Ce’umsa dinagdee qonnarraa gara indaastiriitti taasifamaa jiru makaanaayzeeshinii ammayyaatiin deeggaramuun jijjiiramoota gara garaa argamsiisaa kan jiru yoo ta’u, imala misooma indaastirii utubuu keessattimmoo qonna cinaatti hojiileen kalaqaa babal’achuun murteessaadha.
Hojiileen kalaqaa kunneen agarsiisaaf qofa kan dhiyaatan osoo hintaane rakkoo hawaasaa qabatamaan furuu hudhaa dinagdee biyyaa booddeetti harkisaa jiru buqqisuu keessatti gaheesaanii akka bahataniif toorri xiyyeeffannoo taa’ee rratti hojjetamaa ture.
Ummanni Itoophiyaa dandeettii waa kalaquu durumaanuu kan qabu yoo ta’u ilaalcha gadi qabaa namoonni muraasa maddisiisaniin kan wayyaa dhahu, kan sibiila tumu, meeshalee qonnaa hojjetu qorichoota aadaa kalaqan itti maqaa yaraa maxxansuun hamilee buusanii guddina dinagdee gama kanaan jijjiirama fiduu danda’u quucarsaa turaniiru.
Kan wayyaa dhahuun bullukkoo, qoloo, wandaboo, gonnoffeefi kanneen biroo qullaa uwwisuufi miidhaginaaf oolan kalaqee gabaaf dhiyeessu kanaaf silaa kabajaafi kaffaltii guddaatu malaaf ture maqaa gadi qabaatiin akka waamamu taasisuun hamilee gadibuusanii hojicha bishaan nyaachisuun ni mul’ata.
Kan sibiila tumee haamtuu, qarabaa, qottoofaa omishee warraaqsa dinagdee qonnaa utubu tumtuu jechuun gadi qabuuf yaaluun hudhaa dabalataa guddina dinagdee gama kanaan dhufuuf sakaallaa ta’aa tureera.
Hudhaaleen kunniin ammallee guutummaatti kan hincabne yoo ta’u, sochiin kalaqxoota jajjabeessuu amma gama mootummaatiin eegalame Itoophiyaaf daandii milkaa’ina badhaadhinaa akka ta’e Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmd dubbataniiru.
Dorgommii Ogummaa Biyyaalessaa 3ffaa tibbana Finfinneetti qophaa’erratti dargaggoonni hedduu maashinoota bu’aalee kalaqaa gara garaa qabatanii kan argaman yoo ta’u, hojiileen kunniin imala badhaadhina biyyaa mirkaneessuu dinagdee biyyaa ol guddisuu keessatti bakka olaanaa kan qabu ta’uus kaasaniiru.
Guddina dinagdee biyya tokkoo humneessuu keessatti alaa galchuu hambisuun alergii dachaan dabaluun isa ijoodha kan jedhan Doktar Abiyyi, bu’aaleen kalaqaa hedduu abdii kan namatti horan waan ta’eef Itoophiyaaf boqonnaa haaraa ta’uu eeru.
Dinagdee biyyaa humneessuu keessatti damee indaastirii, qonna ammayyaa, albuuda baasuu, ijaarsaafi indaastirii babal’isuun isaan ijoo ta’uullee dubbatanii, akka kun lafa qabatuuf gamanumaa irratti hojjetamaa jiraachuufi ammas cimuu akka qabu kallattii kaa’aniiru.
Bu’aaleen kalaqaa callisee agarsiisaaf qofa kan dhiyaatan osoo hintaane qulqullinaafi sadarkaan madaala keessa galee kan alaa galu hambisuun biyyaaf sharafa alaa kan argamsiisuu qabu ta’uu qaba jedhu.
Itoophiyaan albuudawwan gara garaa qabdu biyya keessatti teknolojii ammayyaatiin dhiyeessii dabaluun gabaa alergiif dhiyeessuu osoo maltuu dhagaa miidhagina ijaarsaaf oolu alaa galchuun rakkoo cimaa dinagdeeshee hubaa jiruudha.
Waggaa 150 dura tajaajilli geejjibaa biyyattii farda ture. Farda leexaaf kooraan barbaachisaa ta’uu ofii irra gahee hojjechuun salphaatti farda yaabbachuufi irraa bu’uuf akka gargaarutti hojjetee dhamaatee salphiseera.
Kun ogummaa alaa fudhate osoo hintaane ganamuma abbootiisaarraa dhaalee bilchina qorqalbiisaatiin kalaqee dhamaatee salphifachuurra darbee madda galiisaa godhatee hojjetaa tureera.
Bu’aan kalaqaa kan amma babal’ataa jirus teknolojiin kan deeggarame dhamaatee kan salphisu, baasii omishaalee teknolojii gara garaa alaa galchuuf gaafatamu kan maqsuufi biyyaafis warraaqsa dinagdee eegalame utubuu keessatti bakka olaanaa kan qabuudha.
Rakkinni furmaata dhala kan jedhamuufis kanuma namni sammuufi ogummaa qabutti fayyadamee rakkoo isa mudateef furmaata uumuu danda’a.
Yeroo ammaattis meeshaaleen dargaggootaan kalaqamanii dorgommiif dhiyaatan hedduunsaanii Itoophiyaaf abdii badhaadhinaa ta’uu akka danda’an himu Doktar Abiyyi.
Bu’aaleen kunniin qonna keenya kan ammayyeessan jechuunis makaanaayzeeshinii qonna ammayyaafi indaastirii kan babal’isan waan ta’aniif jajajbeeffamuu qabu jedhu.
Itoophiyaan ogeeyyota ogummaa harkaa qaban hedduu barbaaddi. Ogeeyyonni kunniin meeshaalee gara garaa qulqullinaan omishuun gabaa alergiif dhiyeessuu danda’uu qabu.
Kun akka milkaa’uufis kutannoon akka jirutti ta’ee deeggarsi gama mootummaatiin taasifamu yoo itti ida’ame bu’aan cululuqaa galmaa’uu danda’a jechuudha.
Gama kanaan jalqabbii gaariin mul’atus bakka hojiin dhabe, rakkoon faayinaansii nuu hinguutamne jechuun harkifannaan mul’atu matumaa furamuu qaba. Oggaa rakkoon nu mudatu harka diriirsuu osoo hintaane sammuu ittiin rakkoo sana injifannu qabaachuun fala.
Rakkinni furmaata dhala kan jedhameefis kanuma kan jedhan Doktar Abiyyi, hudhaa numudatuuf sababa dhiyeessuu dhiisnee cabsinee keessaa ba’uuf fala dhahuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Sammuu hojjetee waa uumuu danda’u qabaannee sababa xiqqoo uumnee hiyyuma of nyaachisuun nurra hinjiru jedhanii, qabeenya uumamaa qabnutti fayyadamuun dandeettii kalaqaa keenya itti idaanee dinagdeedhaan of humneessuurra dabarree biyya keenyaaf wabii ta’uun nurraa eegamas jedhan.
Dorgommii bu’aalee kalaqaa dargaggoonni qabatanii dhiyaatan, meeshaalee midhaan facaasan, kan buna itti qulleessan tiraaktara, konkolaataa, maashinii biddeena tolchu, maashinoota gara garaa qulqullina qabaniifi galii argamsiisuu danda’antu dhiyaate.
Dinagdee Itoophiyaa kanneen booddeeti harkisaa jiran meeshaalee gara garaa alaa galchuuf baasii humnaa olii mudataa jirudha. Kana hambisuuf maashinoonni bu’aalee kalaqaa dargaggoota keenyaa ta’an abdii ta’uu kan himan ammoo Ministira Kalaqaafi Carraa Hojii Uumuu Aadde Mufaariyaat Kaamili.
Bu’aaleen kalaqaa kunniin qulqullinaanis ta’e dandeettiin barbachisummaansaanii biyyarra darbee gabaa alergiif dhiyaatee sharafa alaa argamsiisuu akka danda’aniif xiyyeeffannoo argachuu akka malan kaasaniiru.
Kana jechuun agarsiisaaf qofa kan oolan osoo hintaane kan galii maddisiisan yoo xiqqaatemmoo baasii hir’isuu akka danda’aniif xiyyeeffannoo argachuu akka qaban dubbatu.
Dargaggoonni ga’umsa ogummaa qabu. Ga’umsa kanammoo lafarratti argisiisaa jiru. Kun abdii Itoophiyaan qabduudha jedhanii, muuxannoofi ogummaan kun teknolojiidhaan deeggaramee qulqullinaan baay’atee gabaaf kan dhiyaachuu maludha kan eeran.
Bu’aaleen kalaqaa qulqullina kan qaban, dhamaateefi baasii kan salphisan dinagdee namoota dhuunfaa jijjiiruurra darbanii kan biyyaa utubuu keessatti gahee irraa eegamu akka bahataniif deeggarsi barbaachisu taasifamaa jira ammas ittifufa jedhaniiru.
Guutuu biyyaatti keessatti dandeettiin kalaqaa yeroorraa yerootti babal’achaa jiraachuufi hedduunsaanii galii argamsiisuu kan danda’an ta’uullee Aadde Mufaariyaat kaasaniiru.
Har’a maashinoonni buna qulqulleessan, marga haaman, konkolaataan, tiraaktarri, dirooniin kalaqamanii dhiyaatan kunniin bu’aa dandeettii kalaqaa dargaggoonni Itoophiyaa qaban ifatti kan agarsiisuudha.
Caalaatti hojjechuun sharafa alaa argamsiisuu kan alaa galu maqsuuf ammallee ciminaan hojjechuun murteessaa ta’uus eeranii, warreen caalanii argamaniif deeggarsi barbaachisaan taasifamaa kan deemu ta’uu dubbataniiru.
Walumaagalatti imala badhaadhina Itoophiyaa eegalame milkeessuu keessatti ga’een kalaqxootaa bakka olaanaa kan qabu waan ta’eef of kennaanii hojjechuun dinagdee ofiifi biyyaa humneessuuf cichanii hojjechuun barbaachisaadha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 19 Bara 2015
more https://rybelsus.tech/# buy semaglutide online
rybelsus generic