Finfinnee: Hojii tola ooltummaa dargaggootni naannichaa bara kana hojjetaniin baasii qarshii biliyoona 3.1 baraaruun akka danda’ame Waldaan Dargaggoota Oromiyaa beeksise.
Pirezidaantiin Waldichaa Dargaggoo Kadir Indaalkaachoo akka Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf himetti, hojii tola ooltummaa dargaggootni naannichaa barana hojjetaniin baasii qarshii biliyoona 3.1 baraaruun danda’ameera. Dargaggootni miliyoona 9.2 hojii tola ooltummaa akaakuuwwan hojii garagaraarratti hirmaataniiru.
Akka ibsasaatti, baatii Waxabajjii 2014 irraa eegalee haga Fulbaana 2015tti dargaggoota miliyoona saddeet ta’aniif hojii tola ooltummaarratti hirmaachisuuf karoorfamee dargagoota miliyoona 8.2 sagantaa kanarratti hirmaachisuun danda’ameera.
Haaluma walfakkaatuun saganataa bonaatiin dargaggoota miliyoona 1.5 hirmaachisuuf karoorfamee dargaggoota miliyoona 1.2 hirmaachisuun hojii bu’aaqabeessa hojjechuun akka danda’ame ibsee, waliigalaan dargaggoota miliyoona 9.2 qooda fudhachuu himeera.
Gama hojii namoomaatiin mana harkaqal’eeyyii kuma saddeetiifi 695 ijaaruufi haaressuun namoota kuma 14fi 340 fayyadamoo taasisuu eeree, arjooma dhiigaa yuunitii kuma11 sassaabuufi riqichoota naannawasaaniitti argaman kuma tokkoofi 263 suphuun hawaasa fayyadamaa gochuusaanii ibseera.
Gama hojii ashaaraa magariisaatiinis biqiloota miliyoona kuma 441 dhaabuun biqiloota duraan dhaabaman miliyoona 375 kunuunsuu kan ibse pirezidaantichi; hojii tola ooltummaa dargaggootaatiin baasii qarshii biliyoona 3.1 baraaruun namoota miliyoona 22, kuma 658fi 776 fayyadamoo taasisuu dubbateera.
Ganna kanattis dargaggoota miliyoona sagal hojii tola ooltummaarraatti hirmaachisuun baasii qarshii biliyoona sadii hambisuun namoota miliyoona 18 caalan fayyadamaa taasisuuf hojjetaa jira.
Tibba keessa jirru kanatti hojii biqiltuu dhaabuu, mana harkaqal’eeyyii suphuu, riqicha ijaaruu, daandii miidhame suphuu, arjooma dhiigaa, aadaa hojii cimsuu, ‘HIV’fi balaa tiraafikaarratti hubannoo uumuufi barnoota dabalataa kennuurratti bobba’uuf qophiin xumuramuus Dargaggoo Kadir beeksiseera.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 24 Bara 2015
3 Comments to “ Hojii tola ooltummaa dargaggootaatiin Oromiyaatti baasiin qarshii biliyoona 3.1 baraarame”