Qabeenya uumamaa kunuunsuun dhaloota dhaalchisuuf

Kutaa qophiitiin

Qabeenya uumamaa kunuunsun dhaloota boruu biyya miidhadguufi jireenyaaf mijattuu dhaalchisuuf galaadha. Qabeenyi uumamaa kennaa uumaan lubbu qabeeyyii hundaaf kenne keessaa isa ijoofi itti fufiinsa jiruuf jireenya dhala namaatiif murteessaa ta’edha.

Biyyoonni Addunyaa qabeenya uumamaa walqixa uumamaan badhaafaman kan qaban yoo ta’eyyuu rakkoo itti fayyadamaafi kenuunsuu irratti jiruun walqabatee biyyoonni baay’een ammatti harka isaanitii waan hinqabneef gammoojjummaafi faalama qilleensaa hamaaf saaxilamuun yaaddoo addunyaa jaarraa kanaa ta’anii jiru.

Haala qilleensaafi goginsaa hamaan biyyoota hedduurratti mul’achaa jiruun lammiileen hedduun rakkoof gadadoo keessa galaniiru. Rakkoo qabeenya uumamaa mancaasuufi kunuunsuu dhabuun muudatu hubachuun bifa walfakkeenya qabuun irratti hojjachuun yeroo ammaa akka biyya keenyaatti murteessaadha.

Biyyi keenya yeroo ammaa erga hooggansa mul’ataa fuulduree biyyaa misoomsuu irratti kaayyeffatee hojjatu argattee as waggoottan arfan darbanitti hojii fakkeenyummaa gaarii qabu hojjechuun akka addunyaatti beekamtii argachuu dandeesseetti.

Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa hanga ammaa hojjetameen galma biyyi keenya diinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaa dandamatu taasisaa jirtu keessatti gumaachi Oromoofi Oromiyaa daran olaanadha.

Hojii hanga ammaatti hojjetameenis, jijjiiramni diinagdee magariisaa mul’achuu egaluun oomishaafi oomishtummaan dabalaa dhufee jira. Isaan kana keessaa oomishni qamadii, kuduraafi muduraan bifa biyya keessatti argamee hin beekneen biyya keenya keessatti oomishamuu eegaleera.

Jijjiirama seena qabeessa diinagdee magariisaa irratti hojjatamaa jiru waloon kunuunsuun gahee nama hundaa ta’uun qixaan hubatamuu qaba. Hojiin ashaaraa magariisaa, misooma sululaafi daagaa hidhuu yeroo ammaa naannoo Oromiyaatti bal’inaan hojjetamaa jiru daran cimsinee itti fufuun jiruuf jireenya gara fuula duraa dhalootaaf mijeessuu keessatti gahee bakka bu’ummaa hin qabne waan qabnuuf mul’ata dhaloota boruu ijaaruuf karoora imala badhaadhinaa biyyi keenya qabattee jirtu milkeessuuf hunduu ga’ee isarraa eegamu ba’uu qaba!

Qabeenya uumamaa kana kunuunsuufi eeguun hojii qaama tokkoon qofa galma ga’u waan hin taaneef kutaaleen hawaasaa hundi abbummaan irratti hirmaachuun mul’ata waloo biyya keenyaa milkeessuuf hunduu bakka jirrutti kutannoon hojjechuu akka qabu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibsa baaseen waamicha dhiheesseera.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015

Recommended For You