
Adaamaa: Ammaan tana magaalota biyya keenyaatti qormaata ta’aa kan jiru seeraan alummaa haalota adda addaatiin ibsaman kanneen akka kenna tajaajilaa gurguruu, daldala seeraan alaa keessattuu shaqaxoota dhoksuu, sirna bobbiifi to’annoo tiraafikii, weerara lafaafi kkfdha.
Qormaatawwan kanneen sirnaan kan hubate Bulchiinsi Magaalaa Adaamaas hudhaalee kanneen dhabamsiisee jijjiirama qabatamaa fiduuf akkasumas pirojektii magaalattii Ismaarti Siitii gochuu jedhamu bocuun rakkoolee armaan olitti eeramaniifi kaan maqsuu akka maniitti qabatee hojiitti seeneera.
Qaamolee pirojektii Adaamaa Ismaarti Siitii gochuu keessaa tokko kan ta’e Giddugalli Bilbilaafi Baayomeetirik Atteendaansi jedhamu Kamisa darbe iftoomeera.
Kantiibaan magaalattii Obbo Hayiluu Jaldee ibsa kaayyoofi barbaachisummaa gidduugalichaarratti kennaniin akka jedhanitti, kaayyoon hundaa’uu giddugalichaa nageenya Adaamaa amansiisaa taasisuuf, bulchiinsa cimaa uumuuf, qabeenya to’achuuf, balaawwan tasaa ittisuuf, alseerummaawwan addaddaa ittisuufi dandeettii raawwachiisummaa caasaalee mootummaa cimsuudha.
Giddugalagalicha banuuf qophiiwwan haalduree taasifamaa turuus himanii, diizaayiniin dhimma kanaaf barbaachisu hojjetamuu dubbataniiru. Kanaafis sarara bilbilaa 9141 Itiyoo-Teleekoomirraa eeyyamsiisuun ifatti hojii eegaluu ibsan.
Waa’ee tajaajilawwan giddugalicha keessatti hojjetamanii wayita ibsan, kaameeraawwan dhimmoota nageenyaa, balaa tasaa, tajaajila sektaroota mootummaafi dhuunfaa hordofuu, alseerummaawwan adda addaa ittisuufi sochiiwwan magaalichaa kan to’atan hedduu magaalicha keessatti fannifamanii kan jiran yoo ta’u, sa’aatii 24:00 kan tajaajilaniidha jedhan.
Giddugalichi Magaalaa Adaamaatiif daran murteessaa ta’uus himanii, bu’aa qabeessummaansaas yaadicha maddisiisuun hojiitti hiikuu qofa otoo hintaane, erga hojiitti hiikamee booda sirnaan ittifayyadamuufi ittifufiinsasaa mirkaneeffachuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Giddugalli kun nageenya amansiisaa magaalichaa mirkaneessuufis gahee olaanaa akka qabatu Obbo Hayiluun dubbatanii, kunis qaamolee nageenya booressuuf socho’an saaxiluun, daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa to’achuuf, sochii nageenya booressuuf taasifamu kamuu to’achuufis kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Kanaaf giddugalichi dhimmoota nageenya booressaniifi daldala seeraan alaa ittisuuf gahee olaanaa qaba jedhanii, milkaa’ina hojichaatiifis jiraattonni magaalattiifi Itiyoo-teleekoom gahee olaanaa akka qaban himaniiru.
Sirna iftoomsa Giddugala Bilbilaafi Baayomeetirik Atteendaansii kanarratti kan argaman Abbaan Qabeenyaa Yunivarsiitii Harraambee Obbo Fayyisaa Araarsaa yaada kennaniin, Adaamaan akkuma magaalota addunyaa biroo hawwattuu, mijattuufi Ismaarti Siitii akka taatuuf bulchiinsa magaalattii wajjin kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.
Wayinisheet Kaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015