“Kan tajaajila qarshiin bituufi kennu walqixa adabamuu qaba”Obbo Taarraqany Bulultaa

Natsaannat Taaddasaatiin

Bishooftuu: Sagantaan sosochii invastimantiifi industirii “Itoophiyaan haa omishtu, Oromiyaan haa omishtu” jedhu qindoomina Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaafi Ministeera Industiriin qophaa’e dheengadda Magaalaa Bishooftuutti adeemsifameera.

Hoggantoonni seektara invastimantiifi industirii naannoo Oromiyaafi federaalaa, invastaroonni, hoggantoonni baankotaa, omishtoonni industirii, waldaaleen IMX gara invastimantiitti ce’an saganticharratti argamuun gabaasa sochii invastimantiifi industirii magaalota Bishooftuufi Duukam akkasumas Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaa dhiyaateerratti marii bal’aa taasisaniiru.

Saganticharratti invastaroota raawwii hojiisaaniitiin fakkeenya ta’aniif beekamtiin kan kenname yoo ta’u, omishaaleen industiriiwwan gara garaas agarsiisaaf dhiyaataniiru. Omishtoonni industirii akka jedhanitti, “Nuti omishaalee alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuufi alatti erginee galii sharafa alaa argamsiisuun waan dinagdee biyyaa utubaa jirruuf mootummaan deeggarsa barbaachisu nuu taasisuu qaba” jedhan.

Omishaaleen biyya keessaas gabaarratti xiyyeeffannaa argachuu akka qaban eeranii, omishaalee qonnaarrattis sona dabalanii gabaa biyya alaaf dhiyeessaa jiraachuufi bu’uuraalee misoomaa adda addaa hojjechuun hawaasa naannawaa fayyadamoo taasisaa jiraachuus himaniiru.

 ibsaa addaan ciccituun, baankiirra hanqinni qarshii liqii isaan mudachuun, bu’uraaleen misoomaa misooma industiriif barbaachisan mootummaadhaan guutamuu dhabuun, murtiin eeyyama invastimantii lafarra harkifachuun rakkoolee gurguddoo invastaroonni kaasan yoo ta’u, invastaroonni eeyyama invastimantii argatan dafanii hojiitti galuu dhabuun, lafti invastimantiif kenname utuu hinmisoomin waggoota lakkoofsisuun rakkoolee gama mootummaatiin ka’an keessaa isaan ijoodha.

Abbootiin industirii saganticharratti hirmaatan akka jedhanitti, mootummaan invastaroonni gara hojii industiriitti akka galaniif waamicha taasisaafii akkuma jiru erga isaan hojiitti seenanii booda ammoo rakkoo isaan mudatu furuurratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabuudha kan yaadachiisan.

Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa akka jedhanitti, jijjiiramni kan dhufu waliin hojjechuudhaani. Rakkoolee invastaroota mudatan waliin mari’achuun furaa deemuu qabna. Gama kanaan keessumaa waggoota sadan darbanii as hojii halkaniifi guyyaa hojjechaa jirruun jijjiiramni qabatamaa damee industiriirratti mul’achaa jira. Rakkoolee addaan ciccituu humna ibsaafi bu’uuraalee misoomaa industiriiwwan gara garaa mudatanis qaamolee dhimmichi ilaallatu wajjin furuuf hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Mootummaan naannichaa magaalotarratti riifoormii taasisuudhaan naannicha giddugala invastimantiifi industirii taasisuuf hojjechaa jiraachuu himanii, hojiilee gama hundumaan misoomaafi guddina industiriirratti

 raawwatamaa jiran milkeessuuf nageenya mirkaneessuufi hanna dhabamsiisuurratti waliin duuluu qabna. Hanna hir’isuuf abbootiin gabeenyaa faayidaa qarshiin bitachuurra, hoggantoonni ammoo tajaajila qarshiin kennuurraa of qusachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hogganaan Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaa Obbo Ahmad Idris akka jedhanitti, hojiileen gama invastimantiifi industiriitiin Magaalaa Bishooftuufi Duukam keessatti raawwatamaa jiran jajjabeessoodha.

Bu’aaleen damee industiriitiin keessumaa waggoota afran darbanii as magaalotaafi naannicha keessatti galmaa’aa jiran ragaadha. Naannichatti kenna tajaajila invastimantiifi industirii teknolojiin deeggaramee karaa ‘online’ akka kennamu ta’eera. Faayiloonni invastimantii kuma 20 ta’an Iskaan ta’ee gara kompuutaraatti galaa jiraachuufi hojiin kun ji’a lama booda kan xumuramu ta’uufi eeyyama murtii boordii lafarra harkifate jedhu furuufis xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Ministir De’eetaan Industirii Obbo Taaraqanyi Bulultaa akka jedhanitti, mootummaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuufi guddina dinagdee biyyattii si’eessuuf omishaafi omishtummaa industirii guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Industiroonnis omishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuu, sharafa alaa argamsiisan guddisuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Hojiilee damee industirii biyyattii guddisuurratti raawwatamaa jiraniin omishaaleen industirii biyyattii waggaa waggaan fooyya’iinsa agarsiisaa jiraachuu himanii, kenni tajaajila damee industiriis fooyya’aafi jijjiirama gaarii agarsiisaa jira. Jijjiiramoota gama hundaan mul’achaa jiran itti fufsiisuuf ammoo hanna dhabamsiisuurratti waliin duuluu qabna. Kan tajaajila qarshiin bituufi kennus walqixa adabamuu qaba jedhu.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015

Recommended For You