“Kilaboonni Oromiyaa ijoollee Jiddugala Leenjii Kubbaa Miilaa Amboorratti xiyyeeffachuu qabu” –Obbo Tamasgeen Laggasaa Gammachuu

Finfinnee: Tibba darbe barattoonni Manneen Barnootaa magaalota Amboofi Adaamaatti argaman keessaa babahan lama dorgommii manneen barnootaa Paan Afrikaanizimii Taanzaaniyaatti adeemsifamerratti hirmaatanii korniyaawwan lamaaniinuu sadarkaa lammaffaa qabachuun deebi’aniiru. Gaazexaan Bariisaa maxxansasaa torbee darbeetiin dhimmicharratti yaada hoggantuun Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii dursituu garee gara Taanzaaniyaa deemee Saamiyaa Abdallaa dubbisuun dhiyeessee turuun ni yaadatama.

Maxxansa kanaan ammoo barattoonni kunniin akka qabxii gaarii galmeessisanii maqaa biyyasaanii waamsisan gochuu keessatti qooda leencaa kan qabu Jiddugala Leenjii Kubbaa Miilaa Ambootti Daayirektara teeknikii, Obbo Tamasgeen Laggasaa Gammachuu kaleessa dubbiseera.

Ijoollee jiddugalcihatti leenji’aa jiran

Ijoolleen gara jiddugalichaa kan galan guutummaa Oromiyaarraa filatamuuni. Bara 2006 leenjii kennuu kan jalqabe Jiddugalichi, yeroo lama eebbisiiseera. Marsaa sadaffaan barachaa jiru. Kan leenji’aa jiran dubartoota 30fi dhiirota 30 yoo ta’an, ijoolleen kunniin waggoota afuriif leenji’u. Hanga ammaatti ijoollee 120 eebbisiiseera.

Jiddugalli leenjii Naannoo Oromiyaa jalatti bulu kun akkuma Itoophiyaattuu leenjii kubbaa miilaa qofarratti xiyyeeffate kennuun qofagaleessa.

Bu’aa jiddugalichi biyyaaf buusaa jiru

Korniyaawwan lamaan keessaa ijoolleen keenya 56 liigii olaanaa, pirimiyar liigii keessa taphataa jiru. Kanaanis biyyattiif gumaacha olaanaa buusaa jiru. Ijoolleen kunniin kilaboota adda addaa keessa taphataa jiru. Ijoollee dandeettii olaanaa horatanii beekkamtii argataa jiran keessaa kanneen akka Barakat Dastaa (kan marsaa jalqabaatiin eebbifame), gurbaan Kilaba Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaalaa Sabbataatti kaapteenummaan Liigii Pirimiyarii keessa taphataa turefaan ni eeramu.

Kanneen malees warri ammaan kana kilabootatti hammatamanii socho’aa jiran Kilabii Kubbaa Miilaa Magaalaa Adaamaa keessaa Adnaan Rashiid, Boonaa Aliyyii, Eliyaas Laggasaafaan ammaan tana taphattoota urjiidha. Machaal keessaa ammoo Tashoomaa Balaachoofaa eeruun ni danda’ama. Shamarran keessaas akkasuma ijoollee baay’eetu kilaboota adda addaa keessatti hammatamanii biyyasaanii tajaajilaa jiru. Kanaaf Jiddugaleessichis ta’e ijoolleensaa akka biyyaatti waan guddaa gumaachaa jiru.

Bardheengaddaa, bara 2014s ijoolleen dhiiraa 15 akka Oromiyaatti ijoolleen jiddulichi leenjise Mana Barumsaa Awwaaroo bakka bu’anii akka Oromiyaatti darbees sadarkaa biyyaatti waancaa fudhataniiru. Kana malees biyya Koongootti imaluun sadarkaa afraffaa argachuun deebi’aniiru. Ijoolleen kunniin Morokoo, Senegaaliifi Afrikaa Kibbaafaa wajjin dorgomanii haala bareedaadhaan xumuraniiru; maqaa biyyasaaniis waamsisaniiru.

Barana ammoo ijoolleen 22 dorgommii manneen barnootaa Paan Afrikaanizimii Taanzaaniyaatti adeemsifamerratti hirmaachuun qabxii olaanaa galmeessisanii deebi’aniiru. Akka naannoottis shamarran 15 hirmaatanii waancaa fudhataniiru. Darbees akka biyyaattis waancaa dhuunfataniiru. Ijoolleen 15 kunniin dorgommii manneen barnootaa Paan Afrikaa Taanzaaniyaarratti Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaatanii lammaffaa bahanii deebi’an. Kanaanis mana barnootaasaaniif (Mana Barnootaa Awwaarootiif) doolaara kuma 75 argamsiisaniiru.

Yeroo kanatti ammoo Afrikaa bahaa (Seekaafaa) bakka bu’uun tapha guutummaa Afrikaa, Ruwaandaatti adeemsifamurratti dorgomuuf qophiirra jiru.

Dorgommiidhuma walfakkaataa dhiirotaan adeemsifameen waancaa fudhateera. Jiddugalli keenya Awwaaroo bakka bu’ee deemuun 2ffaa bahe. Oggaa gara dorgommii sadarkaa biyyaalessaatti ce’anis ijoollee jiddula keenyaa shan dabalachuun achittis waancaa fudhataniiru.

Dorgommii Taanzaaniyaatti adeemsifamerratti ijoollee akkaadaamichaa torbatu deeme. Dhiironnis akkuma kan shamarranii dorgommii waancaatiif dhiyaatanii liigooreedhaan mo’amanii lammaffaa bahan. Adaamaarraa Mana Barnootaa Gadaa Roobalee bakka bu’anii kan deeman ijoolleen kunniin akkuma kan warra Awwaaroo (Ambo) mana barnootaasaaniitiif doolaara kuma 75 argamsiisaniiru. Walumaagalatti ijoollee 22tu dorgommii manneen barnootaa Paan Afrikaanizimiirratti hirmaate jechuudha.

