Shamarree Aziizaan abbaashee Obbo Duubee Badhaasoofi haadha ishee Aadde Mohiinaa Gadaarraa Godina Arsii Lixaa, Heeban Arsiitti dhalattee guddatte. Barumsashee hanga kutaa 9ffaatti bakkuma dhalootasheetti baratte. Shamarreen tun yeroo ammaa Magaalaa Adaamaa kan jiraattu yoo ta’u, kophee qulqulleessuudhaan ofiifi harmeeshii jiraachisaa jirti.
Shamarreen tun gaafdeebii dheengadda Gaazzexaa Bariisaa waliin taasifteen akka jettetti, hojii kophee qulqulleessuu kan jalqabde Magaalaa Adaamaatti utuu hintaane bakkuma dhalootasheetti.
Bakka dhalootasheetti erga waggaa tokkoof hojii kana hojjettee booda yeroo ammaa Magaalaa Adaamaatti hojii kophee qulqulleessuu daraan ittifuftee ittiin of jiraachisaa jirti. Mindeeffamanii hojjechuurra xiqqaas ta’u hojii dhuunfaa ofii uummatanii hojjechuu wayya jechuudhaan hojii kophee qulqulleessuu kana akka eegalte dubbatti.
Aziizaan kanaan dura mindeeffamtee ji’aan qarshii kuma lama argachaa akka turte eertee, qarshii kanaan of jiraachisuun waan itti ulfaateef hojii dhuunfaashee kophee qulqulleessuutti deebite. Mindeeffamanii hojjechuufi hojii dhuunfaa ofii ummatanii hojjechuu gidduu garaagarummaa guddaatu jira kan jettu Shamarreen tun, qarshii mindeeffamtee hojjechaa turteen kiraa manaayyuu kaffalachuu hindandeessu turte. Galii kophee qulqulleessuudhaan argattuun garuu mana kiraa kaffalattee ittiin of jiraachisaa jirti. Hojii kophee qulqulleessuu kanaan guyyaatti qarshii 300 hanga 400 argachaa kan jirtu ta’uus ni dubbatti.
Kophee tokko qarshii 10 hanga 20tiin qulqulleessaafi suphaa kophee dabalatee hanga qarshii 50n hojjetaa kan jirtu ta’uu kan eertu Aziizaan, hojiin kun kan dhiiraati, kun ammoo kan shamarraniiti jedhamee adda ba’ee waan hinjirreef hundumtuu carraa hojii jirutti fayyadamuu akka qabu gorsiti.
Galii hojii kophee qulqulleessuu kanaan argatturraa qusachaa, ittiin jiraachaafi haadhashees ittiin gargaaraa jiraachuu dubbatti. Gara fuulduraatti guyyaa hojjettee barumsa galgalaatiin barumsa ishee ittifufuuf karoora kan qabdu ta’uu himteetti.
“Maamiltoonni koo shamarree ta’ee hojii kanarratti bobba’uu kootiif najajjabeessu, na kabajus” kan jettu Aziizaan, namni tokko hojii tokko kan hojjetu ittiin jiraachuufi ittiin of jiraachisuuf waan ta’eef anis hangan bakka kaayyoo koo ga’utti hojiin hojjechaa jiru jaalalaafi kutannoo cimaadhaanan hojjedha jechuun eerti.
“Kaayyoon koo gara fuulduraa konkolaataa dhuunfaa koo qabaadhee ittiin dalaguudha. Ani muuxannoodhaan baajaajiifi doqdoqqee nan oofa. Ani amala kootiin hojii kamiyyuu itti seenee hojjechuuf fedhii guddaan qaba, yaalii cimaas nan taasisa” jetti.
Shamarraniifi dardarran ilaalcha hojii tuffachuufi filachuu keessaa ba’anii carraa hojii argametti kan fayyadaman yoo ta’e hojjetanii of jijjiiruu danda’u. Dargaggoonni hojii barbaaduuf biyya alaa deemuurra carraa hojii biyya keessa jirutti fayyadamuu qabu. Yeroo baay’ee dargaggoota kan miidhaa jiru hojii tuffachuufi filachuudha. Biyya alaa yoo deeman garuu hojii filachuun hinjiru. Hojiin xiqqaa guddaa hinqabu. Hojii kamiyyuu hojjechuun nama kabachiisa malee nama hinsalphisu. Salphinni hojii malee taa’uufi utuu fayyaa qabanii gargaarsa nama biraa eeggachuudha jetti Aziizaan.
Hojii kamuu jaalala, ofitti amanamummaafi kutannoodhaan kan hojjennu yoo ta’e itti milkoofna kan jettu shamarreen tun, biyya alaa kan deemnu yoo ta’es qarshii tolatti argachuun hinjiru. Hojii barbaachaaf biyya alaa deemuun dararaa guddaa qaba, boqonnaa biyya keessatti qabnu biyya alaatti hinqabnu.
Qaama nagargaaru, bakka hojii naaf mijeessuufi na bira dhaabbatu utuun argadhee yeroo gabaabaa keessatti kaayyoo koo bira ga’uun danda’a kan jettu Aziizaan, kabajni maamiltoonni koo anaa qaban garuu hamileen hojii koof qabu daran cimsuun gammachuu guddaa nakeessatti uumeera. Shamarraniifi dargaggoonni ilaacha hojii tuffachuufi filachuu keessaa ba’anii carraa hojii argametti fayyadamanii hojjechuun of jiraachisuufi maatiisaanii gargaaruu qabu jechuun dhaamteetti.
Shamarreen tun dargaggoota hojiif jecha karaa seeraan alaa biyya alaa utuu deemanii imalarratti gidiraa guddaa argaafi du’aa jiraniif fakkeenya gaarii taati. Kutannoofi jaalala hojii qabaannaan biyya keenya keessa carraa hojii bal’aatu jira jetti. Aziizaan yeroo ammaa Magaalaa Adaamaa, Kutaa Magaalaa Booleetti, kophee qulqulleessitee, ofiif haadhashee gargaaraa jiraachuu dubbatti.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015