hangas mara hinjirrerratti baay’ee dubbachuun hinbarbaachisu. Yeroo sadarkaa yaaliirra dabarree ittiin hojjennu garuu kan irratti hojjennu ta’a.

Bariisaa: Omisha qamadiitiin walqabatee, wayita ammaa biyyattiin alattillee erguu jalqabdeetti. Kana keessatti gaheen inistiitiyuutii keessanii akkamitti ibsama?

Doktar Fatoo: Hojii yeroo dhiheenyaa keessaa ashaaraa guddaa jedhee kanin yaadu tokko hojii qamadiiti. Qamadiirratti waggoota hedduuf yaalaa turree Giddugala Qorannoo Qonnaa Warar qamadii jallisiidhaan omishuun akka danda’amu qorachuun ho’a dandamatanii haala omisha itti kennanirratti mirkaneesseera. Qamadiin jalqaba yommuu facaafamu yoo ho’i hamaan hinmudanne omisha gaarii kennuu dandeessi kan jedhu qoratanii waggoota dheeraaf sadarkaa yaaliirra ture.

Waggaa shan dura mootummaa wajjin dubbatanii, mootummaanis kallattii kana waan qabuuf gara hojiitti galame. Nyaataan of danda’uu, midhaanota alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuu, alergii baay’isuufi carraa hojii uumuun kallattii mootummaa ture.

Kanarraa ka’uun jalqaba isa kamitti seenuu wayya isa jedhurratti yaadamee qamadiirratti hojjechuuf waliigalteerra ga’ame. Booda bakkeewwan sadiitti jechuunis naannoo Somaalee Waabii Shabaleetti, Affaar Awaashittiifi Oomoo Kibbaatti akka yaalamu waliigalame.

Kanaafis wantoota hojjetaman afurtu adda baafame. Inni duraa omishuma ganna jirurratti galteewwan barbaachisan dabaluun omishuu, lammaffaan jallisiidhaan omishuu, sadaffaa lafa bishaan irra ciisu irraa gadi dhimbiibuufi inni afraffaan ammoo lafa dhangaggaa’e deebisanii haaressuudha.

Kanneen afran keessaa salphaa kan ta’u inni jalqabaa, lafa bishaan bona guutuu yaa’a ba’u jallisiin omishu isa jedhu yoo ta’u kan biraan ammoo lafa dura gannaafi arfaasaa itti omishnurratti galteewwan qonnaa hunda fayyadamuun omishuu kan jedhutu jalqabame. Yeroo sana Naannoo Affaaritti Qorannoo Qonnaa Federaalaa, Somaaleetti Sekiretariyaatii Qonnaafi Ministeera Qonnaa akkasumas, Oomootti Seekireteriyaatiin Qonnaa jalqabe.

Haala kanaan inni naannoo Affaaritti heektaara kuma sadiifi 500 irratti jalqabame haala gaariin ga’ee haamame. Lafa gammoojjii ta’eefi mijataa hintaane keessatti omishuun erga danda’amee naannoon biraas omishuu danda’a jechuun muuxannoonsaa babal’ate. Inni bakkeewwan birootti yaalame hanga yaadame bu’aa buusuu baatus kan Awaash gara Oromiyaatti dabarfame.

Oromiyaatti lafa heektaara kuma 20 irratti faca’ee bu’aa argamsiseera. Isa gannaa caalaatti bona omishuun akka danda’amu hubatameera. Sababnisaa kan gannaa rooba to’achuun hindanda’amu. Kan bonaa garuu bishaansaa to’achuu ni dandeenya. Galteewwan qonnaa keessaa tokko bishaani; aduunis waan jiruuf haala mijataa uuma.

Haala kanaan erga bu’aansaa baramee booda waggaa sadaffaarratti heektaara kuma 187 qaqqabe. Muuxannoon kun gara Naannoo Amaaraattis ce’e; naannoleen kanneen akka Somaaleefi Affaaris irra deebi’anii sirriitti hojjetan. Waggaa shanaffaarratti gara heektaara miliyoona walakkaa kan gahe yoo ta’u, barana lafa heektaara miliyoona 1.3 olirratti omishame.

Egaa kana keessatti gaheen qorannoo qonnaa bara baraan jijjiiramaa dhufe. Bara jalqabaa kan qotee, bishaan obaasee, facaasee, hameefi hojii hunda hojjete qorannoo qonnaa federaalaa ture.

Waggaa lammaffaa qorannoo qonnaa Oromiyaa dabalatee qaamolee federaalaafi qonna hirmaachisuun hojjechuu eegalle. Waggaa sadaffaarratti ammoo qotuu, facaasuu, bishaan obaasuufi kkf dhiisee gargaarsa qarshii, sanyii, xaa’oofi deggarsawwan teknikii kennuutti deebi’e. Waggaa afraffaarratti ammoo gargaarsa qarshiillee dhiisee, gara teknikiitti deebi’e jechuudha. Ammattis deggarsa teknikii, hordoffiifi namoota hirmaachisuurratti hojjetaa jira.

Bariisaa: Akkanuma omishawwan kaanis fedhii biyya keessaarra darbanii alatti ergamuun galii biyyaa akka guddisaniif hojii isin qaamolee kaan waliin ta’uun hojjettan maal fakkaata?

