Finfinnee: Oromiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa milkeessuuf ganna baranaa biqiltuu biliyoona 4.4 dhaabuuf sochiirra jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa ibse.
Biirichatti Daarektarri Misoomaafi Kunuunsa Bosonaa Obbo Katamaa Abdiisaa ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin; karoora dhaabbii biqiltuu kana milkeessuuf sanyiiwwan biqiloota adda addaa kuntaala kuma 10 qopheessuuf karoorfamee karooraa ol kuntaala kuma 12 qopheessuun danda’ameera jedhan.
Hanga ammaatti boolli biqiltuu biliyoona 2.2 qophaa’uu ibsanii; kan hafes torbee dhufurraa eegalee akka qophaa’uufi biqiltuuwwan miliyoona 200 ol ta’anis godinalee gara garaatti dhaabamuu yaadachiisaniiru. Akka isaan jedhanitti, sagantaa ashaaraa magariisaa kana keessatti biqiltoota nyaataaf oolan kanneen akka avokaadoo dhaabuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira. Avokaadoo qulqullinaan misoomsanii gabaa alaatiif erguuf inisheetivii bocamee hojjiitti galameera. Bu’uuruma kanaan ganna bara kanaatti biqiltuu avokaadoo omisha alergiif oolu miliyoona lama dhaabuuf hojjetamaa jira.
Haalli qilleensaa biqiltoota adda addaa omishuuf mijaa’u, lafa bal’aa biqiltootni irratti dhaabaman jiraachuun, dhimma ashaaraa magariisaarratti hubannoon ummataa dabalaa dhufuun wantoota sagantaa ashaaraa magariisaa kana milkeessuuf kan gargaaran keessaa isaan muraasa jedhan.
Jijjiirrama qilleensaa tasgabbeessuufi dhiqama biyyee hir’isuun omishaafi omishtummaa qonnaa dabaluuf gaheen ashaaraa magariisaa olaanaadha kan jedhan Obbo Katamaan; gama wabii midhaan nyaataa mirkaneessuutiinis iddoo guddaa akka qabu dubbataniiru.
Carraa hojii gama sagantaa ashaaraan magariisaatiin uumamus waggaa waggaan dabalaa jiraachuu himaniiru.
Gama latiinsa biqiltoota dhaabamaniin walqabatees Obbo Katamaan akka dubbatanitti, biqiltuun akka latuuf hojiin kunuunsa biqiltuu karaa duulaafi idileetin raawwatamaa jira. akka naannoo Oromiyaatti biqiltuuwwan bara 2014 dhaabaman kunuunsuf yeroo lama duulli kunuunsa biqiltuu labsamuun hojjetameera.
Kanarraa kan ka’e dhibbantaan latiinsa biqiltuu naannicha keessatti dabalaa jira. Biqiltoota bara 2014 dhaabbatan keessaas harki 88 lataniiru.
Naannichi hojii ashaaraa magariisaatiin hojii muuxannoo haala biyyattii bira darbee addunyaaf fakka ta’uun hojjetamaa jiras jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 26 Bara 2015
One Comment to “ Oromiyaatti barana biqiltuu biliyoona 4.4tu dhaabama”