Mootummaan naannichaa hojiilee fayyadamummaa ummataa mirkaneessan ni deeggara

Finfinnee: Mootummaan Naannoo Oromiyaa jalqabbii jajjabeessaa fayyadamummaa ummataa guddisuufi raawwii imala badhaadhinaa akka biyyaafi akka naannootti qabame milkeessuuf taasifamu gama hundaan akka deeggaru Pirezedaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Awwaluu Abdii himan

Jilli Obbo Awwaluun durfamu omisha qamadii Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Leeqaa Dullachaatti misoomaa jiru torban kana daawwachuusaa OBN gabaaseera. Aanaa Leeqaa Dullachaa, Ganda Hordaa Qawwisaatti, lafti heektaara 140 qonnaan bultoota Abbootii Warraa 218’n misoomaa jiru jila kanaan daawwateera. Kana malees, Magaalaa Gatamaa Ganda 01’tti qe’ee Qonnaan bulaa Obbo Bayyanaa Hambisaatti hojii horsiisa horii aannanii, fi daragaaggoota hojii oomisha dammaarratti gurmaa’anii hojjechaa jiran dawwachuun jajjabeessera.

Fayyadamummaa ummatichaa guddisuufis ta’ee, imala badhaadhinaa akka biyyaafi akka naannootti qabamee hojjetamaa jiru milkeessuuf jalqabbiin bakka hundatti jiru jajjabeessaa waan ta’eef, milkaa’ina sagantichaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa barbaachisaa akka taasisu kan eeran Obbo Awwaluun, qonnaan bultoonni aanichaas, aadaa qusannaa isaanii gabbifachuun gara makaanaayizeeshiniitti ce’uuf, baay’inaafi qulqullinaan oomishuun dinagdee isaanii guddifachuu akka qaban hubachiisan.

Aanaa Leeqaa Dullachaa, gandoota 16 keessatti lafti heektaarri kuma sadiifi 990 qamdiin uwwifamuu bulchaan aanichaa Obbo Guddinaa Mangashaa himaniiru. Bulchaan Godina Wallagga Bahaa Obbo Waaggaarii Nagaraa gamasaaniitiin, godinichatti nageenyi waaraa akka jiraatuuf xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jiruun cinatti, fayyadamummaa ummatichaa gama misoomaatiin jiru dhugoomsuuf hojii misooma qonnaan qamadiin lafti heektaarri 40 misoomaa jira jedhan.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015

Recommended For You