Doktar Fatoo: Kanarratti Ministeerri Qonnaa sagantaa ‘ten in ten’ jedhu qaba. Kana jechuun wantoota kudhan waggaa kudhan keessatti of danda’uufi karaa yaa’iinsasaa garagalchuu jechuudha. Isa alaa as dhufu hambisanii asii alatti deemsisuudha. Kunis waggootaan qoqqoodamee taa’eera. Qamadii malee ruuzii, atara gabbataafi midhaanota birootiin akka of dandeenyuuf sagantaan ba’eera.

Hojii kana egaa Ministeera Qonnaa waliin ta’uuni kan hojjetaa jirru. Kana dura hojicharratti waliin kaanuus abbummaan qabatee kan ture qorannoo qonnaati. Kanaaf yoo kufellee yoo ba’ellee qorannoodhuma qonnaatu ittigaafatama qaba ture. Amma garuu muuxannoo duraarraa barachuun qaamoleen hundi irratti hirmaataa jiru.

Bariisaa: Wayita ammaa guutuu biyyaatti hanqinni sanyii filatamaafi xaa’oo bal’inaan mul’ata. Kana hiikuu keessatti maal hojjetaa jirtu?

Doktar Fatoo: Hanqinni sanyii filatamaafi xaa’oo ni jira. Isa kana utuu hinlaaliin dura waggaa 10, 15 har’aa eessa turre kan jedhu ilaaluu qabna. Wanti halkan tokkoon jijjiiramu hinjiru. Yeroo sana sanyiidhuma filatamaayyuu qonnaan bulaan beeku qubaan lakkaa’ama. Amma dhibbaa dhibbatti qonnaan bulaan waa’ee sanyii filatamaa hinbeekne hinjiraatu. Namoonni hundi waan barataniif gaaffii dhiheessu. Gaaffii bal’aa sanammoo humna guyyaa tokkootiin deebisuun hindanda’amu.

Fakkeenyaaf sanyii qamadii ka’umsasaa biyya alaatii fidna. Ishee dirreerra facaasnee, sadarkaalee garagaraa keessa dabartee waggaa 10 booda sanyii taati. Yeroo sanatti kuntaala lama ykn sadii qabaanna. Isa baay’ifnee yeroo gabaabaa keessatti ummata biraan ga’uutu ulfaata. Boqqolloonis akkanuma. Omishaalee garagaraa rakkoo sanyii ka’umsaasaanii hiikuu dandeenya.

Yoo rakkoon kanaa hiikamemmoo sanyii ka’umsaa kennita jechuu miti. Sanyii raggaasifame laatta malee. Sanyii haadhoo, sanyii dhaloota duraa, sanyii raggaasifame jechaa kennama. Kanarraa ka’uun hanqinni sanyii ni mul’ata. Garuu utuu walgargaarree bakkeewwan addaddaatti omishuun danda’amee rakkoo kana hanqisuun ni danda’ama. Nutis haala addaatiin omishtoota sanyii hawaasa keessa jiran waliin ta’uun hiikuuf hojjetaa jirra. Halli qindoomina keenyaa garuu sadarkaa gadaanaarra jira jechuu dandeenya.

Bariisaa: Akka waliigalaatti sadarkaa yaadame bira ga’uuf eenyurraa maaltu eegama jettu?

Doktar Fatoo: Jalqabarra gama mootummaatiin kan jiruun kaasa. Mootummaan qorannoo qonnaa haala addaatiin ilaalee, bajata addaa ramadeefii dandeettisaa cimsuu qaba. Dandeettii jechuunis gama humna namaa, bu’uuraalee misoomaa, dhiheessii lafaafi kanneen kaaniin cimsuu qaba. Qorattoonni ammoo miira “biyyi kun kiyya, wanti narraa eegamu guddaadha” jedhuun halkanii guyyaa hojjechuun dirqama.

Gama qonnaan bulaatiinis qorannoon qonnaa yommuu hojiisaa dhiheessuufi hojjetutti bakkeewwan hedduutti lafarraa dhiibuutu jira. Bulchiinsi magaalaas akkanuma. Lafa nuti waggoota dheeraaf irratti hojjennerraa halkanuma tokkoon nu kaasu. Nummoo laficharraa daataa hedduu sassaabbanna.

Kanaaf dhaabbanni kun dhaabbata ummataa ta’uun hubatamee kununsuu malee dhiibuun sirrii miti. Gibirri kanfalamus hojii hojjennu wajjin madaalamee ilaalcha keessa galfamuu qaba. Akka waliigalaatti qaamoleen hundi akka ijasaaniitti ilaaluun kununfachuun irraa eegama jechuun barbaada.

Bariisaa: Yeroo keessaniif galatoomaa!

Doktar Fatoo: Isinillee guddaa galatoomaa.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 1 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “ “Bakka yaadame bira ga’uuf qorattoonni miira ‘biyyi kun kiyya, wanti narraa eegamu guddaadha’ jedhuun halkanii guyyaa hojjechuun dirqama” – Doktar Fatoo Esmoo

  1. Pingback: kurvana carts
  2. Pingback: hostel bangkok

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *