Fiigichi fageenya kiiloo meetira shanii, “Dursa dubartootaaf” jedhame Finfinnee adeemsifame

Finfinnee: Fiigichi fageenya kiiloo meetira shanii dubartoota qofa hirmaachise Dilbata darbe mataduree “Dursa dubartootaaf” jedhuun Finfinneetti adeemsifameera. Fiigichi godaansa seeraan alaarratti hubannoo gabbisuuf yaadamee qophaa’erratti dubartoonni kuma 15 ol kan argaman yoo ta’u, dhaadannoowwan “Iddoo koo, mirga koofi sagalee koo” jedhu dhageessisaniiru.

Fiigichichi bakka Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeefi Ministirri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Doktar Ergoggee Tasfaayee, Ajajaan Kumaa Atileet Hayilee Gabrasillaasee, Atileet Masarat Daffaariifi namoonni bebbeekamoon biroo argamanitti jalqabeera.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Daa’immanii, Dubartootaafi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee Doktar Haannaa Yashiinugus waltajjicharratti akka jedhanitti, sagantaan godaansa seeraan alaarratti hubannoo kennuuf yaadamee qophaa’e kun miira tokkummaas kan uume ta’uufi godaansi seeraan alaa hidhaa, sarbamuu mirgaafi miidhaa qaamaafi xiinsammuuf nama saaxila. Rakkoon kun keessumaa dubartootarratti daran kan hammaatu ta’uus eeraniiru.

Sababa godaansa seeraan alaatiin gudeeddii, miidhaa qaamaafi xiinsammuu hanga lubbuu dhabuutti dubartootarra gahaa jiraachuu himanii, yoo biyyaa ba’anii hojjechuun barbaachise karaa seera qabeessaan deemuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Dubartoonni fiigichicharratti hirmaatan yaada kennaniin akka jedhanitti, godaansi seeraan alaa gama kamiinuu filannoo biyyaa ittiin ba’amu ta’uu hinqabu. Godaansa seeraan alaatiin daran kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif dubartoonni godaansa seeraan alaa dhiisuun yaada biyya ofiitti hojjetanii jijjiiramuun ni danda’ama jedhu qabaachuu qabu.

Godaansi seeraan alaa miidhaa qabaachuunsaafi keessumaa dubartoota daran kan miidhu ta’uunsaa gaaffii hinqabu. Godaansa seeraan alaa reebicha, gudeeddiifi miidhaa qaamaafi xiinsammuu hanga lubbuun darbuutti qaqqabsiisaa jira. Kanaafuu dubartoonni yaada biyya keessatti hojjetanii jijjiiramuu qabaachuufi yoo biyya alaa ba’uun barbaachises karaa seera qabeessaan qofa ba’uu akka qaban yaadachiisaniiru.

Godaansi seeraan alaa jireenya fooyya’aa jiraachuuf kan abdatamu utuu hintaane miidhaa qaamaafi xiinsammuu gara garaatiif kan nama saaxilu ta’uusaa argineera kan jedhan hirmaatonni fiigichichaa, kanaafuu biyya keenya keessatti hojjennee jijjiiramuu filannoo jalqabaa taasifachuu qabna. Godaansi seeraan alaa keeessumaa dubartoota rakkoolee hawaasummaafi dinagdee gara garaatiif kan saaxilu ta’uu hubannee irraa of qusachuu qabnas jedhan.

Dubartoonni miira biyya koottin hojjedhee jijjiirama jedhu gabbifachuu qabu kan jedhan hirmaattonni fiigicha kanaa, godaansa seeraan alaa ittisuun hojii mootummaan hojjechaa jiru qofaan dhugoomsuu waan hindandeenyeef gahee irraa eegamu bahachuu akka qaban dubbataniiru. Ejensiiwwan namoota gara biyya alaatti erganis karaa seera qabeessaan erguu akka qaban hubachiisaniiru.

Dubartoonni miidhaawwan sababa godaansa seeraan alaatiin qaqqabanirratti hubannoo gahaa qabaatanii akka irraa of eeggatan gochuunis dhimma bal’inaan hojjetamuu akka qabu eeranii, dhimmi kun kan waqtii tokko qofa miidiyaalee gara garaatiin dubbatamee biraa deebi’amu utuu hintaane kan ittifufiinsaan irratti hojjetamuu qabuudha. Godaansa seeraan alaa ittisuun dhimma qaama tokko qofaaf dhiifamu utuu hintaane hundumtuu dhimma kooti jedhee irratti hojjechuu qaba jedhu.

Dubartoonni hojii barbaachaaf seeraan ala gara biyya alaa akka hindeemneef biyya keessatti carraa hojii akka argatan taasisuurrattis xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu kan himan hirmaattonni fiigichichaa, kana malees haalonni adda addaa isaaniif mijeeffamuu qaba. Kanaafuu abbootiin qabeenyaa mootummaafi ummanni dubartootaaf haalota adda addaa mijeessuufiirratti gahee isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban gaafataniiru.

Atleet Madiinaa Iisaa dorgommii fiigicha miitira kuma shanii mataduree “Dursa Dubartootaaf” jedhuun Dilbata darbe Finfinneetti adeemsifame 1ffaa ba’uun kan injifatte yoo ta’u, Atileet Tsiggee Gabrasalaam sadarkaa 2ffaafi Atileet Maliknaat Wudduu sadarkaa 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen qaamolee fiigichicha qopheessan galateeffachuun fayyadamummaafi hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuuf waltajjiiwwan hubannoo uumuu akkasii qopheessuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “Fiigichi fageenya kiiloo meetira shanii, “Dursa dubartootaaf” jedhame Finfinnee adeemsifame

  1. Pingback: Dan Helmer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *