Yaalaafi ittisa dhibeewwan koleeraafi busaarratti hojjetamaa jira

Finfinnee: Yaalaafi ittisa dhibeewwan koleeraafi busaarratti hojjetamaa jiraachuu Waajjiraaleen Fayyaa Godina Qellem Wallaggaafi Baalee Bahaa ibsan. Hanqinni qoricha busaa mudachuunis ibsame.

Ittigaafatamaa Ittaanaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Qellem Wallaggaa Obbo Yoonaas Ittaanaa addatti ibsa Dhaabbata Pireesii Itophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, dhibee busaa godinichatti mudate ittisuufi yaaluurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Yeroo ammaa dhibeen kun aanaalee godinichaa shan keessatti kan mudate yoo ta’u, dhibeen koleeraa garuu hanga ammaatti mul’achuu baatuus ofeeggannoof hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira.

Akka ibsasaaniitti, aanaalee shananitti namootni kuma lamaa ol dhibichaan kan qabaman yoo ta’u, namootni lama osoo mana yaalaa hinga’in lubbuunsaanii darbuu ibsanii, kanneen hafaniis wal’aansa taasifameen baraaruun danda’amuu dubbatu.

Waajjirri fayyaa godinichaa dhibeen kun guyyaa mul’aterraa eegalee akka hinbabal’anneef koree hundeessuun hojii keessa galamee hojjetamaa jiraachuu himanii, bishaan kuufamaa dhangalaasuu, ittifayyadama saaphana bookee busaarratti hojii hubannoo uumuufi yaaluu taasifamuufi kanaanis tatamsa’inni dhibichaa akka hinbabal’anne ibsu.

Rakkoon itti fayyadama saaphana bookee busaa hawaasa biratti hanqina qabaachuufi hanqinni qorichaa akka rakkootti adda ba’uu himanii, hubannoo saayinsii duraan tureen bookeen busaa dabarsitu halkan qofa nama ciniinti yaadi jedhu jiraatus guyyaas kan ciniintu argamuunshee amalli dhibichaa akka jijjiiramu taasisuu hubachiisu.

Haaluma walfakkaatuun Ittigaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Baalee Bahaa Obbo Asaffaa Mokonnin gama isaaniin, dhibeen koleeraa baatii sadii dura aanaalee godinichaa sadii keessatti namoota 500 irratti akka mul’ate himanii, namootni dhibee kanaan mana yaalaa utuu hinga’in lubbuunsaanii darbes sagal ta’uu ibsu.

Yeroo ammaa garuu dhibeen kun godinichaa baduu eeranii, deebi’ee akka hinkaaneefis namoota kuma 400 ol ta’aniif talaalliin akka laatame ibsaniiru.

Dhibichi mudatee kan ture sababa hongeefi haqina bishaan qulqulluu dhabuun walqabatee ta’uu himanii, dhibeen busaa godinichatti mudachuu baatus dhibeewwan lameenirrattuu hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daarektarri Daarekitoreetii Hoggansa Balaa Tasaa Fayyaa Hawaasaafi Qorannoo Fayyaa Obbo Gammachuu Shuumii akka jedhanitti, dhibeen koleeraa naannoo Oromiyaatti erga mul’atee baatii kudhan lakkoofsiseera. Dhibeen kun bakkeewwan hanqinni bishaanii itti mul’atu aanaalee gammoojjii ta’aniifi rakkoon nageenyaa jiru tokko tokkotti bal’inaan mul’achaa tureera.

Akka ibsasaaniitti, dhibeen kun godinaalee saddeetiifi bulchiinsa magaalaa tokko keessatti namoota kuma ja’aafi 700 irratti mul’ateera. Dhibee kana to’achuuf wiirtuu tajaajila wal’aansaa hundeessuun hawaasni qulqullina naannawaasaa akka eeggatuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamaniiru. Dhibee kana ittisuuf namoota miliyoona tokkoo oliif talaalliin ittisa dhibee koleeraa kennameera; hojii hanga ammaatti hojjetameen facaatiin dhibicha xiqqeesuun danda’ameera.

Ammas taanaan bakkeewwan muraasa keessatti darbee darbee mul’achaa jiraachuu eeranii, biiroonsaanii ittisaafi yaala dabalatee tajaajila kennaa tureera ammas kennaa jiraachuu dubbatu. Hawaasni tatamsa’ina dhibee kanaa to’achuuf qulqullina dhuunfaafi naannawaasaa eeggachuudhaan gumaacha irraa eegamu ba’uu akka qabu dhaamu. Hojii walfakkaatuun Godina Baalee Bahaatti tatamsa’ina dhibee koleeraa to’achuun akka danda’ame akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Haaluma walfakkaatuun weerarri dhibee busaa Oromiyaa Lixaa godinaalee Qellam Jimmaafi Iluu Abbaa Booraa akkasumas godinaalee Gujii lixaa, Arsii lixaa jiraachuu himanii, keessumaa yeroo ammaa kana Godina Qellam Wallagaa, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaafi Horroo Guduruutti namootni dhibee busaan qabamanii tajaajila wal’aansaa argaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Weerarri dhibee busaa erga uumamee waggaa tokkoo ol lakkoofsisuu himanii, akka biirootti namooti dhibee kanaan qabaman tajaajila wal’aansaa akka argataniif hojii bal’aan hojjetameera. Haata’u garuu rakkoo nageenyaa jiruun walqabatee hojiin ogeessa fayyaafi hawaasaan hojjetamu hanqina qabaatuus Dhaabbilee Fayyaa Addunyaafi dhaabbilee miti mootummaa garagaraa waliin ta’uun dhiyeessiin qorichaafi tajaajilli wal’aansaa dhiyaachaa jiraachuu himaniiru.

Bakkeewwan qaqqabamuu hindanda’amne tokko tokkotti namootin dhibee busaan lubbuunsaanii darbe jiraachuu himanii, waqtii gannaa waan ta’eef faalama naannawaafi bishaanii akkasumas maddoota nayaataa walqabatee danfisuufi bilcheessuun hawaasi dhibeewwan daddarboo ofirraa ittisuu qaba jedhaniiru. Bishaan kuufame dhangalaasuudhaan bakka walhormaata bookee busaa akka dhabamsiisuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 24 Bara 2015

Recommended For You

16 Comments to “ Yaalaafi ittisa dhibeewwan koleeraafi busaarratti hojjetamaa jira

  1. Pingback: ltobet
  2. Pingback: steenslagfolie
  3. Pingback: HUAYDEE
  4. Pingback: phishing links
  5. Pingback: Post Cycle Therapy
  6. Pingback: go88
  7. amoxicillin 500 mg brand name [url=http://amoxilcompharm.com/#]order amoxicillin online[/url] buy amoxicillin online uk

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *