Finfinnee: Qaala’iinsi gatii timaatimiifi shunkurtii rakkoo dhiyeessii osoo hintaane rakkoo hojmaata daldalaa keessatti mudate ta’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Bariisoo Fayyisaa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, omishni kuduraalee garagaraa naannichatti yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Bara bajataa 2015tti timaatimii kuntaala miliyoona 5.2fi shunkurtii kuntaala miliyoona 8.6 omishuu danda’eera.
Godinaalee hundatti kuduraaleen omishamaa jiru. Barana godinaaleen Booranaafi Gujii kan kanaan dura kuduraalee omishuun hin beekamneyyuu omishuutti jiru. Godinni Shawaa Bahaa aanaan Booraa akka biyyaattis ta’ee akka Naannoo Oromiyaatti omisha kuduraafi muduraa beekamus hojiitti jira.
Ta’us osoo omishni baay’inaan jiru sababoota rakkoolee adeemsa bittaafi gurgurtaarraa kan ka’e qaala’iinsi gatii timaatimiifi shunkurtii yeroo ammaa daran dabaluun jireenya lammiileerratti dhiibbaa uumaa jiras jedhaniiru.
Akka ibsa Obbo Bariisootti faddaltonniifi daldaltootni gatiin isaan namoota omishan irraa ittiin bitaniifi ittiin gurguran tasuma kan walhinmadaalleedha. Hojmaata badaan daldala keessa jiru akkasiin akka biyyaatti qaala’iinsa gabaa kuduraaleef sababa akka ta’an adda baasuun sadarkaa biyyaatti tarkaanfileen garagaraa fudhamaa jiru. Qajeelfama rakkoon qaala’iinsaa kun ittiin sirratu baasuufis mariin taasifamaa jira.
Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Booraarraa dhimma kanarratti kan dubbisneefi omisha kuduraaleerratti kan bobba’an Amaanu’eel Lammaa akka ibsanitti, rakkooleen akka keemikaala farra dhibee kuduraalee dhabuu, sanyii dhukkuba dandamatu dhabuu, hanqinni xaa’oofaan barana omishaafi omishtummaan kuduraalee akka xiqqaatu taasisaniiru. Sanyiin timaatimii biyya keessaa dhibee Liif ispoit (Leaf Spot disease) jedhamu ykn dhukkuba baala irraa harcaasu dandamachuu dadhabaa jira.
Gatiin sanyiin dhibee kana dandamachuu danda’u biyya alaatii galuun daran olaanaa waan ta’eef qonnaan bulaan sanyicha bitee omishuu hindandeenye jedhanii, sababuma kanaan omishni timaatimii akka hir’atu taasisuu dubbataniiru.
Kanarraa kan ka’e qonnaan bulaa kana dabalatee qonnaan bultootni toorasaanitti argaman osoo dhukkubni kun hindhufin heektaara tokkorraa giddugaleessaan hanga konkolaataa fe’iisa afurii argachaa kan turan amma garuu heektaara tokkorraa yoo baay’ate hanga lamaa qofa argachaa akka jiranis ibsaniiru.
Omishni shunkurtiis dhibee fangaasiitiin jalaa miidhamaa jiraachuus eeranii, gatiin keemikaala farra fangasichaa daran waan qaala’eef qonnaan bulaan hanga ittifayyadamuu qabu fayyadamaa hinjiru jedhan.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 24 Bara 2015
9 Comments to “ “Qaala’iinsi gatii timaatimiifi shunkurtii rakkoo hojmaata daldalaatiin mudateedha” – Biiroo Qonnaa Oromiyaa”