Xiyyeeffannoo leenjii jiddugalichaa

Jiddugalichi ijoollee umriinsaanii waggaa 16 gadi ta’eefi kennaa qaban, egereef abdatamantu godinaaleefi bulchiinsota magaalaarraa xiyyeeffannoo guddaadhaan filatee fudhata. Leenjii asitti kennamus haala saayinsaawaa ta’een leenjistoota gahumsa qabaniini. Sagantaa leenjii waggaa 1ffaarraa hanga 4ffaatti qoodamee haala saayinsaawaadhaan kennamu qaba, jiddugalichi.

Karoora egeree

Jiddugalichi ammaan tana ijoollee 60 simatee leenjisaa jira. warra amma leenji’aa jiran waggaa 3ffaa keessa jiru. Bara ittaanu xumuranii bahu jechuudha. Sana booda ijoollee haaraa galchina. Waggaa waggaadhaan ijoollee 120 simanna jennee karoorfannus hanqina bajataa wajjin walqabatee milkaa’uu hindandeenye.

Haaluma karoorfanneen otoo ijoollee 120 simannee gaarii ture. Garuu jiddugalichi otoo waan guddaa hojjetaa jiruu konkolaataa sarvisii leenjitoonni dorgommiif ittiin deddeebi’an hinqabu. Kanafaatu hudhaa nutti ta’e malee akka karooraafi fedhii keenyaatti kana caalaa bal’isnee daangaa hanga daangaatti socho’uu dandeenya turre.

Bal’inni mooraa jiddugalichaas gara heektaara 12ti. Ijaarsi babal’isaa gaggeeffamee ijoollee hanga 400 simatee leenjisuu danda’a. Kun garuu akkuman irranatti kaasuuf yaale sababa hanqina bajataatiin milkaa’uu hindandeenye.

Leenjiifi barnoota ijoollee

Jiddugalichi ijoollee hinbaranne hinsimatu. Barachuu qofa otoo hintaane kanneen barnootasaaniitiin ciccimoo ta’aniidha kan fudhannu. Barnoonni ulaagaa tokko jechuudha. Manneen barnootaa wajjin darbee darbee kan nu rakkisu waa’ee jijijjiiramuu dabaree barnootaati. Kanaa achi ijoolleen leenji’aatuma barnootasaanii idilee hordofu jechuudha. Ijoolleen leenjii fudhachaa jiran kanneen barnootasaanii sadarkaa keessa jiraniidha. Ijoolleen sagal ta’an warra hanga 5ffaatti bahaniidha. Ijoolleen keenya naamusaan daran beekamoodha.

Mooraa barnootaaf yoo ta’e mooraa keessaa bahan. Yoo waa bitachuu barbaadanillee eeyyamsiifataniiti. Qo’achuufis laayibirariinis mooraa keessa jira.

Hanqinni hidhannoo ispoortiis leenjicharratti xiqqoo dhiibbaa uumeera. Hanqina kana bajata mootummaa qofaan furuun waan hindanda’amneef waan biyyaafi kilaboota adda addaatiif hojjechaa jirruuf dhaabbileefi namoonni dhuunfaan akka nu gargaaran barbaadna.

Waa’ee jiddugalichaa

Nuti hojii guddaa hojjenna. Kan biraa haa hafuu waantumni barana Taanzaaniyaatti hojjetameyyuu seenaa biyya kanaa keessatti iddoo olaanaa kan qabuudha. Takkaa waanti akkanaa hojjetamee hinbeeku. Hojiifi sochiin jiddugalichaa sirriitti ibsamuufi beekamuu dhabuun nuufis gaaffiidha.

Miidiyaan biyya keenyaa yeruma waan tokko hojjetamu irratti duulanii yeroo hojjetantu mul’atu. Garuu kan keenya bardheengaddaas ta’e barana, sana duras utuma ijoollee ciccimoo horataa jirruu miidiyaan xiyyeeffannaa ga’aa kennaafii hinjiru. Akkuman jedhe waantisaa nuufis gaaffiidha. Gara fuulduraatti ni sirrata jennee yaadna. Kanaafis mariifi qorannoon barbaachisaadha.

Walumaagalatti miidiyaan Jiddugalli Leenjii Kubbaa Miilaa Amboo maal hojjetaa akka jiru otoo qaamaan argamee miil’atee gaariidha. Isinis (warri Bariisaa) haaluma eegaltan kanaan xiyyeeffannaa kennitanii otoo irratti hojjettanii dansa.

Kilaboonni Oromiyaa keessa jiranis ijoolleefi dargaggeessarratti amanuu qabu. Akkuma beekamu kilaboonni keenya baay’een gara duubaatti kan deemaniidha. Warruma guguddaa baatanii naanna’uurra otoo guddattootarratti xiyyeeffatanii gaariidha. kanaafis otoo gara jiddugala keenyaatti goranii bareeda. Keessumaa ijooleen waggaa sadaffaarra jiran daran qaxaleefi ciccimoodha. Bara dhufurraa kaasanii dhufanii akkuma warra biyya alaa ilaalcha otoo fudhatanii gaariidha yaada jedhun qaba; keessumaa kilaboonni Oromiyaa humna qaban.

Charinnat Hundeesaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ “Kilaboonni Oromiyaa ijoollee Jiddugala Leenjii Kubbaa Miilaa Amboorratti xiyyeeffachuu qabu” –Obbo Tamasgeen Laggasaa Gammachuu

  1. Pingback: sex boy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *