Biiroon Galiiwwan Oromiyaa galii qarshii biliyoona 37 ol yoo sassaabu Ministeerri Galiiwwaniimmoo biliyoona 225 ol walittiqabeera

Waasihun Takileetiin

Finfinnee: Dhaabbileen warraaqsa dinagdee biyyaa utubuun galii biyyaa ol guddisaa jiran keessaa Ministeerri Galiiwwaniifi Biiroleen Galiiwwanii sadarkaa naannootti jiran isaan ijoodha.

Dhaabbileen mootummaa kunneen gibiraafi taaksii sassaabuun dinagdee biyyaa utubaa kan jiran yoo ta’u, bara bajataa 2015 gabaasa ji’a ja’aa dhiyeessaniin karooraa ol galii sassaabuu beeksisaniiru.

Hoggantuun Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin ji’a ja’a keessatti galii qarshii biliyoona 38.151 walitti qabuuf karoorfamee qarshii biliyoona 37.14 (97.26) sassaabamuu beeksisaniiru.

Galiin kun kan bara darbee wajjin wayita walbira qabamu caalmaa guddaa kan agarsiise ta’uu beeksisaniiru. Akka ibsasaniitti garaagarummaa caalmaa qarshii biliyoona 12.302 ykn dhibbantaa 49.60n guddina agarsiiseera.

Ministeerri Galiiwwaniis gamasaan ji’a ja’a keessatti qarshii biliyoona 228.23 waalitti qabuuf cichee hojjetaa turuufi qarshii biliyoona 225.93 walitti qabuu Ministirri Galiiwwanii Aadde Aynaalam Nugusee beeksisaniiru.

Galiin kun kan bara darbee wajjin walbira qabamee wayita ilaalamu caalmaa qarshii biliyoona 54.62 ykn dhibbanta 31.90 agarsiisuus beeksisaniiru. Hojiin sassaabbii gibiraa akka si’atu gochuun kanaa ol galmeessisuuf kenniinsa tajaajilaa dijitaalaa babal’isaa jiraachuu beeksisaniiru.

Kuni ta’us hojjettoota mana hojichaa hojmaata badaa, hanna, gibiraaf taaksii waliin dhahuu keessatti qooda fudhatan irrattis tarkaanfiin madaalawaa fudhatamaa turuu beeksisaniiru. Akka ibsasaaniitti, hojjettoota 11 hojmaata badaa hojjechuun ragaan qabaman hojiirraa gaggeeffamaniiru. Hojjettoonni 58 ammoo hojmaata badaa hojjetaniin qixa tarkaanfiin sadarkaarraa gadi buusuurratti fudhatamuu Ministirittiin beeksisaniiru.

Kanamalees hojjettoota dhiiraa 83fi dhlaa 43f ammoo akeekkachiisni barreeffamaa kennamuun hojii qulqullina qabu hojjetanii galii damichaa dachaan dabaluuf teknolojii dijitaalaan babal’isuun hojiitti seenuu beeksisaniiru.

Adeemsa sassaabbii galii keessatti hudhaalee ta’uun damicha qoraa kan turan keessaa daldalli seeraan alaa, kontirobaandiin, gibira waliindhahuun isaan ijoodha kan jedhn Aadde Aynaalem qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin hordoffiifi deeggarsa walirraa hicinne taasifamuun jijjiiramni guddaa galmaahuu dubbatu.

Galii olaanaa argame kanaaf hojjettoonni damichaa akkasumas qaamonni nageenyaafi dhimmisa isaan ilaallatu marti kan galateeffaman ta’uus hubachiisaniiru. Fuuldurattis galii karooraa ol sassaabuun sharafa alaa olaanaa argamsiisuuf teknolojii dijitaalaa babal’isuufi aantummaan hojiin akka hojjetamuuf kallattiin taa’ee hojiitti seenamuu beeksisaniiru.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015

Recommended For You