“Sanyiin kaleessaa firii har’aafi galaa boruuti. Dogoggorri kaleessaa cabiinsa har’aa uumuu isaa hubannee, qaamaa furmaata waaraa fidu cinaa ta’uuf yaa qophoofnu. Yaadaafi humna haaraa qabannee gara fuulduraatti tarkaanfachuuf abdiin haa kaanu. Jijjiirama fooyya’aafi boruu fooyya’aa ta’eef haa carraaqnu. Akka biyyaafi ummataatti kan nu baasu daandii kana” jechuun Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad dheengadda fuula feesbuukiisaaniirratti ibsanii turan.
Wanti tokko yommuu eegalamuuf ka’u ulfaataafi agarsiisa kufaatii fakkaachuu danda’a. namni baay’eenis “lakkii haa hafu” jechuun itti seenuurraa dheessa. Erga itti seenameen boodas bu’aan gaarii takkaadhaan waan hindhufneef “utuu hafeera ta’ee” jechuun ammas biraa deebi’uu filatu. Keessumaa jijjiiramni sirnaammoo bu’aa ykn faayidaan isaa halkan tokkoon hinbeekamu.
Sirni yommuu jijjiiramu barsiifata waggoota dheeraa, ilaalcha, muuxannoo, yaadrimee, hojmaataafi raawwiitu jijjiirama. Kanaaf namoonni dafanii itti madaquuf ni rakkatu. Ministirri muummichaas kanuma hubachuuni yaada irranatti barreeffame kan kaasan.
Keessumaa qormaata seensa yunivarsiitii kutaa 12ffaa kan bara 2014 kennameen walqabatee sirni kenniniinsasaa kan kanaa duraarra adda waan tureef barattoonni, maatiin barattootaafi kutaan hawaasaa hedduun ofitti fudhachuuf sodaatee ture. Kanarraa ka’uun barattoonni manneen barnootasaaniirraa fagaatanii deemuu hinbarbaanneefi maatiin illee akka deeman hinfeene qormaaticha hinfudhatiin hafaniiru.
Sirna kanaan waa baay’eetu jijjiirama. Mataa dhukkubbiin qormaata walirraa galagalchuu waggoota dheeraaf lammiifi biyya kasaarsaa ture, inni dadhabe hafee kan hindadhabne fayyadaa tureefi, haaloonni biroos waliin jijjiiramu.
Tooftaa hanna qormaataa hambisuuf hojiirra oolfameen barattonni %50 ol fidan muraasa ta’uufi barattoonni manneen barnootaa tokko tokkottis guutummaatti darbuu dhabuun hawaasa keessatti naasuu uumeera. Cabiinsi sirna barnootaa har’aa bu’aa daandii jajal’ataa waggootaan kurnaan darban keessa darbameeti. Dhugaan beekamuu qabus, rakkichi halkan tokkotti akkuma hinuumamne furmaannii isaas guyyaa tokkotti dhufuu akka hindandeenyedha.
Kanaaf qulqullina barnootaa jenne bira ga’uuf, inni har’a rakkoo nutti fakkaate kun bor bu’aa inni fidu hubachuuf yeroo fudhachuun barbaachisaadha. Hunduu obsaafi tasgabbiin jijjiiramicha deggaruufi tumsuunis irraa eegama.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015