Finfinnee: Korri Qorannoo Oromoo idil addunyaa mataa duree, “Haasbarruu Oromoo gaanfa Afrikaa keessatti, kan durii, ammaafi boruu” jedhuun Roobii darbe Yunivarsiitii Haramaayaatti taa’ame.
Korri kun qindoomina yunivarsitii Jimmaafi Haramaayaatiin kan qophaa’e yoo tahu, qorannoowwan afaan, aadaafi duudhaa Oromoo irratti xiyyeeffatan dhihaatanii marii bal’aan irratti gaggeeffameera. Qorannoowwan kora kana irratti dhihaatan aadaa tiksuun dhalootaaf dabarsuuf kanneen dandeessisan tahuun ibsameera.
Kora kana irratti hayyoonni damicha irratti qorannoo gaggeessan yunivarsitii adda addaa irraa baba’aniifi qaamoleen qooda fudhattootaa damichaa hirmaataniiru. Haasaa baniinsaa kan taasisan Pirezdaantii Ittaanaan Yunivarsitii Haramaayaa Pirofeesar Jeeylaan Waliyyee, Qorannoo Oromoo, rakkoo dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa Oromoo irratti qorannoowwan furmaataa kan itti dhihaatan tahuu dubbachuusaanii Etv Afaan Oromoorraa odeeffanne.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015