Marii ummataa Oromiyaa lixaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Marii jilli hoggansa olaanaa Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu torban darbe jiraattota godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaafi Qellem Wallaggaa wajjin dhimmoota nageenyaafi misoomaarratti Magaalaa Naqamtee, Gimbiifi Dambi Dollootti taasise bu’aaqabeessa waan tureef godinaalee Oromiyaa hafan keessattis kan adeemsifamu ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibsa tibba kenneen eereera.

Hogganaan biirichaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa Kibxata darbe gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, kutaaleen hawaasaa marii dhimma nageenyaafi misoomaarratti xiyyeeffachuun adeemsifamerratti hirmaatan mootummaan rakkoolee nageenyaa, bu’uraalee misoomaa, hojidhabdummaa, qaala’ina jireenyaafi gocha finxaaleyyiin hawaasa naannawaarratti raawwatan akka furu gaafataniiru. Mootummaan naannichaas nageenya amansiisaa fiduuf tattaafachaa tureera.

Mootummaan humni shororkeessaa Shaneefi dargaggoonni karaa nagaatti akka deebi’aniif waamicha taasiseera. Waamicha mootummaan, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqeefi jaarsolii biyyaa taasisaniin dargaggoonni baay’ee gara nagaatti kan deebi’an ta’uus eeraniiru.

Gareen shororkeessaa kun waamicha karaa nagaatiin taasifameef didee lammiilee nagaafi bu’uraalee misoomaarratti xiyyeeffachuun miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu himanii, caasaan nageenya naannichaa Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin ta’uudhaan humna karaa nagaa socho’aa hinjirre kanarratti tarkaanfiiwwan gara garaa fudhataniiru; fudhachaas jiru.

Tarkaanfiin humna kanarratti fudhatamu gara fuulduraattis cimee kan itti fufu ta’a. Dargaggoonni karaa nagaan harka kennachaa jiran waan deggeramuu qabu waan ta’eef kanneen humnicha keessatti hafanis karaa nagaan qaamolee nageenyaa, Abbootii Gadaafi jaarsolii biyyaatti akka harka kennataniif irra deebiin waamicha dhiyeessina jedhu.

Mootummaan rakkoo nageenya naannichaa furuuf yeroo kamuurra cichoominaan hojjechaa jiraachuus himanii, sababa rakkoo nageenyaatiin ijaarsi pirojektota bu’uraalee misoomaa Godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, Qellem Wallaggaafi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti jalqabaman addaan citaniiru.

Bu’uraaleen misoomaa buleeyyiin kanneen akka manneen barnootaa, buufataaleefi kellaawwan fayyaa humna badii shororkeessaa Shaneetiin barbadaa’aniiru. Mootummaan ijaarsa pirojektoota addaan citan deebisee jalqabsiisuufi bu’uraalee misoomaa barbadaa’an ammoo deebi’ee suphuun tajaajilaaf oolchuuf cimee hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Hirmaattonni marichaa mootummaan Finxaaleyyiin Shaneefi Finxaaleyyiin Afaan Amaariffaa dubbatu kan lammiilee nagaafi qabeenyarratti miidhaa guddaa qaqqabsiisaa jirurratti tarkaanfii akka fudhatuuf gaafataniiru. Humnoonni badii kunneen qabeenya hawaasaa barbadeessuurra darbanii hawaasni qe’eesaarraa akka buqqa’u taasisaniiru.

Kaayyoon humna finxaaleyyii ummata Oromoofi Amaaraa walitti buusuu waan ta’eef saboonni lamaan kana hubatanii finxaaleyyiin saba kamuu bakka bu’uu waan hindandeenyeef irratti qabsaa’uufi kanneen badii geessisanirratti ammoo tarkaanfiin seeraa akka fudhatamuuf mootummaa wajjin hojjechuu akka qaban gaafataniiru.

Mootummaan naannichaa lammiilee sababa rakkoo nageenyaafi miidhaa finxaaleyyiin qaqqabsiisaniin qe’eesaaniirraa buqqa’an qe’eefi qabeenyasaaniitti deebisuuf hojiilee bal’aa raawwachaa jiraachuus eeraniiru.

Mootummaan naannichaa omishaafi omishtummaa guddisuu, rakkoo hojidhabdummaa furuufi qaala’ina jireenyaa hir’isuufi xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himanii, kun hunduu milkaa’uu kan danda’an yoo nageenyi waaraan jiraate qofa waan ta’eef ummanni qaama seeraan ala hidhatee socho’urratti dhiibbaa barbaachisu taasisuufi naannawasaa eeggachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Marii jilli hoggansa olaanaa Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu torban darbe jiraattota godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaafi Qellem Wallaggaa, Magaalaa Naqamtee, Gimbiifi Dambi Dollootti dhimmoota nageenyaafi misoomaarratti taasise bu’aaqabeessa waan tureef godinaalee Oromiyaa hafan keessattis kan adeemsifamu ta’u heraniiru. Marichi mootummaafi ummata gidduutti wal hubannoo uumeera. Maricharratti mootummaan rakkoolee hawaasni kaase furuuf kan waadaa gale ta’uus eeraniiru.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015

Recommended For You