Walgahii Gamtaa Afrikaarratti hoteelonni fakkii biyyaa ijaaruufis hojjechuu qabu jedhame

-Walgahichi Guraandhala 8-12tti adeemsifama

 Finfinnee: Walgahii Idilee Mana Maree Raawwachiiftuu 42ffaafi Yaa’ii Idilee Hoggantootaa 36ffaaf koreen biyyaaleessaa hundaa’e qophii damee hoteelaafi turizimiitiin taasifamaa jirurratti dheengadda marii gaggeesse. Kanaanis hoteelonni daldala irra darbee fakkii biyyaa ijaaruuf itti gaafatamummaa isaanii bahuun akka irraa eegamu ibsame.

Baniinsa marii kanaarratti walitti qabduun korichaa Ministir Deetaan Ministira Dhimma Alaa, Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoo akka jedhanitti, konfiraansiin kun kan bara darbee caalaa milkaa’ina fooyya’aa ta’een keessummeessuuf gama hundaan qophiin taasifamaa jiraachuu ibsu.

 Qophichaan qooda fudhattoonni damee hoteelaafi turizimiitiin gahee olaanaa taphatan tajaajila quubsaa keessummootaaf kennuun Itoophiyaan turizimii konfiraansii keessatti caalaatti filatamtuu akka taatu hojjechuu akka qaban himaniiru.

Konfiraansiin kun daldalarra darbee gama fakkii biyyaa ijaaruutiin faayidaa olaanaa waan qabuuf itti gaafatamummaan biyyaaleessa ta’uufi qophiin taasifamuus haala sanaan ta’uu akka qabu akeekaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Turizimii Aadde Salaamaawiit Daawiit gamasaaniin, Yaa’iin Gamtaa Afrikaa dhufu gama turizimii konfiraansiitiin dandeettii biyyattiin qabdu kan itti agarsiifnu ta’uu ibsaniiru.

 Sadarkaa keessummoota konfiraansichaa madaaluunis hoteelonniifi dameeleen tajaajila walfakkaatoo kennan qophii taasisaa jiraachus kaasaniiru.

Keessummoota konfiraansii kanaaf dhufaniif, walgahii kanaan alatti, sagantaawwan daawwannaa magaalaa itti taasisan ministeerichi qopheessuu himu.

Akka Waajjirri Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaa ibsetti marii kanaaf qophiin fayyaa, nageenya, telekoomii, tajaajila balaa ibiddaa, balaa tasaafi tajaajiloota biroorratti mariin taasifameera.

Walgahichis Guraandhala 8-12 Bara 2015 Magaalaa Finfinneetti ni adeemsifama jedhamee akka eegamu Odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa ni ibsa.

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015

Recommended For You