Finfinnee: Haalli nageenyaa Naannoo Amaaraa yeroo ammaa fooyya’aa waan ta’eef sochii qonnaarratti dhiibbaan uumame akka hinjirre Biiroon Kominikeeshinii Naannichaa ibse.
Hogganaan biirichaa Obbo Gizaachoo Mulunaa ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, nageenyi naannichaa akka jedhamu osoo hintaane ummatni hojii qonnaa dabalatee hojii idileesaa karaa nagaan adeemsifatee jira. Haa ta’u malee, rakkoon hanqina xaa’oo bal’inaan jira. Raabsa xaa’oo gufachiisuuf qaamoleen sochii taasisan jiraachuun hubatamee tarkaanfiin fudhatamaa jira.
Ummatni naannichaa fuulasaa gara misoomaatti deebisuun hojii qonnaa finiinsaa jiraachuufi akka olola miidiyaa hawaasaa osoo hintaane bakka rakkoon nageenya jirutti hojii seera kabachiisuu hojjechaa, godinoota hedduutti garuu haala nageenyaa mijataa jiruun sochiin misoomaa taasifamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Fedhii xaa’oof naannichi qabu kuntaala miliyoona 9.2 keessaa kan hanga ammaatti argame kuntaala miliyoona 5.5 ta’uus himanii, hanqinni akkuma jirutti ta’ee isa argame qixa sirriin qonnaan bulaa biraan ga’uurratti hanqinaaleen adda ba’anii irratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka ibsa Obbo Gizaachootti, godinaaleen omishawwan xaafiifi qamadiin beekaman Gojjam Bahaa, Walloo Kibbaafi Shawaan Kaabaa ammaan tana xaa’oo atattamaan barbaadu. Fedhii jiru guutuuf xaa’oon federaalarraa guyyaa guyyaatti gara naannichaatti ergamaa jira.
Misooma ashaaraa magariisaa mirkaneessuuf akka naannichaatti biqiltuu biliyoona 1.7 dhaabuuf karoorfamee hanga ammaatti biqiltuun biliyoona 1.6 dhaabamuufi ammas hojiin dhaabbii biqiltuu ittifufeera,
Kan nageenya kabachiisu, hojii nageenya kabachiisuu, kan hojii misoomaatti jiru hojii misoomaa cimsuu qaba kan jedhan hogganaan kun, ummatni naannichaas dheebuu misoomaafi nageenyaaf qabu gonfachuuf fuulasaa guutummaatti gara misoomaafi nageenyaatti akka deebisu gaafataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 24 Bara 2015
4 Comments to “ “Fedhii jiru guutuuf xaa’oon guyyaa guyyaatti gara naannichaatti ergamaa jira” – Obbo Gizaachoo Mulunaa”